Dubartii qaro-dhabeettii teeknoolojii qaro-dhabeeyyii gargaaru uumaa jirtu

Chiyeko Asakawa balaa lafa bishaan daakaatti isheerra gaheen umurii 14'tti qaroo ijashee dhabde. Waggootii darban soddomaaf teeknoolojii jireenya namoota qaro-dhabeeyyii fooyyeessu hojjechaa turte.

"Yeroon jalqabe teknoolojiin gargaarsa kennuu hin jiru ture," jettii lammiin Jaappaan Dr Asakawa.

"Of danda'e odeeffannoo dubbisuufi ofiikoon lafan barbaadee deemuu hin danda'un ture."

Wantootni isheen keessa dabarte kun baruumsa 'computer science' namoota qaro-dhabeeyyiif kennamu akka barratuuf ishee kakaaseera.

Sana booda kaampaanii koompiitara omishu IBM jedhumu keessatti hojii eegaltee, sadarkaa barumsaa doktireetii ishees achumatti argatte.

Addunyaa keessatti teeknoolojii marsaritii sagaleen fayyadamuu dandeessisuu isa jalqabaa namoota uuman keessaa isheen tokkodha.

Ogeessota teeknoolojii biroo waliin ta'uun namoota qaro-dhabeeyyii gargaaruuf hubannoo teeknolojii qabdutti fayyadamuun meeshaalee adda addaa uumuu barbaadu.

Dr Asakawa teeknolojii 'NavCog' jedhuumu uumteetti. Teeknoolojiin kun bilbila irraa sagaleen kan to'atamu yeroo ta'u namootni qaro-dhabeeyyiin mana keessaa bilisaan akka socho'an gargaara.

"Sirriitii yoo nu gaggeessuu baateyyuu, hedduu nu gargaara," jetti gartuu Badhaasa Noobel shan kan mo'atte Dr Asakawa.

Ameerikaa keessatti wiirtulee hedduufi Tookiyootti immoo iddoo tokkottii 'NavCog' sadarkaa yaalii irra jira.

Uummattatti dhiyeessuufis qophiin xumuramaa akka jiru IBM dubbateera.

Amma maal kalaqxe?

Hojiin ulfaataa Dr Asakawa inni itti anuu kalaqa amma irratti hojjataa jirtu 'korojoo AI' jedhamudha.

Teeknolojiin kun nama qaro-dhabeessa tokkoo fakkenyaaf buufata xiyyaaraa keessaatti gaggeessuufi odeeffannoo yeroo balaliinsa akkasumas geeddarumsa jiraachuu danda'u irratti odeeffannoo kan keennuu danda'udha.

Korojoon kun mootora mataasaa waan qabuuf ofiin socho'uu danda'a, kaameeraa nannoo isaa ittiin to'atu qaba, akkasumas teknoolojii fageenyaa safaruu danda'u 'Lidar' jedhamu of keessaa qaba.

Yemmuu gulantaa gamoo ittiin yaaban bira ga'amu, lafa ol kaasame akka baatamu korojoon kun nama fayyadamaa jirutti ni beeksisa.

"Yoo waliin hojjenne roobotii kana salphaa, xiqqoo fi gatii gadi bu'aa akka ta'u gochuu dandeenya" jetti Dr Asakawaan.

Fakkeenyi amma hojjeetamaa jiru "ulfaataa" akka ta'e ni amanti.

IBM yaaliin inni itti aanu salphataa akka ta'uufi yoo tiqqaatee laaptooppi bachuu akka danda'uu goochuuf hojjeechaa jira.

Bara 2020tti Tookiyoo keessatti yaalii jalqabuuf karorsameera.

Dr Asakawa dhumaratti " Yeroon qaro-dhabeetti rakkoolee kanaa waliin dhiphadheera. Rakkooleen kun furamuu ni danda'u jedheen abdadha" jetti.