Diraamaan kachachala 'Bill Clinton fi Monica Lewinsky' TV Ameerikaarratti daawwatamuuf

Hariiroon wal-qunnamtii saalaa pirezedantii Ameerikaa duraanii 'Bill Clinton' fi hojjettuu Waayit Haawuus kan turte 'Monica Lewinsky', bifa diraamaatiin TV Ameerikaatti dhiyaachuufi.

Pireezidantiin kuni wal-quunnamtii saalaa dubartii kana waliin raawwachuurra darbee waan waakkateef, bara 1999 keessa hanga aangoorraa kaafamuutti isa geessisee ture.

Agarsiisi TV kuni American Crime Story jedhamuun beekamurratti kan tamsa'u yommuu ta'u , kan qilleensarra oola jedhames filannoo pirezedaantummaa marsaa walakkeessaa itti aanu gaggeefamuuf jedhutti.

Akka namoonni tokko tokko jedhanittis, yeroo filannoon jala ga'u dhiyaachuun isaa filanicharrattillee dhiibbaa qabaachuu mala. Keessumaa, warra Dimokiraatotaaf waan gaarii dabarsuu dhiisuu mala jedhan.

Lewinsky'n ammoo ofiidhuma ishee diraamaa seenaa dhugaa bar sana ta'eefi dhokatee hafeera jedhame kanarratti namoota biroon waliin qooda fudhatti jedhameera.

Agarsiifni TV American Crime Story jedhamuun dhimmoota yakka gurguddaadha jedhaman filee daawwannaadhaaf dhiyeessuun beekama.

Namni biraan Lewinsky waliin diraamaa sana keessatti qooda fudhachuuf jiru ammo taatuu beekamtuu Booksmart irratti hojjette Beanie Feldstein taati jedhameera.

Gama biraan ammoo Sarah Paulson akka Linda Tripp ta'uun qooda kan fudhattu yommuu ta'u, namni kun ammoo hojjetaa mootummaa dhoksaadhaan yeroo Lewinsky'n pirezedaant Bill Clinton waliin'sagaagalaa' turan bilbila dhuunfaa isheen waraabaa turedha.

Diraamaa kana keessatti eenyu akka bakka Bill Clinton fi Hillary Clinton ta'ee akka taphatu ammo hanga ammaatti ifa miti.

Ibsa Vanity Fair tiif kenniteen Lewinsky fiilmii kana qopheessuuf 'mamaa fi sodaataa' ture jetteetti.

Garuu erga nama American Horror story qopheessu waliin ''yeroo dheeraa" dabarsiteen booda gara yaada kanaatti deebi'uu dubbatti.

''Waggoota kurnan darban keessa namoonni bakka koo bu'anii seenaa koo dubbachaa turan. Hanga dhiyeenya kanaatti seenaa koo deebisee akka anaan na mudatetti deebisee ofiin dubbachuu hin dandeenye ture," jetti.

"Guddina akka hawaasaatti sadarkaa namoonni akka kootti ukkaamfamanii turan akka dubbatan kan hayyamurra ga'uu keenyaaf galatan qaba." jetta

Dura taa'aan dhaabbata diraamaa kana hojjechiisaa jiru FX John Landgraf Kibxata yeroo dubbatanitti yeroo US filannoof qophaa'aa jirtu kanatti dhiyaachuu qaba murtee jedhu kan deggeredha.

"Ani akkan yaadutti Crime Story'n filannoo pirezedaantummaa dhufu irratti murteessaa ta'a jedhee hin yaadu," jechuudhaan gaazexeessitoota Los Angeles 'tti himeera.

Waan isaan keessatti gumaachuu danda'an gaafachuudhaaf Hillary fi Bill Clinton "bira ga'uu" hin dandeenye jedha itti-gaafatamaan Niiwoork Taayims.

Lewinsky, yeroo ammaa kana umuriin ishee ganna 46. Yeroo Clinton nama waggaa 27 ishee hangafu waliin jaalala ho'aa sana keessa turte garuu ganna 22 turte.

Pirezedaantiin duraanii kun sababa hariiroo jaalala hannaan dubartii sana waliin tureef gaafatamee 'sobuu' isaatiin akka pirezedaantummaa irraa kaafamu itti murta'uun boodarra garuu yakka isaa amanuudhaan aangoo irra tursiifameera

Bara darbe Lewinsky'n akka jettetti gochawwan Clinton, "hojiin isaa aangootti akka malee fayyadamuu" waan ta'eef waan ta'u hubachuudhaaf muuxannoo jireenyaa ga'aa qaba ture."

American Crime Story US keessatti Fulbaana 27, 2020 dhiyeessuuf jira. Agarsiisawwan walitti aanan lamaan yeroo darbee lamaanuu BBC Two irra turan.