Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Himannaa gudeeddii Kiristiyaanoo Ronaaldoo: 'Nike' yaaddoo guddaa qabaachuu ibse
Himannaa gudeeddii Kiristiyaanoo Ronaaldoo irratti dhiyaateen Naaykii (Nike) 'guddaa yaadda'eera' jedha.
Dhaabbati guddichii uffata ispoortii Ameerikaa-Ronaaldoo waliin kontiraata nannoo doolaara biiliyoona tokko kan qabu- 'dhimmichaa dhiyeenyaan akka hordofuu itti fufu ibseera.
Akkuma kana Ronaaldoo waliin kontiraata kan qabu EA sports, yaada wal fakkaataa dhiyeesseera.
Ronaaldoo, 33, bara 2009 hoteela Laas Veegaas jirutti Katiriin Mayoorgaa akka hin gudeedne cimsee haaleera.
Nike fi EA sports maal jedhan?
Naaykiin "Himmanaan jiru kun baayyee nu yaaddeesseera, haalicha dhiyeenyaan hordofuu itti fufna' jechuun ibsa kenneera.
Dabalataan immoo EA sports " Atleetonniifi ambaasaddaroonni keenya sona EA'n qabu waliin akka adeemaan waan barbaannuuf haala kana dhiyeenyaan hordofaa jirra.
Karaa biraan immoo Juveentus- gartuu Xaaliyaani Adoolessa keessa Ronaaldoo bite- taphataa isaa deeggaruun dubbateera.
Fuula 'Twitter' gubbaatti: "Ji'oottan darban keessatti Kiristiyaanoo Ronaaldoo kennamaafi kabaja guddaa hojiif qabu agarsiiseera, kunimmoo nama Juveentus hundaan ni leellifama." jedheera.
Kiristiyaanoo Ronaaldoo himannaan kun 'oduu sobaati' jechuun dubbateera.