Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Yunivarsiitii Miizaan Teeppiitti sababa dirqiin gudeeduun mormiin babal'achaa jira
Yunivarsiitii Miizaan Teeppiitti gochaan dirqiidhaan gudeeduu barattoota dubaraa irratti gahe jedhame booda mormiin adeemsifamaa jira.
Namoonni lama gara mana dhiqannaa barattoota dubartootaa seenanii yaalii dirqiidhaan gudeeduu raawwachuuf yaalan iyyi barattootaa yoo dhagahamu baqatan jedhameera.
Gochaan raawwate jedhame kuni mormii jabaa mooraa yunivarsiitichatti jalqabee, gara magaalaa Mizaan Tafarii Finfinnee irraa kiloomeetira 500 fagaatutti babal'ateera.
Akka barattoonni jedhanitti hamma yoonaa dubartootni 5 tahan dirqiidhaan hin gudeedamiin hin hafne.
''Namni hundi saalaa fi sanyii osoo hin qoodiin gochaa kana mormaa akka jiru,'' barattuun yunivarsiitichaa maqaanshee akka hindhahamne barabaaddu BBC tti himteetti.
''Gochaan akkasii baatiiwwan darban muraasa keessatti raawwachaa ture.''
Bishaan bombaan mooraa keessa jiraachuu dhabuun, sababii barattoota gudeeddii dirqii akkanaaf saaxilan keessa tokkodha jetteetti.
Bishaan waraabuuf halkan naannoo sa'aatii 10 bosona keessa darbanii laga deemuun dirqama.
Rakkoon kuni bulchiinsa yunivarsiitichaaf haa dhiyaatuyyuu malee deebiin hin argamne.
Barattuun kunis nageenya isheef jecha gara magaalaatti baqattee akka jirtu dubbatti.