Dubartii halkan tokkoon ijoollee ishee sadiifi firoota ishee lama ibiddaan of biraa dhabde

Aadde Heelan Warrada jedhamti. Kan dhalatte Itoophiyaatti yoo ta'u, daa'ima waggaa lamaa yeroo taate biyyaa baatee jireenya eegaltuulleen balaa ibiddaa akka tasaa mudateen ijoollee ishee sadiifi firoota lama dhabdee. Bu'aa bahii jireenyashee fi haala amma irratti argamtu BBC'tti himte jirti.

Heelan jalqaba maatiinshee waliin gara biyya Suudaaniitti imaluun waggaa saddeetiif Suudaan keessa jiraatte. Gara Ameerikaa imaluuf carraa kan argattee ammoo wayita daa'ima waggaa 10 turtetti.

Isheenis Ameerikaa Siyaatil keessatti barnoota ishee sadarkaa lammaffaa erga xumurteen booda, akkuma nama kaanii ijoollees godhatte. Ijoollee ishee sadan guddisaa jireenya ishee mo'achuuf, Heelan bu'aa bahii hedduu keessa darbu yaadatti.

Haa ta'u malees, ijoollee ishee Yooseef kan waggaa 13, Nisiran kan waggaa jahaa fi Yaasiin mucaaa waggaa shan waliin gammachuun jireenya gageessaa turuu dubbatti.

Hojii madda galii itti argattu hojjachaa gargaarsa nama biraa malee ijoollee sadii ofiin guddisuun hangam cimaa akka ture himtulleen, jireenyi ijoolleeshee waliin ture baay'ee gammachiisaa akka ture himti Heelan.

Haa ta'u malee, taateen kallattii jireenya maatii kanaa guttummaatti geeddare tokko akka tasaa nama jireenyaa maatii kanaa Siyaatiilitti mudachuu himti Heelan.

Maaltuu mudate?

Guyyaa isaa Sanbata, Adoolessa 2010 ture. Akkuma tasaa iyyii cimaan naannoo mana jireenyaa Aadde Heelan irraa dhagahamaa ture.

Gaafas lammiileen Itoophiyaa gadda isaanii ibsatan walitti qabamanii ture.

Haati ijoollee kanaa, ''ani ijoollee koon barbaada,'' jechaa asii fi achi gaafa fiigdu, ''dubartoonni ammoo ishee jajjabeessuuf wajjin wajagaa turan,'' jechuun ture yeroos Siiyatil Taayims taatee sana kan barreesse.

Heelan balaa abiddaa mana ishee keessatti mudateen, guyyaa sana sa'aatii wal-fakkaataa irratti ijoollee ishee sadan, obboleetti ishee ganna 22 fi daa'ima obboleettiishee dhabde.

Ijoollee fi maatiishee ija jaalalaan ilaaltuufi qanansiisaa turte balaa ibiddaatiin akka tasaatti dhabde.

Balaan ibiddaa sunis waggaa kudhan keessa yeroo jalqabaatiif Siyaatiil keessatti mudate akka ture himamee ture.

Heelaniifi maatiinshee balaan kun osoo hin uumamiin guyyaa tokko dura (guyyaa Jimaataa halkan) fiilmii 'Za Kaaraatee Kiid' jedhamu erga waliin ilaalanii booda gara hirribaa adeemuu yaadatti.

Garuu borumtaa sana guyyaa Sanbataa waan kalleessumtii raawwatan irra deebi'uu hin dandeenye.

Ibiddi mana Heelan fa'i keessatti akka tasaa mudates, ogeessoti yeroo balaa illee to'achuu hin dandeenye ture. Kanaanis kan ka'ee lubbuun namoota shanii balaa ibiddaa kanaan darbu danda'e.

Taatee kanaanis Siyaatilitti gaddi olaanaan tahe. Qalbiin namoota hedduus gaddaan cabe.

Heelan taatee sana wayita ibsitu '' Anaaf wanti hunduu to'annoo kiyyaan ala ture. Dandeettiin ittiin lubbusaanii baraaru hin turre. Waa'eedhuma dhimma kanaas dubbachuun mataasaa gonkumaa anaaf cimaadha. Baay'ee cimaadha...'' jetti.

Heelanis haala akkasiitin ijoolleeshee sadiifi obbooleetti ishee mucaa ishee waliin dhabuuf dirqamte.

Carraa jireenya lammaaffaa heelaniif

Heelan ijooleefi maatiishee balaa sanaan dhabdees 'ergamtoota shanan' jechuun waamti.

Kanaafuu, jireenya balaa sanaan booda jiraataa jirtu hundaa kan 'ergamtoonni shanan' eebbisanii naaf kennan jechuun Waaqa galatteeffatti.

''Hundinu fedha Waaqaati. Inni kan naaf yaade waan tureef haalli sun hundi jireenya kiyya keessatti na mudate,'' jetti.

Kana malees ''jajjabinni maatiin, hiriyyoonniifi hawaasni Siyaatiil naaf taasiseen haala cimaa sana keessa darbuuf humna argadhee,'' jetti Heelan.

''Isaan booda ijoollee dhiiraa lakkuu dahee. Amma waggaa shan guutaniiru. Hundumtu fedha Waaqaatiin ta'e,'' jettti.

