Joorji Filooyid: Daqiiqaawwan dhumaa 30 Joorji Filooyid keessatti maaltu umamee ture?

Ameerikaan daangaa hanga daangaatti ajjeechaa lammii Ameerikaa hidda Afrikaa harka pooliisiitti qaqqabeen raafamaa jirti.

Namni umuriin isaa ganna 46 ture, Joorji Filooyid, balbala suuqii Miniyaappoolis, Miniisotaa tokkotti poolisiidhaan to'annaa jala oolfame.

Viidiyoon haala itti qabame waraabame tokko akka agarsiiseetti, guyyaa Caamsaa 25 qondaalli poolisii adiin Derek Chaa'uviin jedhamu Joorjiin lafarra ciibsee mormasaarra jilbaan ukkaamsee akka qabe mul'isa.

Qondaalli poolisiin gochaa kan raawwate ammoo umuriin isaa ganna 44 yoo ta'u, ajjeechaan himatameera.

Wantoonni daqiiqaawwan 30 keessatti turan Joorji Filooyidiin du'aaf qaqqabsiisaniiru.

Ragaa namoota ijaan arganirraa argameen, warraabbii viidiyoofi jechawwan qondaaltootarraa wanti nuti hanga ammaatti waa'ee taatee sanaa beeknu kunooti.

Taateen kun gabaasa nagahee sobaa [foorjidii] doolaara 20'n eegale.

Gabaasni kunis kan taasifame gaafa Wiixataa Caamsaa 25 galgala wayita Joorji Filooyid man-kuusaa nyaataa 'Cup Foods' jedhamurraa tamboo bitee turetti kan taasifameedha.

Hojjataan man-kuusaa kunis nagahee doolaara 20 sobaa kennee jedhee amanuun poolisiitti gabaasa taasisa.

Joorji Filooyid ammoo erga bakka jireenyaa isaa kan duraa Haiwusteen Teksaasii gara Miniyaapoolisiitti dhufee jiraachuu eegalee waggoota baay'ee ta'eera.

Dhiheenya kanas magaalattii keessatti hojii nageenya eeguutiin mindeeffamee hojjataa kan ture yoo ta'u, akkuma lammiilee Ameerikaa miiliyoonotaa kan biroo sababii koronaavaayirasiitiin hojii dhabeera.

Filooyid suuqii sanaaf maamila ture. Yeroo hundas naga qabeessaafi fuula firummaa agarsiisuu malee guyyaa tokkoyyuu rakkoo uumee akka hinbeekne abbaan qabeenyaa suuqichaa Maayik Abumaaleh NBC'tti himeera.

Haata'u malee, guyyaa taatee sukkanneessaan sun uumameetti abbaan qabeenyaa kun lafa hojii sana hinturre. Hojjetaan suuqiisaa sunis waa'ee nagahee sana gabaasuurratti waanuma seerri gaafatu hordofe.

Bilbila 911 irratti sa'aatii 20:01 irratti gabaafameen, mucaan suuqii gurguraa turee sijaaraa kiyya naaf deebisi akka jedheeniifi Filooyid garuu hindeebisu akka jedheen dubbateera.

Itti aanseen mucaan suuqii keessatti gurguraa ture, Filooyid dhugaatii akka dhugeefii of to'achuu akka hindandeenye himeera.

Isaan booda maaltu ta'ee?

Bilbilli poolisootatti bilbilamee daqiiqaawwan saddeetiin booda poolisoonni bakka sana gahan. Wayita sanattis Joorji Filooyid namoota biraa lama faana konkolaatawwan naannicha dhaabbatanii turan keessa taa'anii turan.

Erga gara konkolaataatti dhiyaatanii boodas poolisiin Tomaas Leen jedhamu shuguxxii isaa baasuun akka konkolaataa keessaa bahuuf ajaja kenneef.

Maaliif wayita sanatti shuguxii baasuun akka barbaachisee ilaalchisee abbaan alangaa kan jedhe hin jiru.

