Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Raashiyaatti namooti Covid-19n du’an kan ibsame dachaa sadiin caala
Ministirri muummee itti aantuun Raashiyaa duuti namoota hedduu kan bara darbe caalu barana galmaa’e harki 80 Covid-19tti hidhata qaba jedhan.
Kana jechuun lakkoofsi namoota biyyattii keessatti koronaavaayirasiin du’uun isaanii gabaafamee dachaa sadii oli.
Ragaan mootummaan biyyattii ibse namoonni 55,827 Raashiyaa keessatti vaayirasichaan du’uu agarsiisa.
Ministirri Muumee itti aantuun Raashiyaa Tatihanaa Golikovaa akka jedhanitti garuu barana biyyattii keessatti lakkoofsi namoota koronovaayirasiin du’anii 186,000 ta’a.
Biyyoonni garaa garaa toofta ofiisaanitti gargaaramuun lakkoofsa namoota vaayirasichaan du’anii gabaasaa waan turaniif garuu akka sadarkaa idil-addunyaatti waliin madaalchisuun rakkisaadha.
Raashiyaan namoota Covid-19n du’aan kan lakkooftu qorannoo reeffarratti taasifamuun sababni du'a nama sanaa Covid-19 ta'ee yoo argame qofa. Kanaaf ammoo qeeqamaa turte.
Akkaataa ragaa lakkoofsa haaraa ibsameetti, Raashiyaan addunyaarratti biyya namoonni hedduun Covid-19nn keessatti du’an ishee sadaffaadha taati.
Ameerikaan biyya namoota 335,000 dhabde ta’uun sadarkaa jaqaba yoo qabattu, Biraazil namoota 192,000 du’aan dhabuun Ameerikaatti aantee sadarkaa lammaaffaa qabatti akka ragaan yuunivarsiitii Joon Hoopkiins agarsiisutti.
Ministirri Muummee itti aantuu Raashiyaa Tatihanaa Golikovaa akka jedhanitti, bara 2020 ji’oota 11 keesatti lakkoofsi namoota du’anii galmaa’e kan waggaa darbee %13.8 caala.
Ragaan ejensiin istaatiksii Raashiyaa baase akka agarsiisuutti, namoonni 229,700 ol sababoota garaagaraan waliigalatti barana du’aaniru. Aadde Golikovaan garuu mootummaan Raashiyaa lakkoofsa namoota du’anii akka hin dhoksine himan.
Raashiyaatti du’aatiin sababii koronaavaayirasiitti hidhata qabu hedduun Sadaasa bara kanaa keessa galmaa’e.
Ji’a Muddee kana keessammoo ji’a darbe caala ittumaa hammaate jedhan Aadde Golikovaan.
Pireezidantiin Raashiyaa Vilaadimiir Puutiin sirni fayyaa biyyasaanii to’annoo vaayirasichaarratti kan kutaalee addunyaa kaanii caala milkaa’aa ta’uu eeranis, hospitaalonni biyyattii lakkoofsi dhukkubsattootaa dabaluusaatiin muddama keessa seenaniiru.
Biyyattiin talaalli qopheeffatte Isputinik V tti abdachuurra darbitee tibbana gara biyyoota akka Beelaruus, Ajeentinaa fi Haangaariitti erguu eegalteetti.
Bu’aa qabeessuummaa talaallicha garuu waldaan ejensiiwwan dawaa Awurooppaa(EMA) beekamtii hin kennineef.