Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Weerarri awaannisaa marroo lammaffaa Baha Afrikaa yaaddessaa jira
Weerarri Awaannisa gammojjii haaraan bahaa Afrikaa fi Yamanitti jireenya namoota miliyoonatti lakka’amanii yaaddoo keessa akka buuse jiru Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii akeekkachise.
Dhaabbatichi akka ibsetti, Baha Itoophiyaa fi Soomaliyaatti hormaata ilbisa kanaaf haalli mijataa uumameera. Weerarri kun Keeniyaas akka yaaddeessu ibse.
Itti dabaluun akka ibsetti, ilbiisni kun galaana Diimaa cinatti horuun isaa Eertiraa, Sa’uud Arabiyaa fi Yamaniifillee yaaddoo haaraa uume jedhe.
Dhaabbanni kun bara kana keessa weerara mudate to’achuuf tattaaffiin taasifamaa akka ture kaaseera. Ta’us, waggoota 70 keessatti Baha Afrikaatti weerara Awaannisaa hunda caala hamaatu mudate jedhe.
Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti ogeessi gameessii raaga Awaannisaa damee sagantaa nyaataa fi qonnaa Keeyith Kirsimaan, weerarrichi Keeniyaatti ‘ammarraa eegalee yeroo kamittuu mudachuu mala’ jedhan.
Itti dabaluun, Awaannisni lafa iskuweerii KM 350,000 ta’uurratti horaa waan jiruuf, ‘’akkuma kanaan duraatti hamaadha’’ jedhaniiru.
Barana ji’a Amajjii fi Hagayya gidduutti ilbiisni biliyoonatti lakka’aamu Baha Afrikaatti midhaan mancaasa ture.
Kaaba Keeniyaatti horsisee bulaa kan ta’an Gonjobaa Guyyoo, Awaaannisni ‘’lafa kaloo fi biqiltuu gara caalaa nu jalaa waan mancaaseef, horiin keenyaas hangi tokko ammallee dhumaa jirti’’ jedhan.
‘’Re’oota 14, Saawwan 4 fi Gaala lama sababa weerarri Awaannisaa mudateen dhabe, ammas balaan kana caalu nu mudachuu mala jennee sodaata jirra‘’ jedhan.
Qondaalli Sagantaa nyaataa fi qonnaa (FAO) tokko akka himanitti, biyyoonni naannichaa weerara amma duraa qolachuuf kan duraanii caalaa qophii taasisaniiru.
Akka isaan jedhanitti, farra ilbisaa karaa xiyyaaraan ykn lafarraan itti biifuuf qophiin taasifameen, biyyoota 10 keessatti lafa heektaara miliyoona tokkorraa weerara ilbisaa kana dhorkuun danda'ameera.
Haata’u malee, ammas weerarri Awaannisaa kun guddaa yoo ta’e hawaasni caalatti miidhamu mala sodaa jedhu uumera.
Awaannisni sadarkaa ta’een akkamitti deebi’ee wal hore?
Haala qilleensa mijataa argachuu
Ogeeyyiin akka jedhanitti, Giddugaleessi Somaaliyaa fi Baha Itoophiyaa Fulbaana fi Sadaasa giddutti rooba olaanaa argataniiru.
Kunis biqiltuun akka jiratu taasise, kunimmoo ‘’lafichatti Awaannisni akka wal horuuf haala mijeessee’’ jedhan Obbo Kiriismaan.
Ji’oota muraasa keessatti ilbiisa tokkoorraa gara gareetti akka ce’u gargaara.
Akka gabaasni FAO fi Dhaabbata Meetiroloojii Addunyaa agarsiisutti, Awaannisni gammoojjii waggaa tokkotti baay'ina duraan qabaniirraa si’a 160,000 of baayisa jedhan.
Saayikilooon Gatii
Ji’a Sadaasaa keessa obomboleettiin ykn Saayikiloon Gatiin (Cyclone Gati)Soomaaliyaan rooba waggaa lama keessatti argattu guyyoota lama keessatti yandoo buuse.
Kunis lafa hormaata Awaannisaaf haala mijata uumera.
Jiidhinsi biyyoo uumame Awaannisni akka hanqaaqu buustuu fi biqiltuu soorattu argattu gargaare.
Kanaafuu, Soomaaliyaan biyya weerara ilbiisa kanaatiin barana hedduu miidhaman keessaa tokko turte.
Walitti bu’iinsa
Ogeeyyiin akka himanitti, eeruun biyyoonni naannichaa kennan weerara Awaannisa to’achuu keessatti fayyadeera.
Ta’uus Kibba Soomaliyaa fi Yamanitti odeeffannoo Awaannisa funaanuun rakkisaa akka ture ogeessi kun kaasan.
Yamanitti iddoowwan ilbiisni kun itti horu hedduun jiraatus, sababii walitti bu’iinsi jiruuf odeeffannoo dursa argachuun rakkisa ture jedhan Obbo Kirismaan.
Farra ilbiisaa biifuu
Biyyoonni naannichaa weerara Awaannisaa qolachuuf farra ilbiisotaa qilleensarraa fi lafarraan itti biifuuf qophaa'aniiru.
FAO’n akka ibsetti, hojiin to’annoo Awaannisaarratti gaggeeffame kun midhaan toonii miliyoona 2.7'tti tilmaamamu fi doolaara miliyoona 800 baasu badiirraa hambisuun danda’ameera.
Haata’u malee, rakkinicha qolachuuf fandiin maallaqa dabalataan barbaachisa jedhan.
FAO’n biyyoota naannichaa shan keessatti duraanuu namoonni miliyoona 35 caalan wabii midhaan nyaataan akka of hin dandeenye ibseera.
Yoo weerarri Awaannisaa haaraan kun hin to’atamne, namoonni wabii miidhaan nyaatasaanii hin mirkaneeffanne miliyoona 3.5 haaraa dabalamuuf jiruu jedheera.