Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tigiraayitti 'haleellaan qilleensarraa jiraachuu waan danda'uuf jiraattotni magaalatti akka walitti hin qabamne' MM Abiy Ahimad himan
MM Abiy Ahimed mootummaan federaalaa naannoo Tigiraay keessatti tarkaanfii fudhataa jiruun haleellaan qilleensarraa jiraachuu akka danda'u himan.
Abiy Ahimed ibsa televizhinii biyyaaleessaa biyyichaa irratti afaan Tigiriffaan dubbataniin haleellaan qilleensarraa gaggeefamu namoota nagaa irratti kan xiyyeeffate akka hin taane himanii garuu bakkeewwan humnootni balaa qaban jedhanii waaman qabatan irratti akka qiyyeeffatu ibsan.
''Haala kana keessatti wanti hin eegamne akka hin uumamneef jiraattotni naannoo magaalaatti walitti qabamtanii socho'uu akka hir'istan isinan hubachiisa'' jedhan.
MM Abiy mootummaan federaalaa bulchiinsa naannoo Tigiraay TPLF irratti waraana bane ''dirqamnee waraana itti galledha'' jedhan.
Uummata kabajamoo, humni ittisaa rafee osoo jiruu haleelameera. Adunyaan osoo arguu haleellaa raawwate kan jedhan Abiy ''miseensota TPLF hunda miti diinni keenya'' jedhan.
''Diinni keenya TPLF keessa humna jirudha'' jedhan. MM Abiy erga aangootti dhufanii biyya nagaa gochuufi badhaadhina fiduuf hojjechaa turuu himanii amma garuu '' TPLF keessa humni gantuu jiru imala keenya gufachiisaa tureera'' jedhan.
Misooma gufachiisaa ture. Humni kun uummatni Tigiraay uummata Itoophiyaa irraa adda bahuun nageenyaa fi badhaadhina irraa akka hin hirmaanne taasiseera'' jedhan.
TPLF heera mootummaa cabseera jechuun qabxiileen shan kaasan:
• Murtee seerota paarlaamaa bahan fudhachuu dhabuu
• Seeraan ala dhaabbilee idil-adunyaa fi biyyoota waliin hariiroo jalqabuu
• Biyya keenyaa fi adunyaa guutuu irratti weerara koroonaavaayirasii uumameen filannoon akka dheeratu murtoo manni Maree federeeshinii dabarse cabsuun filannoo seera qabeessa hin taane gaggeessuu
• Mootummaa federaalaa fi naannoof karaa beekkamtii hin qabneen hariiroo addaan kutuu
• Humnoota badii naannolee kaan keessa jiran waliin tahuun jeequmsa kaasuun lubbuun lammiilee nagaa akka badu gochuu eeraniiru.
Dabalataan tajaajilli ibsaa fi bilbilaa addaan citee ture TPLF'n akka raawwate ibsuun uummatni Tigiraay humna raayyaa ittisa biyyaa waliin hiriiruun gara misoomaatti akka deebi'amuuf MM Abiy waamicha dhiyeessaniiru.