Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Barri 2020 suuraadhaan yoo ibsamu waan fakkaatu
Dhuma bara 2019 keessa addunyaan bara ittaanutti abdii waan haaraa arguufi dhagahuun guutamtee ture.
Haa ta'u malee, dhimmoonni hedduun haala eegamaniin hindeemne. Keessattu weerarri koronaavaayirasii addunyaa waliigahuun hedduu gaddaan guute.
Akkasumas barri 2020 bara bareedinaa, baacoo fi bara dandamannaas ture. Suuraaleen asiin gadii kunneenis baricha agarsiisuuf baatiiwwan waggaa tokko tokkoo keessaa kan fudhatamaniidha.
Amajjii
Yeroon kun kan itti vaayirasii hamaan Chaayinaa keessatti mul'achuun addunyaa waan isaa baayyee hinbeekne ture. Bakka meeshaaleen ittiin of eegamu gahaan hinjirretti, namoonni muraasni akka filmaataatti waanuma naannoo isaanii qabanitti fayyadamuu eegalan.
Guraandhala
Baatii kanatti ammoo yeroo itti ji'ii ykn addeechi guddaan xiyyeeffannaa uummata addunyaa hawwatee mul'atee turedha. Kunis yeroo itti Magaalaa Tarkii Edirne keessatti dhiheenya Masjiida Selimiyee kan jaarraa 16'tti ijaaramee biraan suuraan addeecha kanaa itti kaafameedha.
Bitootessa
Sababii uggura koronaavaayirasiitiin, namoonni hedduun yeroo isaanii hedduu kan karaa intarneetiin waliin dubbachaa dabarsaniidha.
Fakkenyaaf hiriyyoota kanneen waliin hajjatamu waliin haasa'uuf akkasumas waan bitamu hunda karaa onlaayinii ta'e.
Barsiisonnis karaa onlaayinii barnoota kennuu eegalan. Kan asiin gadi kunis barsiisaa Hong Koongi kara viidiyootiin barsiisaa turedha.
Ebla
Yeroo kanatti ammoo tarkaanfiin fageenya eeggachuuf kaa'ame yeroo itti dandeettii kalaqaa namoota hedduun itti ifa baaseedha.
Fakkeenyaaf lubni Kaatolikii US tokkoos fageenya isaanii eegaachuuf jecha, shuguxii bishaaniitti fayyadamuun bishaan qulqulluun hordoftoota amantichaa cuuban.
Caamsaa
Baatii kun ammoo yeroo lammiin Afriikaa- Ameerikaa kan ta'e Joorji Filoyiid poolisii isa to'atanii turaniin ajjeefamuun wal qabatee, sochii farra jibba sanyii fi gara jabummaa poolisii irratti addunyaa gutuutti itti gageefameedha.
Mormiin kunis Ameerikaa eegaluun biyyoota addunyaa hedduu keessatti illeen taasifameera.
Waxabajjii
Ugguura tureen booda haala gaarii addunyaan ittiin saaqamtu abdachuun gareen muuziqaa 'Gran Teatre del Liceu' Barseloonaa hirmaattota biqiltuuwwan mukaa kuma lamaa oliitiif haala kanaan qophii muziiqaa dhiyeessan.
Gareen kunis barbaachisummaa aartii yeroo rakkiinaa mul'suuf akka kana raawwatan himama.
Adooleessa
Dubartiin Keeniyaa tokko maasaa hoomaa awaannisaan guutame keessaa abdii kutachuun dhaabbatee mul'atti.
Hoomaan awaannisaa kunis erga biyyoota akka Iraan, Paakistaan fi Indiyaatti miidhaa qaqqabsiiseen booda gara Afriikaa Bahaatti kan qaxxaamureedha.
Hagayya
Dhoohiinsi seenaa keessatti baayyee cimaa garuu kan niwukilaraa hintaane buufata Beeruutti kan Liibaanoos keessaa kan barbadeessee baatii kana keessa ture.
Balaa sanaanis namoonni 200 ta'an lubbusaanii yoo dhaban kanneen kumaatamaan lakkaa'aman ammoo miidhaan irra gahee ture.
Taphataan piyaanoo Raaymond Essaayaan mana isaa balaa qaqabeen jijjigee keessatti wayita piyaanoo taphatu suuraa ka'eedha.
Fulbaana
Bosonni Amaazoon kan Biraaziil keessaa balaan ibidda saafaa cimaan baroota keessatti mudatee hinbeekne kan mudate baatii kana keessa.
Haalli kuni gareewwan eegumsaafi kunuunsa qabeenya naannootiif quuqamaniin baayyee yaaddessaadha jedhameera.
Diraafeessi (bineensi sanyii qeerransaa) kunis achuma Paantaanaal keessatti balaan ibiddaa irra kan gahee lubbuun hafeedha.
Onkolooleessa
Motummoonni biyyoota addunyaa uggura sababii koronaavaayirasiitiin kaa'amee ture kaasuuf yeroo itti yaalan ture baatiin kun. Haata'u malee, haalli tatamsa'ina weerarichaa takkaa ol ka'aa takkaa ammoo gadi bu'aa ture.
Daldaloonni hedduunis sababii weerara kanaatiin walqabatee kufaatii guddaan akka isaan mudatu himu.
Kunis restoraantii magaalaa guddoo Xaaliyaanii Room keessatti argamu keessatti daldalli isaanii miidhamu agarsiisuuf mallattoo ekeeraa minjaala nyaataa irra kaa'an.
Sadaasa
Mitree Chitinundaa Taayilaandi irraa, bulchiinsa mootii biyyattiiif baayyee amanamaa ture.
Haa ta'u malee, mormii bara kana keessa osoo hineegamiin riifoormiin dimokiraasii akka gaggeeffamu gaafachuuf taasifame, waan daandii isaa geeddarsiise fakkaata.
Haalli riifeensa isaa mataansaayyuu amma mallattoo quba sadii kan mormiitoonni Taayilaandi guutuu ittiin fayyadaman qaba.
Mudde
Koronaavaayirasiin Chaayinaa ka'usaa himamee addunyaa guutuu dararaa jiraatulleen, dorgommiin imala gara maarsii akkuma itti fufeetti jira.
Chaayinaan seenaa keessatti alaabaa ishee baatii (ji'a) irra dhaabuun biyya addunyaa lammaffaa taate.
Ergami Cheng'e-5 ammoo waggoota 44 keessatti yeroo jalaqabaatiif saamudawwan cirrachaa (dhakaa) fiddee nagumaan deebiteetti.
Suuraaleen hundi mirga abbummaa qabu.