Ofii haala cimaa akkasii keessa darbuu jireenya biraa jiraachuuf boru abdii kan taasifannu meeqa keenya laata?

Heelan bo'iichaan booda jireenyi itti gammachu argan kan biraa jiraachu yaaduuf fakkeenya gaarii taati.

"Balaa gaddisiisaa na mudateen dhukkubsattuun ta'a ture. Garuu, akkan keessa darbuuf cimina naaf kenne Waaqni,'' jetti.

Ijoollee lakkuu argattees akka 'dagachiiftoota' gadda isheetti lakkoofti.

Haa ta'u malee, akka haadhaatti wayita ijoollee lakkuu kanneen deessuutti waa'ee ijoolleeshee dhabde yaaddattee, baayyee dhiphina keessa akka turte dubbatti.

Taatee ijoolleeshee harkaa baasee yaadachuun lammaaffaa dhala gochu amanu akka dadhabee turte himti.

Bultee oltee garuu dhugaa jiru amantee fudhachuun jireenya haaraa eegalte.

''Ijoolleen kunneen naaf waan kennamaniif waaqni deebiisee naaf kenne. Jireenyas akka haaraatti eegaleera,'' jechuun jireenyashe isa boqonnaa lammaffaa attamiin akka eegalte himti.

Ijoolleen ishee aadaa Itoophiyaa akka baraniif biyya geessite akka turtes ni dubbatti.

Imala gara biyyaa

Heelan Itoophiyaa Naannoo Tigraay magaalaa Shiree Indaasillaaseetti dhalattuulleen daa'imummaan waan biyyaa baateef afaan Tigree haalaan akka hindubbannee himti.

''Ameerikaa Siyaatil keessa waldaan dhalattoota Tigree jira. Manattis haati kiyyaa yoo afaan Tigreetiin natti dubbatteelleen ani Afaan Ingliziin deebiisaaf ture. Ta'ulleen barachuuf waan barbaaduuf yaaliin taasiseen amma tokko baradheera,'' jetti.

Bakka dhaloota ishee kanatti kan deebitees waggoota 30 booda dhiheenya kana ture. Kaanis kan ka'ee waa'ee biyyashee baay'ee baruu akka dandeesse dubbatti.

Bara kanas jiddu gala fayyaa haadholiifi daa'immanii ''Ergamtoota Shanan'' jechuun moggaafte baasii birri miliyoona 12'tiin ijaartee eebbisiifte jirti.

Maaliif jiddugala fayyaa daa'immaniifi haadholii ijaarte?

Heelan ''fedhiin kiyyaa olaanaan fayyaa daa'iimmaniifi haadhoolii fooyyeessuudha,'' jetti.

Kaayyoo ishee kanas galmaan gahuuf jecha jiddugala fayyaa kana ijaarsisuu himti.

''Ani akka haadha ijoollee guddisuun maal akka fakkaatu hubadheera. Haadholiifi daa'imman baadiyyaa jiran immoo carraan tajaajila fayyaa itti argatan hangam akka ta'e nan hubadha.

Sababii kanaan du'aaf saaxilamu danda'u jedhee waanan yaadeef damee kanaaf xiyyeeffannaa kennu filadhe,'' jetti.

Kanas wayita bakka itti dhalatte dhuftee mudannoo wayita jiddugala fayyaa deemteetti ishee mudate caalaa rakkina fayyaa jiru akka hubattu ishee taasisu himti.

''Dhukkubsattoota wal'aansa argachuuf buufata fayyaa dhaqanii lafa cisan argeera. Akkasumas, daa'imman maatii isaanii sababii Eediisin dhaban hedduus argeera. Uffataafi waan biraa qabadhee dhaquun guyyaa gutuun waliin dabarsaa ture. Rakkina jiruu dhagahuufis yaalee ture,'' jetti.

''Kanarraa ka'uun ture, maaliifan waan tokko hingumaachine jedhee kanan murteesse,'' jechuun attamiin murtee jiddugala fayyaa haadhooliifi daa'immanii hundeessuuf akka kakaate himti.

''Daa'immanii egeeree biyyaafi keenya waan ta'aniif fayyaa qabatanii guddachuun barbaachisaadha. Akkasumas haadhooliin dahumsaan duraafi dahumsaan booda fayyummaansaanii eegamuun fayyaa daa'immaniif gahee olaanaa qabaata. Jiddu galli tajaajilli akkasii itti kennamuus Naannoo Tigraayi guutuu keessa akka jiraatuun barbaada,'' jechuun hawwiishee ibsiti.

Jiddugalli isheen magaalaa dhaloota ishee kan ta'ee Shire Indasillaaseetti ijaarsifte kan jalqabaas ijaarsi xumurame, meeshaaleenis gutameef, hojjattoonnis qaccaramuuf tajaajilaaf qophaa'usaa gabaasaan keenya taajjabeera.

Heelanis kana booda gadda ishee hunda boodatti dhiisuun, gaddi ijoollee dhabuu haadhoolii biraa akka hin mudanneef hojii tajaajila fayyaa haadholiifi daa'immanii babal'isuurratti akka hojjattu himti.