Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Ameerikaan diina guddoo Koriyaa Kaabaati' - Kiim Joong Un
Hogganaan Koriyaa Kaabaa Kiim Joong Un Ameerikaan 'diina guddoo' Koriyaa Kaabaati jechuun, eenyumtuu pirezidaantii ta'us US imaammatashee Piiyongiyaang irratti qabdu ni geeddarti jedhanii akka hin eegne ibsan.
Kiim haasaa Paarii Hojjattootaa biyya bulchu irraatti haala baayyeen hin baramneen taasisanii, dandeettii meeshaalee waraanaa nikulaaraafi humna waraanaa biyya isaanii akka cimsan waadaa galaniiru.
Kana malees, karoora doonii niikulaaraa bishaan keessaa xumuruuf qarqara irra gahuu himan.
Kiim kana kan dubbatan tibba pirezidaantii haaraan Ameerikaa Joo Baayidan aangoo pirezidaantummaa isaanii fudhachuuf guyyoonni muraasni qofti hafeetti.
Xilxaltoonni akka jedhaniittis, Kiim kana kan jedhan bulchiinsa haaraa Baayidan dhiheenyatti hundeessuuf jiru irratti dhiibbaa taasisuuf yaaluusaati jedhana.
Mariiwwan yeroo garaa garaatti karoora nikulaaraa Koriyaa Kaabaa ilaalchisee taasifameen bu'aa qabatamaa hedduun argamuu baatulleen, Kiim garuu pirezidaantii Ameerikaa amma aangoo gadhiisa jiru Tiraamp waliin walitti dhufeenya gaarii qabu turan.
Kiim haasaa walgahii seenaa Paartii Hojjattootaatti saddeettaffaa ta'e irratti taasisaniin, 'humnootiin dinaashee' dursanii biyya isaanii irratti haleellaa raawwachuuf kan yaadan yoo ta'e malee Koriyaan Kaabaa meeshaalee nikulaaraa ishee fayyadamuuf hin yaadu jedhan.
''Ameerikaan warraaqsa biyya keenyaatiif diina guddoofi danqaa olaantuudha...eenyumtuu aangoo qabatuus imaammata Koriyaa Kaabaa irratti qaban hin jijjiru'' jechusaanii maddi oduu mootummaa biyyattii gabaaseera.
Haasaa isaanii kanaanis misaa'eloota baalaastiikii fageenya dheeraa irraa lafaafi galaana irraa furgugifamuu danda'an dabalate tarree meeshaalee waraanaa ifa taasisaniiru.
Koriyaan Kaabaa qoqqobbaan dinagdee cimaan irra kaa'amulleen sagantaa ijaarsa meeshaa waraanaa ishee haalaa olaanaadhaan guddisuu dandeessee jirti.
Kiim jalqaba torbaan kanaatti, biyyisaaniif karoora dinagdee waggoota shanii raggaasifamee ture 'haala damee hundaan' jedhamuun fiixaan baasuu akka hin dandeenye amananii turan.
Koriyaan Kaabaa koronaavaayirasiin biyyattii keessatti akka hin galle ibsitulleen, facaatii isaa dhorkuuf baatii Onkololeessaa daangaalee ishee cufteetti.
Wal jijjiraan daldalaa ollaafi deegartuu ishee kan taate Chaayinaa waliin qabanis parsantaa 80n gadi bu'eera.
Lolliifi obomboleettiin ammoo sagantaalee nikulaaraa ishee dabalatee manneenniifi midhaan hedduu barbadeessee jira.