Naannoo Amaaraatti heelikooptarri keemikaala biifaa ture kufee caccabe

Naannoo Amaaraa Aanaa Warrabaabootti weerara awwaannisaa mudate ittisuuf jecha heelikooptarri keemikaala biifaa ture guyyaa har'aa ganama sa'aatii 4:30 irratti godinichatti ganda 014 bakka Filaamingoo jedhamee beekamutti kufuusaa himameera.

Godinichatti hogganaa waajjira koominikeeshinii kan ta'an Obbo Saadam Shimallis BBC'tti akka himanitti balaa kanaan lubbuun darbe akka hin jirree fi balaliisaan garuu balaan jiddu galeessi isa mudatee Hospitaala Samaraatti yaala argachaa akka jiru himaniiru.

Hogganaan kunis sababa balaa kanaa qorachaa akka jiran ibsaniiru.Weerarri awaannisaa haala asiin duraan mudatee hin beekneen aanota jaha keessatti mudachuusaa kan ibsan Obbo Saadam; awwaannisi kunis midhaan irratti balaa guddaa geessisaa jiraachuusaa himaniiru.

Obbo Saadam akka jedhanitti hawaasni naannichaa weerara hoomaa awaannisaa kana ittisuuf jecha mala aadaatti fayyadamaa kan turan yoo ta'u, heelikooptaraan keemikaala biifuu Sanbata darbe akka jalqabame eeraniiru.

Heelikooptarri Samaraarraa ka'ee garas imales guyyoota lamaaf keemikaala biifaa akka ture dubbataniiru.

Weerarri hoomaa awaannisaa kunis aanota jaha keessatti miidhaa geessisaa jiraachuusaa ibsaniiru.

Weerarri hoomaa awaannisaa aanichatti midhaan heektara kuma 5 oli irratti miidhaa kan geessise yoo tau; hanga guyyaa kaleessatti lafa heektara kuma 14 irratti keemikaalli biifamuusaa himaniiru.

Hoomaa awaannisaa kunis haala rakkisaa irra akka jiru dubbataniiru.

Hoomaan awaannisaa ji'a Ebla Somaaliilaandii fi Yaman irraa dhufe Afriikaa Bahaarratti akkasumas Itoophiyaatti kutaalee biyyattii adda addaa keessatti midhaan irratti miidhaa geessisuusaa ni yaadatama.

Hoomaa awwaannisaa mala aadaan akkamiin ittisuun danda'ama?

Hawaasni hoomaa awwaannisaa kana ittisuuf wantoota sagalee uumuu danda'an iyyisiisuun, qaccee fi qawwee dhukaasuun akkasumas iyya, richiitii, fooricuufi huccuu mirmirsuun ittisuuf yoo yaalan mul'ateera.

Kana ilaalchisuun ministeera qonnaatti daariktarri kunuunsa biqilootaa Obbo Zabdiyoos Salaatoon BBC dhaaf ibsa kennanii ture.

Obbo Zabdiyoos awwaannisni seenaa Itoophiyaa keessatti haaraa miti jedhu mala aadaatiin ittisuu kanas saayinsiin ni deeggara jedhu.

Namoonni kana dura awwaannisa karaa Galaana Diimaafi biyyoota Arabaarraan dhufu mala aadaatiin ofirraa ittisu ture jedhan.

Hoomaan awwaannisaa kun oomisharra akka hin qubanneef ni ari'uu ture. Haa tahu malee iddoo dhaa iddootti odeeffannoo tamsaasuun barbaachisaa dha. Iddoo iinni mul'ate hundatti gabaasuun barbaachisaa dha jedhan

Haa tahu malee yeroo ammaa kana awwaannisa qawweedhaan arai'uuf yaaliin taasifamu sirrii miti. Kunis waggaa afur dura miidhaa akka qaqqabsiise dubbatu.

Akka isaan jedhitti awwaannisni yeroo mudate baha Itoophiyaa irraa miliqee Finfinnee kan gale sababa qawweetiini. Sana boodas gara Kaabaatti fulla'ee ganda baayyee waliin gahe jedhu.

Haaluma kanaan aara baayyee otoo hin aarsiin sagalee garagaraa uumuun ari'uun ni danda'ama.

Ta'us lafa loon dheedan fi bosona keessatti qubannaan iddoo inni gahe qofa hordofuun barbaachisaa dha jedhan.

Yoo iddoo namni baayyee jiraatufi oomishni jiru yoo tahe malee keemikaala farra ilbisaa biifuun akka barbaachisu ibsuun hojii ittisaa salphisuun akka danda'amu Obbo Zabdiyoos dubbataniiru.