Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Qaroo - dhabeeyyiin Hindii lama jaalalli walitti fide waa'ee jaalalaa maal jedhu?
Jechamni "Jaalalli jaamaadha" jedhu baratamaadha. Garuu yoo jaalalli namoota qaroo - dhabeeyyii lama walitti fide maal ta'a?
"Jaalala gosa baayyee adda ta'e argita. Jaalala miidhagina qaamaa irratti hin hundoofne," jechuun ibsa ogeessi suuraa Hindii badhaasa mo'ate Niraaj Geeraa.
Dhiyeenya kana agarsiisa suuraa Jaalala Mudaa Hin qabne jedhuun, ogeessi kun suurawwan 13 fayyadamuun seenaa abbaa warraafi haadha warraa qaroo -dhabeeyyii tokko hima.
"Masaraa Kanawut [Delhii keessatti] shamatachaan ture. Adoolessa keessa guyyaa tokko yeroon jaalalleewwan dhiiraafi dubaraa baay'ee bareedan tokko argutti.
Harka wal - keessa galfatanii waliin taphachaa, miira gammachuun kokkolfaa deemu ture," jechuun BBCtti hima Geeraan.
Jaalalleewwan kun yeroo gara buufata Metiraa Maasaraa Kanawutitti deeman nama tokkotu isaan gargaare.
Yeroon isaan argutti qalbiin koo na hatame jedha Mr Geeraan. "Jaalalleewwan qaroo - dhabeeyyi ta'an yeroo jalqabaatiif arguu kooti."
Achumaanis gara isaaniitti deemuun akka gara buufatichaa gahan gargaare, jedha Geeraan.
"Wayituman geessaa jiru, waliin dubbachuu jalqabne. Anis dhirsaafi niitii ta'uu isaaniin gaafadhe. Isaanis deebisanii 'eyyeen' jedhan.
Kanuumaan itti fufuun, seenaa isaanii keessan natti himtuu? jedheen gaafadhe. Isaanis, eyyeen jedhan," jedha Geeraan.
Jaalalli mudaa hin qabne seenaa Deepak Yadaav fi Artii Chahuraasiyaa hima. Lamaanuu umuriin isaanii waggaa 21 yoo ta'an, karaa Feesbuukii walargan.
Deepak akka jedhutti mobaayiliin isaanii lamaanuu karaa namoonni qaro-dhabeeyyii ittiin walduukaa bu'an "appilikeeshiinii ittiin argaman ni qaba".
"Appilikeeshinicha keessatti takkaa 'Talkback' banannaan yaada ykn deebii nama biraa sagaleedhaan argatta," jedhe.
Waxabajji 2018 keessa guyyaa tokko, Deepak akka jedhutti maqaan Artii jedhu ergaa yaadachiisaa bilbilaa isaarratti akka "yaadaatti dhiyaatee" hubata.
"Akka waan hedduu wal nu fakkeessu jiruutti natti dhaga'ameen gaaffii hiriyyaa na godhadhuun itti erge," jechuun BBCtti hima seenaa ittiin jalqabe.
Aartiin ammoo deebisuudhaaf torban lama itti fudhate. "Ani isa hin beeku waan ta'eef eenyu ta'a jedheen shakke," jetti ishiin ammoo. Garuu boodarra ni fudhatte.
Yeroo sanarraa kaasanii ergaawwan waljijjiiruu eegalan. Achiin booda ammoo seenaa isaanii erga waljijjiiraa turanii booda lakkoofsa bilbilaa isaanii waliif kennan.
"Yeroo jalqabaatiif bilbilaan kan waldubbisne Adoolessa 31 ture," jedha Deepak.
"Haasaan bilbilaa sun daqiiqaa 90'f ture," jechuun itti dabalti Artiin ammoo.
Yeroo hunda waliin dubbachuu itti fufan. Guyyaa tokko garuu Artiin hiriyyaa durbaa qabdaa jettee isa gaafatte.
"Innis lakki hin qabu jedhe. Bakka duwwaa hin qabamiinitu argame," jechaa kokkolfaa ibsiti Artiin.
Jaalala isaaf qabdu itti hiikkachuudhaaf yerooyyuu isheetti hin fudhanne. Kun Hagayya 10 ta'e.
"Bilbilaan haasa'aa turre. Osoon hiriyyaa tokko waliin taa'aa jiruu ijuma jabaattee ' Sin jaalladha' naan jette. Innis deebisee anis sin jaalladha naan jedhe," jetti.
Deepak daqiiqaa tokkoof akka ishee wallaalee callise. "Kana jechuu kan ture anadha. Kun ga'e kooti jedheen yaade.. Isheen akkamittiin kana jetti? Yeroo muraasaaf callisee tureen deebiseef."
Ji'a lamaan booda, Deepak gara hosteelaa deemtee jarri lamaanuu yeroo jalqabaatiif wal-argan.
Yeroo sanarraa kaasee, Deepak fi Artiin yeroo baayyee wal-argu. Akka jedhanitti hariiroon jaalalaa isaanii cimaa dhufe.
Deepak akka jedhutti iccitii jaalalaa isaanii maatii isaa dhoksee ture. Maatiin isaa akka inni jedhutti "warra sirriitti safuu cimsaniifi hordoffii jabeessan".
"Abbaan koo waa'ee jaalalaafi gocha jaalalaa irraa amma fagaadhu naan jedhe. Sanaaf, booda yeroo ni qabda. Hojii argachuudhaaf barumsa keetti jabaadhu dura," naan jedhe.
Artiin ammoo abbaan ishee beekuu baatus hariiroo jaalalaa isheen Deepak waliin qabdu maatiin ishee garri caalan ni beeku.
Anis maatiin isaanii gabaasa BBCn waa'ee seenaa jaalalaa isaanii hojjete kana argan maaltu ta'a jedhee gaafadheen ture jedha Geeraan.
"Ni argu jedheen abdadha," jedha Deepak.
"Miidiyaan waa'ee hariiroo jaalalaa keenya osoo akkas jajuu yoo argan isaanis akkuma gaariitti fudhatu jedheen yaada," jetti Artiin.
Michuuwwan kun jireenya isaanii fuula duraa waliin qajeelfachuudhaaf yeroo ammaa hojii barbaaddachaa jiru.
"Akkuma tokkoon keenya hojii arganneen bultii ijaaranna," jetti Artiin.
"Garuu yeroo hanga hojii argannee tasgaboofnee booda walfuuna jechuun eegnutti dulloomuu dandeenya jedheen yaadda'a."