Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Abrahaam Dureessaa: Dargaggoo qaro-dhabeessa ibiddaan gubee of ajjeese maaltu mudate?
Dargaggoo qaro-dhabeessi Abrahaam Dureessaa qormaata gahumsa mirkaneessu kan namoota seera barataniif kennamu Kibxata darberraa eegalee fudhachaa ture ibiddaan gubee of ajjeese.
Yuunivarsiitii Diillaatti seera kan baratee fi san booda gara Finfinnee kan dhufe dargaggoon kun amma dura qormaata kana irra deddeebiin fudhatee itti hin milkoofne ture.
Qormaata miilanaa kana garuu haalaan itti qophaa'aa waan tureef guyyoota sadi qormaticha fudhatetti gammachuu qaba ture jedha hiriyaa fi mooraa tokko keessa kan waliin jiraatu Xaasawu Habtaamuu.
"Anaaf inni moora tokko keessa kireeffanne erga jiraachuu eegalle gara waggaa shanii ta'eera. Qormaata Kibxata eegalame kana Roobii fi Kamisaa yeroo haasofne gamachuumaan qoramaa ture waan itti qophaa'eef," jedha.
Jimaata garuu wanti inni hin eegne tokko isa mudate.
Qormaatichi yuunivarsitii Finfinnee moora FBE [Faakaltii Biizinasii fi Ikoonomiiksii] kan naannoo 'siddist kiiloo' jedhamee beekamu jirutti ture.
"Xiqqoo waan barfateef, aariitiin koodii qormaata isaa utuu hin qabatiin ba'e. Seenee 'koodii koon dagadhe naa qortuu jennaan, lakki manatti deebi'iiti fidii koottu' jedhaniin jedha.
'Siddist Kiiloo' irraa gara manaa Shiroo Meedaa jirutti taaksiin deebi'e jedha hiriyaan isaa kun.
Yeroo taaksii irraa bu'uu gara manaa ga'uuf daandii miilaa mijataa hin taanerra deemuu qaba ture jedha.
"Mana ga'ee koodii isaa fudhatee yeroo yunivarsitiitti deebi'utti saa'aatiin hanga tokko deemeera. Ta'us qormaatni hin dhumne, barattonnis jiru turani. Yoo xiqqaatee gara daqiiqaa 20 hafeera naan jedhee ture."
Hanga dande'eetti "ani qaroo dhabeessadha, ollaan koos fagoodha, sa'aatii jirtuun wal geessisee hojjachuu nan danda'a," jedhe ibsuufis yaalus hin danda'amu jedhanii didaniini jedha Xaasawu.
"Qaroo-dhabeessi yoo hin barannee hin milkaa'u"
Moora sana keesa boo'aa gangalatee, namoota aangoo olaanaarra jiran biroo hasofsiisus hin milkoofneefi jedha.
Kanumaan mooraa yuunivarsiitichaa gadi dhiisee gara manaa akka deebi'e dubbata.
"Naannoo sa'aatii 3:30 ykn 4 irratti mana yeroo dhufu 'qormaata har'aa maaliif hin qoramnee?' yemmuun jedhuun haasa'uu hin feenee hin boo'aa, hin aara, yeroos akka inni qormaata hin fudhanne nuuf gale" jedha.
Namoota biro waliin mooraa tokko keessa jiraatan waliin tasgabbeessuuf yaalanis hin dandeenye.
'Kun caarraa koo isa dhumaadha, qaroo-dhabeessi yoo hin barannee hin milkaa'u,' jechaa akka ture hima hiriyaan isaa kun.
Abrahaam Dureessaa hadha warraa akka qabaachaa ture kan himu Xaasawu dahumsaaf maatii ishee bira gara Maqalee deemtee sababa lola tureen daandiin waan cufameef dhufuu hin dandeenye kanaaf qofaa jiraataa akka ture hima.
"Jimaata galgala naannoo saa'aatii 4tti kutaa isaa cufatee, nuti boqochaa jira jennee yaadne turre, inni garuu gaazii ofitti naqee ibidda ofitti qabsiise," jedha.
Sana booda yeroo ibidiichi mul'achuu eegalu namni hundi balbala kessan cufate sana cabsanii galuun ibidicha dhaamsuun danda'amuus inni garuu miidhamee ture.
Battaluma sanatti gara hospitaalaa geeffamullee lubbuu isaa oolchuun garuu hin danda'amne.
"Ibidichi qaama isaa guutuu gubee miidhe waan tureef, Sanbata ganama naannoo saa'aatii sadiif walakkaatti lubbuun isaa darbe" jedha.
"Dogoggoradha"
Hospitaalatti yeroo lubbuun isaa darbu kan isaa waliin turan namni Obbo Ashabbir Gebrehiwot jedhaman BBC'tti akka himanitti qaamni isaa guutuu ibiddaan gubatee ture.
"Haakimotni isa marsanii isaa oolchuuf yaala utuu jiranii lubbuun isaa darbe. Maatii fi hiriyyoonni waamamanii reeffi isaa gara Waldaa Qaroo Dhabeeyyii Biyyooleessa geeffame. Sana booda hiriyyoonni isaa dhufanii bo'aanii gara biyyaasaatti gaggeessan," jedhu.
Qormaatichi mooraa isaa keessatti kennamaa kan ture yuunivarsiitin Finfinnee dhimmichi nan ilaallatu jedhe.
Ejensiin madaallii barnootaa fi qoraamaatawwanii ammatti dhimmicha irratti yaada hin kennine.
Qoondaaltonni qormaata qoran Abrahaam qormaatarra dhorkuun isaanii sirrii akka hin turre dhimmicha irratti yaada dhuunfaa isaanii kan gaafanne hogganaan Waldaa qaroo dhabeeyyii Itoophiyaa Obbo Wasan Alamuu ni dubbatu.
"Kuni seeraa beekuu dhiisuu irraa waan ka'edha ilaalcha jedhun qaba" jedhu Obbo Wasan.
"Waligalteen seeraa qaama midhaamtootaaf haalli mijeeffamuu qaba jedha. Haala mijeessu jechuun sa'aatii sirreessuu, iddoo sireessuu ta'uu danda'aa ykn ammoo koodii malee akka qoramuu eeyyamuu ta'u danda'a" jedhu.
Guyyoota sadan qoramaa ture, koodii qormaata isaas fidatee dhufaa ture kan jedhan Obbo Wasan, koodii malee akka qoramu gochuun ni danda'ama ture jedhu.
"Dabalataan ammo nama kaaniif daqiiqaan 30 yoo keennamu, qaroo dhabeeyyiifis daqiiqaan 30 kennamuu hin qabu, kun ifatti dogoggoradha," jedhan.
Qaamni qormaata kana adeemsisu waantoota kana mijeessu qaba ture jedhu.
Akka biyyaattis, seerri yeroo tumamu qaama miidhamtoota of keessatti hin qabatu kan jedhan Obbo Wasan, qaroo dhabeeyyiif sa'aatiin dabalataa akka barbachisu kaa'amuu dhabuun isaayyu dogoggoradha jedhan.