Tomaas Leen jecha abbaa alangaatiif kenneen, ''Harkakee ol kaasii jedheen achiin booda konkolaataa keessaa harkisee baaseen,'' boodas, ''Joorji Filooyid cancala harkatti hidhuuf na diduu barbaadee ture,'' jedha.

Erga hidhameen booda garuu ajajamaa akka ture kana hime qondaalli poolisii kun, ''maallaqa sobaa qabachuun'' akka hidhame Joorjitti himu dubbata.

Isaan boodas konkolaataa keessa galchuuf wayita jedhaniitti wal'aansoo akka eegale ibsa.

Bilbilli erga bilbilamee daqiiqaawwan 14 booda, ''qaamni Joorji laafuun lafatti kufe. Qondaaltota poolisootaattis akka afuura baafachuufi rakkatuufi akka muddame dubbachuu'' gabaasichi ibseera.

Qondaalli poolisii Deeriik Choviin bakka sana kan gahees daqiiqaawwan 14 booda ture.

Innis akkuma poolisoota gara biraa konkolaataa karaa dubaatiin fe'uf yaalaa ture. Wayita kana ture daqiiqaawwan 19 booda Choviin Joorji Filooyidiin lafarratti kan kuffiise.

Joorjii akkuma harki isaa cancalaan duubatti hidhamee lafarratti kufeen booda, daa'imti tokko haala ture kan viidiyoon waraabdee turte.

Fuula Jorjirratti dhiphannaafi soodaan ni mullata ture. Haalli daqiiqaawwan dhumaa jireenya Joorji keessa tures viidiyoodhaan waraabbamuun addunyaaf qoodame.

Gama tokkoon cancalaan harkisaa duubatti hidhamee, gama biraatiin ammoo poolisootaan qabamee osoo jiruu poolisii adiin tokko mormaafi mataa isaa jidduu jilbasaa galchuun ukkaamsee lafatti kan gadi qabee ture.

Wayita kanatti ture Joorji irrra deddeebiin maaloo, ''Afuura baafachuu hindanda'u'' akkasumas haatisaa akka qaqabduuf kadhataa kan ture. ''Maaloo, maaloo'' yoo jedhu dhagahama.

Poolisichi garuu gara daqiiqaawwan sagalii kan ta'u (daqiiqaa saddeetiif sakandii 46'f) jilbasaatiin mormasaa ukkaamsee qabuu ragaan abbaa alangaa irraa argamee ni mul'isa.

Joorjii Filooyid sochii kan dhaabee akkuma poolisichi daqiiqaawwan jahaaf mormasaarra jilbaan gadi qabuun tureen.

Viidiiyoo taatee kana mul'iseerratti akka argameetti, wayita Joorji Filooyid callisetti namoonni taatee sana ilaalaa turan akka qondaaltonni poolisii rukuttaa onnee Joorjii Filooyid ilaalan gaafatanii turan.

Poolisoota keessa tokko harka mirgaa Joorji irraa kaa'uun rukuttaa onnee ilaaluulleen omtuu hinjiru ture. Kun ta'ee yeroo jirutti poolisoonni qaama Joorjii irraa hin kaane ture.

Daqiiqaawwan 27 booda ture poolisii adiin sun qaama Joorji kan sochii dhaaberraa jilbasaa kan kaafate.

Joorji kan qaamni isaa sochii dhaabeeru ambulaansiidhaan gara Jiddugala Wallaansa Kaawuntii Heneepin kan geeffame.

Isaan boodas gara sa'aa tokkoon booda akka du'e himame.

Guyyaa itti ajjeefameen dura Joorji hiriyyaa isaan Kiristofari Haariitti hojii yeroo akka barbaadu itti himee ture.

''Haalli inni itti ajjeefame kan baay'ee gara jabinaan guutameedha. Akka lubbuusaa baraaruuf kadhataa ture. Wayita amantaakee sirna siif hindhaabbanneerra kaawwatuutti bu'aansaa kanadha. Haqa karaa seeraatiin barbaaddee wayita dhabdu, daandii keetiin argachuuf yaalta,'' jedheera hiriyaansaa kun.