Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hoomaa awwaannisaa qonnaan bultoota hedduu miidhaa jiru
Hoomaan awwaannisaa biyyattii keessatti bakkeewwan garaa garaa weeraruun miidhaa qaqabsiisaa jiraachuun himamaa jira.
Haaluma kanaanis naannoleen akka Oromiyaa, Amaaraa, Tigraayi, Afaarii, Somaalee fi aanaalee Bulchinsa Dirree Dhawaa fa'i kanneen gara malee awwaannisaan miidhaamaa jira keessaa ta'uu Ministeerri Qonnaa dhiheenya kana ibsee ture.
Ragaa amma jiruunis mudannoon awwaannisaa kun yeroo muraasaaf kan itti fufu waan ta'uuf, hoomaa kana to'achuuf hanga xiyyaara 10 fi konkolaataawwan dirree 150 akka barbaachisuufi kana guutuufis dhaabbileefi biyyoota waliin dubbataa jiraachuu odeeffannoon fuula Feesbuukii Ministeerichaa irraa argame ni mul'isa.
Haaluma kanaan bakkeewwan hoomaan awwaannisaa kun miidhaa cimaa itti qaqabsiise keessaa tokko aanaa Raayyaa Qobbooti.
Obbo Yimaam Mohaammad jedhamu. Jiraataa aanaa Raayyaa Qobboo ganda Yaayyaa 024 ti.
Naannichatti midhaan akka xaafii, misingaa, boqqolloo, ataraafi shumburaan kan omishamu ta'uu dubbachuun amma garuu irra caalaa kan mooyiruu irratti argamu mishingaa akka ta'e dubatu.
Dura hoomaan awwaanisaa naannoo Afaaritti umamuusaa dhagahuufi gara naannichaa osoo hin dufiin dursanii ittisuu akka hindandeenye himu.
Hoomaa awwaannisaa jalqaba Fulbaanaa irraa kaasee gara naannichaa galuu eegale ittisuuf yaalii taasisan illee, to'achuu akka hin dandeenye himu.
Ammaan tanattis midhaan ooyiruu irraa qaban jalaa barbadeessuu isaa himu.
Kanaafuu ''Callifnee ilaalaa jira dhaabbannee. Waanuma raajii argaa jirra.''
''Erga jalqaba Fulbaanaatii kaasee qonnaan bulaan osoo manatti hin galin baayyee yaalee ture. Garuu homaa gochuu hin dandeenye. Waan nyaachuu danda'u hunda fixeera. Kanaan booda abdii hin qabnu,'' jedhan.
Amma oomisha midhaanii gandicha keessa jiru guutummaatti waan fixeef gara gandoota ollaatti qaxxaamuraa jiraachuu BBC'tti himaniiru.
Midhaan bara kanaa ooyiruu irratti 'aarii kan jedhamu ture' kan jedhan Obbo Ymaam, amma garuu hoomaan awwaannisaa akka barbadeesseefi motummaanis keemikaala dhiyeessuun qonnaan bulaa ammoo qacceefi qorqorrootti fayyadamuun haala aadaaafi ammayyaatiin ittisuuf yaalii taasifamulleen fiixaan akka hin baane himu.
Midhaan walakeessaa ji'a Sadaasaatii kaasee ture walitti qabuu kan qabnu kan jedhan qonnaan bulaa Yimaam, amma walitti qabuuf waan hin qaqqabneef awwaannisichi barbadeessuu isaa himu.
Amma harka duwwaatti waan hafaniif roobni Arfaasaa yoo roobee facaafachuuf eeggataa jiraachuu himu.
Qonnaan bulaa biraan BBC dubbise Musxafaa Ashabbir yoo ta'an, isaanis jiraataa aanaa Raayyaa Qobbooti.
''Jalqaba gandoota lama weerare. Amma gandoota sana keessaa midhaan dhumeera. Kanaafuu gara ganda biraatti imalaa jiru. Achitti waalgahee ammoo gara ganda biraatti darba'' jechuun miidhaa awwaannisaan qaqabsiisaa jiru himu.
''Rasaasni dhukaafamu, iyyamu ykn summiin biifamu tokkicha galaanni hin ka'u'' jechuun ittisuun hangam rakkisaa akka ta'e himu.
Tarii abdiin isaanii yoo roobni Arfaasaa roobe malee kan ooyiruu irra ture gutummaatti barbadaa'uusaa dubbatu.
Kanaafuu hanga rooba Arfaasaa argatanii facaafatanitti motummaan gargaarsa akka taasisuuf gaafatan.
Naannoo Amaaraatti ittii aanaan Biroo Qonnaa Obbo Tasfaahun Mangistee hoomaan awwaannisaa naannichaatti bakkeewwan garaa garaatti miidhaa qaqqabsiisuu dubbatan.
Keessattuu godinaalee sadi baha naannichaatti argaman keessatti umamuusaa himanii, hammam akka ta'e oggeessotaan qoratamee kan ifa ta'u jedhan.
Hoomaan awwaannisaa kunis naannichatti Kibba Walloo, Kaaba Walloo fi Godinaalee Bulchiinsa addaa Oromoo keessatti mudachuusaa ibsan.
Hangas cimaa ta'uu baatulleen, godina Shawaa Bahaa Aanaa Qawatittis mudachuusaa himaniiru.