Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Koronaavaayirasii: Talaalliin 'AtsraZeneca' UK keessatti akka kennamu eeyyama argate
Talaalliin Oksifardiin qophaa’u 'AstraZeneca' Wiixata dhufturraa qabee UK keessatti akka kennamu eeyyamame.
UK’n doozii miiliyoona 100 namoota miiliyoona 50 talaaluuf gahu ajajjee jirti.
Kuni talaallii Pfizer-BioNTech waliin uummanni biyyattii marti akka talaallii argatu taasisa jechuu dha jedhan ministirri fayyaa biyyattii Maat Haankook.
Ingilaand keessatti namoonni miiliyoonaan lakkaa'aman uggura marsaa arfaffaa keessa jiru.
Kibxata darbe namootni 53,135 haaraan UK keessatti Covid’n qabamaniiru. Lakkoofsi kun erga jumlaadhaan qorannoon jalqabee as isa guddaa dha.
Guyyaa 28 keessatti immoo namootni 414 lubbuu dhabaniiru.
Dr Juun Reen hogganaa Ejansii To’annoo Fayyaa fi Qorichaa(MHRA) yoo tahan talaallichi lubbuu namoota kumaatamaa ni baraara jedhu.
Bu’aa qabeessaa fi balaa biraa kan hin qabne tahuu mirkaneessuufis ‘’karaa salphaa miti kan adeemame’ jedhaniiru.
Ministirri mummee UK Booriis Joonsan haala talaalliin kun irra jiru ‘’injifannoo’’ jedhan.
’’Kana booda egaa hanga danda’ame namoota baay'ee saffisaan qaqqabuu qabnas,’’ jedhaniiru.
Hogganaan fayyaa Inglaand Kiriis Wiitii ‘’tattaaffii waloo kanaan nu gahe nan dinqisiifadha’ jedhan.
2021 bara abdii fi bayyanachuu
Wiirtuuleen talaallii torbee dhufurraa kaasee talaallii 'Oxford-AstraZeneca' akka argataniin dhukkubsattoota waamuu jalqabu.
Talaalliin kun kuusuufi raabsuuf waan salphatuuf murteessaadha jedhameera. Tempireechara firiijii idilee keessa kaa’amuu ni danda’a.
Pfizer-BioNTech’n garuu digrii seelsiyasii -70 keessa kaa’amu qaba.
Kana malees UK keessatti waan qophaa’eef dhiyeessii irratti rakkoon mudata jedhamee hin amanamu, Pfizer-BioNTech Beeljiyeem irraati geejibamaa ture.
Talaalliiwwan eeyyama argatan lamaan kanaan namooti miiliyoona lama tahan torbee tokkotti ni talaalamu abdiin jedhu jira.
Dursaan Waldaa Fayyaa Biriitiish Dr Richaard Vaawutreey dhiyeessi gahaan jiraannaan ‘’namoota hanga kanaaf talaallii keennuun ni danda’ama’’ jedhaniiru.
Haankook kuni gama vaayirasicha ittisuun ‘’battala murteessaa dha,’’ jedhan. Barri 2021 illee bara bayyanachuu fi abdii ni taha sababiinsaa immoo karaa weerara kana keessaa baanu argaa jirra jedhan.
Hanga yoonaa namootni 600,000 tahan talaallii Pfizer-BioNTech argataniiru. Talaallii jalqabaa manguddoo Maargaareet Keenaan jedhamantu fudhate.