Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Covid-19: Pirezidantiin Afrikaa Kibbaa Kibbaa Raamaapoosaan uggura haaraa labsan
Pirezidantiin Afrikaa Kibbaa Siiril Raamaaposaa boromtaa namoonni biyyattiitti vaayirasichaan qabaman miliyoonaan ol darbeetti uggura Covid-19 cimaa labsan.
Haaluma kanaanis manaafi manaan alatti walitti qabamuun kan dhorkame yoo ta'u, galgala sa'aatii sadii hanga barii 12'tti socho'uun akkasumas gurgurtaan dhugaatii alkoolii kanneen dhorkaman keessaayi.
Raamaaposaan akka jedhaniitti sababii biyyattiin balaa weerarichaan sadarkaa baay'ee yaachisaarratti waan argamtuuf tarkaanfiin kun fudhatame.
Dhiheenya kanas aanga'oonni akaakuu vaayirasii baayyee tatamsa'u biyyattii keessatti mudachu beeksiisanii ture.
Hospitaaloonnifi jiddugalli wal'aansaa tokko tokkos baayyinni namoota ciisanii wallaanamanii garmalee dabaluusaa himan.
Pirezidantiin Afrikaa Kibbaa Raamaaposaan haasaa karaa TVn taasisaniin, amma akaakuun vaayirasii 501.V2 biyyattii keessa galuun sirriitti mirkanaa'eera, baay'inni namoota dhiheenya vaayirasichaan qabamanii 'akeekkachiisa olaanaadha,' jedhan.
Itti dabaluunis, uggurri haaraan kaa'amees walakkaa halkan Wiixataa irraa kaasee yoo xinnaate hanga Amajjii 15'tti kan turu ta'a jedhan.
Yoo awwaalchaaf ta'een alatti galgala sa'aatii sadii hanga barii 12'tti hayyama malee eenyumtuu manaa bahu hindanda'u jedhan. Akkasumas, suuqiiwwan, manneen dhugaatii fi bakkeewwan biraas sa'aatii lamatti cufamu jedhame.
Gurgurtaan dhugaatii alkoolii hundi kan dhorkame yoo ta'u namoonni bakkeewwan ummanni argamutti maaskii hinkaawwannees adabbii ykn hidhaatu eeggata jedhan.
Afriikaa Kibbaatti erga vaayirasichi mudateen as guyyaa Dilbata darbee namoonni miliyoona tokkoo oli vaayirasichaan qabamuun, Afriikaa keessaa kan jalqabaa taate. Walumaagalattis namoonni 1,004,413 yoo qabaman 26,735 du'aniiru.
Torban darbee keessaa namoonni 11,700 haaraa vaayirasichaan kan qabaman yoo ta'u kunis kan torban duraarra %39 caala jedhame. Akkasumas, Roobii hanga Jimaatatti namoonni guyyaatti vaayirasichaan qabaman 14,000 ol gahuutu himame.
Akaakuun vaayirasii haalaa kanaaf sababa ta'uu akka hinoolle shakkama.
- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras