Irbaata qaro-dhabeeyyii hubachuuf dukkana keessa nyaatamu

Yeroo muraasaafis tahu kanneen iji isaanii argu jireenya qaroo dhabeeyyii akka hubatan yaadamee irbaanni sa'aatii tokkoofi walakkaaf dukkana cillimii keessatti dhihaatee ture.

Gaazexeessituun BBCs qaamaan sirna irbaataa magaalaa Finfinneetti qophaa'e kanarratti argamtee wan taajjabde akkanaan seenessite.

Kutaa dukkanaan liqimfame keessaa sagalee nama tokko qofatu dhagahama. Namoonni kutaa dukkanaatti irbaata nyaatuuf seenan gateetti nama isaan qajeelchu qabatani seenu. Bilbilli durumaa akka cufamu himameera.

Dukkana keessa namoonni bakka akka qabatan kan gargaaran jiru. Keessummoota kaan waliin fuula keessa osoo wal hin argin sagaleedhumaan wal barre.

Keessummeessaan waan dhugamu akka ajajnu nu gaafate fidee teessumarra kaa'e. Harkaan tuttuqaa bakka jiru barra malee karaan itti beekan hin turre.

Bakka sanatti argamuun arguu dhabuun hangam rakkisaa akka ta'e nama hubachiisa.

Daqiiqaa muraasaaf osoo hin taane waggoota hedduuf akkanaan jiraachuun hangam rakkisaa akka ta'u namoota irbaata waliin nyaannu waliin odeessine.

Osoo ani akkana ta'e yaadni jedhu hunda keenya keessatti uumame.

Shoorbaa akkasumas boodarra nyaata nuu fidani. Silaa harkiifi afaan wal hin wallaalan jedhama fal'aana qodaa nyaata itti sooratanitti rigaa nyaannee xumurre.

Haasa'aa nyaata soorannus dukkanni waan nama dhiphisu qaba.

Boodarra meeshaalee garaa garaa fidani harkaan tuttuqne adda akka baasnuufi fooliidhaan adda akka baasnu nu gaafatan.

Wanta naannoo keenya jiru dhagahuu, tuttuquufi fuunfachuu qofaan hubachuu itti fufne.

Egaa akka nama qaroo dhabeeyyii tokkoo taane jechuudha. Boodarras qaroo dhabeeyyiin nu qajeelchaa dukkana keessaa baane.

Qaroo dhabeeyyiin akkamiin kana hojjechuu danda'an? Gaaffii jedhuf deebii kennuufi hubannoo dabaluuf kan kaayyeffatedha.

Obbo Birhaanu Balaay Hogganaa 'Together Ethiopia' dha. Obbo Birhaanun waggoota 40'f barsiisaa tahun tajaajilaniiru.

Isaan akka jedhanitti sooranni dukkana keessa taasifamu ilaalcha dogongoraa waa'ee qaroo dhabeeyyii jijjiiruuf kan kaayyeeffate dha.

Soorata dukkana keessaa irratti erga hirmaatanii booda kanneen dhaabbaticha deeggaran akka jiran hedduun isaanii ni dubbatu.

Dhaabbanni isaanii qaroo dhabeeyyiin dubartoota ta'an dahoo argatanii akka baratan, kompitaras tahe ulee isaan qajeelchu akkamin akka fayyadaman leenjii akka kennu himu.

Qaroo dhabeeyyiif kompiitara?

Saamu'el H/Maariyaam yeroo umuriin isaa 12 ture balaa konkolaataa isa dhaqqaben qaroo ija isaa kan dhabe.

Gosa barnootaa seeraafi Afaan Ingiliziin digirii jalqabaa qabaatus hojii argachuun rakkoo ture. Carraaqqii meeqa booda Ministeera Dhimmoota Hawaasummaatti kan mindeeffame.

Dhaabbanni waggoota jaha darbanif 'irbaata dukkana keessaa' qopheessu leenjii kompitaraa kenneen fayyadamaa taheera.

Yeroo ammaas miidiyaa hawaasummaas ta'e kompiitara fayyadamuu danda'eera. Kunis kan ta'e softiweerii 'Non Visual Desktop Access '(NVDA)' kan jedhamu fayyadamuuni.

Yeroo hedduu mana intarneetiitti intarneetii yeroo fayyadamu namoonni argan akka raajeffataman dubbata.

Haa ta'u malee, barbaachi hojii keessumaa qaroo dhabeeyyiif baay'ee rakkisaa akka ta'e kan dubbatu Saamu'el, qabxii olaanaa qabaatus qaroo dhabeeyyii waan ta'ef akka dhorkamaa ture hima.

'Hanga Jibuutii geessanii na kadhachiisaa turan'

Innanniyyee Yaalaw umuriin ishee 36 yeroo ta'u qaroo dhabeeyyii dhaabbatni ''Together Ethiopia'' jedhamu kan gargaaru keessaa tokkodha.

Ijoollee ishee lamaan qofaa ishii kan guddistu Innanniyyeen, Kaaba Gondaritti dhalatte. Qaroo ishees yeroo umuriin ishee 8 ture dhabde.

Ijoollummaa isheetti weerarri qe'e isaanitti ka'e jennaan mana isaanii keessaa isheefi obboleessi ishee rakkoo kanaan hubamu yaadatti.

Akka isheen jettutti, namoonni ''mootummaatu nu erge'' jedhan isin barsiisna jedhani ishee gara Finfinnee obboleessa ishii immoo Humeraatti akka kadhatu taasisu isaanii dubbatti.

Yeroos reefu waggaa 9 turte. Ergasiis Dirree Dhawaa, Dawwallee akkasumas gara Jibuutii geeffamte.

Finfinnes ta'e Jibuutiitti namni tokko isheef ramadame wanta kadhatte argatte mara isaanitti kenniti.

Fayya beeloo biraa akkuma ishee namootaaf kadhatu waliin waggoota 3'f Jibuutiitti kadhachaa turte.

''Walumaa gala umuriikoo 9 hanga 17'tti na kadhachiisaniiru,'' jetti. ''Kan nu kadhachiisan dhirsaafi niitii turan. Kan nu to'attummoo dubartiin tokko turte.''

Yeroo ammaa dhaabbanni 'Together Ethiopia' jedhamu qaroo dhabeeyyiin waldaadhaan ijaaramanii wantoota aartii garaa garaa hojjechuun galii argattuun ijoollee ishee guddifti.

''Hawaasni qaroo dhabeeyyii gargaaruu qabu,'' jechuun dhaamti.