Hoomaan awaanisaa godina Baaleetti yaaddoo uume

Hoomaan awwaanisaa aanaalee godina Baale weeraraa jiru omishaalee midhaaniifi soorata bineeldotaaf yaaddoo ta'aa jiraachuu godinichatti qondaalli motummaa BBC'tti himan.

Jiraataa aanaa Sawweenaa kan ta'an Boonsaa Ahmaddin hoomaan awwaanisaa kunis Kibxata ganamarraa eegalee aanichatti qubachuun midhaan qonnaan bultootaafi soorata bineeldotaa irratti miidhaa cimaa geesisuusaa dubbatu.

"Midhaan irraa eegalee waan horiin dheedu, muka guraachas ta'e baala jiidhaa hundumayyuu soorata," jechuun hime.

Haaluma kanaan gosootni midhaanii akka xaafiifi mishingaa, sooratni re'ootaafi gaalaa, akkasumas muduraalen miidhamuu dubbate.

Hawaasnis qaamolee mootummaa walin ta'uun hoomaa awwaanisaa aanicha weerare faccisuuf tattaafachaa akka jiru Boonsaan ni dubbata.

Hoomaan awwaanisaa godina Baale keessatti erga mul'atee torbee tokko ta'uusaa kan himan ammoo hoogganaa Waajjira Qonnaafi Qabeenya Ummamaa godina Baalee kan ta'an Obbo Dawud Abduriiti.

Isaanis hoomaan awwaanisaa kun jalqaba aanaalee horsiise bulaa daangaa naannoo Somaaletti argaman Raayituufi Daawwee Qaachan keessatti mul'achuusaa himan.

Kaleessarraa eegalee ammoo aanaalee godinichaa Sawweenaafi Laga Hidhaatti mul'achuusaa himan.

Weerara awwaanisaa kana to'achuuf hawaasni maloota aadaatti akka fayyadamuufi dhiyeessiin keemikaalaa hojjetamaa akka jiru Obbo Daawud BBCti himan.

Yoo weerarri kun hammaatellee xiyyaaraan akka to'atamuuf qaamolee federaalaa walin dubbachuu isaanis dubbatan.

Midhaaniifi soorata loonii manca'een walqabatee, "Yeroo ammaatti omisha midhaanii irratti balaan gahe hin jiru. Garuu iddoo amma jirurraa yoo socho'e balaa geesisuu danda'a," jedhan.

Haata'u malee, biqiloota miciree soorata bineeldotaa ta'an miidhuu isaa dubbatan.