Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Jiraattonni Maqalee guyyoota 40 booda tajaajilli ibsaafi bilbilaa deebi'ef maal jedhu?
Dilbataa sa'aatii 11 eegalee ibsaan tajaajila kennuu eegaluu hordofuun jiraattonni magaalichaa firoota isaanii kanneen biyya keessa jiraniifi ala jiran waliin wal arguu danda'uu dubbatu.
Xumura baatii Onkololeessaa lola Kaaba Itoophiyaa Naannoo Tigraayiitti dhalate hordofee guyyoota 40 darbaniif naannichatti tajaajilli elektirikii, bilbilaa fi intarneetaa adda citee tureera.
Dabalataan, 'rakkoo nageenyaan' tajaajilli baankii akka adda citu taasifamee ture. Kanaanis, jiraattonni maatii naannichaa qaban dhiphachuu BBC'f ibsanii turan.
Dhaabbileen idil - addunyaa mirga namoomaaf falmanii fi deggarsa namoomaa taasisan tajaajilli telekoomii akka banamuufi sararri dhiheessii gargaarsaaf daangaa malee akka banamu gaafataa turan.
Itiyoo Telekoom tajaajilli telekomii adda citee ture erga suphaan taasifamee booda dheengadda, gaafa Sanbataa, tajaajila eegalu ibsee ture. Ta'us, ibsaan waan hin turreef muraasa qofatu tajaajilicha fayyadamuu danda'e ture.
Tajaajila ibsaafi telekomii adda citeef dhaabbileen tajaajilicha kennan humnoota TPLF lola gaggeessaa turan himatu.
Tajaajiloonni kunneen deebi'uu hordofuun kanneen maatii naannichaa qabanis ta'e barattoonni maatiin isaanii bakka biraa jiran maatii waliin wal arguu danda'niiru.
Miidiyaa hawaasummaa gubbaas maatii isaanii dubbisuun kanneen gammachuu isaanii ibsatan turani. Kaanimmoo yeroo lolaa yookiin sababa kaaniin kanneen lubbuu dhaban akka jiran kan dhagahanii ibsan turani.
'Dukkana keessa turre'
Jiraataan magaalichaa sababa nageenyaaf maqaan koo haa hafu jedhe ''ji'a tokko oliif taaajilli bilbilaa fi ibsaa adda cituun isaa jireenya keenya cimseera" jedha.
''Salphaatti namoota waliin wal arguufis ta'e hojii hojjechuuf sadarkaa hin dandeenye dukkana keessa turre,'' jedheera.
Kan dursee bitate yoo ta'e malee kan homaa hin qabne midhaan bitachuu waan hin dandeenyeef rakkoo cimaatu isa qunnama jechuunis hima.
Keessumaa tajaajilli baankii dafee osoo eegalu baate akka miidhaman soda akka qaban BBC'n jiraattotarraa hubateera.
Haala keessa jiru yoo dubbatu dargaggoon kuni ''sa'aatii 12 irratti manatti galuu dirqamnee turre'' jechuun hima.
Ibsaan waan hin turreef televijiinis ta'e raadiyoon akka hin hojjenne ibsuun waan ta'u dhagahuuf hanga bari'uutti eeguun dirqama akka ture hima.
Haala Magaalaa Maqalee jiru gaafachuuf kan itti bilbille jiraataan magaalichaa tokko ''nagaan ala waan biraa na in gaafatin,'' jechuun nageenya isaaf akka yaadda'u ibse.
Kanaanis, Maqaleen yeroo TPLF jala turtees ta'e ergasii booda waan jiru akkasumas waan dhagahee fi waan arge dubbachuu hin feene.
Maqaleen ala - yaaddoofi dhiphina
Namoonni magaalattii hedduun tajaajiloonni kunneen deebi'uu isaatti gammadoo tahanillee ammallee firaa fi michoota isaanii Maqaleen ala jiran haala maalirra akka jiran baruu waan hin dandeenyeef dhiphuu keessa jiraachuu himu.
Torbee darbe Lixa Tigraay Humaraa, Daanshaa fi akkasumas kibba Tigraay Allaamaaxaatti tajaajjilli bilbilaa deebi'uun ibsameera.
Iddoo hafan birootti garuu malli wal-quunnamtii cufaa tahuurraan kan ka'e haala ummanni keessa jiru akka isaan dhiphisu namootni BBC'n haasofsiise dubbataniiru.
Keessumaa immoo magaalota waraanni ittii adeemsifamee fi 'adeemsifamaa jira' jedhaman haalli maatii isaanii akka isaan yaaddessu jiraataan biraa tokko BBC'tti himeera.
Akka jiraataan kun jedhutti naannichatti tajaajilli geejibaa kan hin jalqabamne yoo tahu iddoodhaa iddootti socho'anii maatii gaafachuun hin eegalamne.
Gariin garuu firoota isaanii magaalaawwan dhiyeenya jiran wal-quunnamuu akka danda'an dubbataniiru.
Torbanoota darbaniif malooti quunnamtii hundi adda citanii waan turaniif erga lolli mootummaa federaalaafi TPLF gidduu dhalateen as naannichatti sirriitti maaltu akka uumame baruun hin danda'amne.
BBC'n odeeffannoowwan gama kamiinuu kennamaa turan qaama walabaa irraa mirkaneessuu hin dandeenye.
Dhaabbanni tajaajila bilbilaafi intarneeta kennu Itiyootelekoom ibsa kenneen hidhattoonni naannichaa Shiree fi Maqaleetti wiirtuulee tajaajila dhiyeessan beekuma addaan kutanii jedhe.
Kana malees bu'uuraalee misoomaa adda addaa naannichaa irratti haleellaan waan raawwateef isa suphuun yeroo gabaabaa keessatti tajaajila deebisna jedhan.
Sochiiwwan gara biroo hoo?
Bulchiinsi yeroo Naannoo Tigraay mootummaa federaalaan kaa'ameefi Dr Muluu Naggaatiin hogganamu tibbana hojii jalqabuu, keesumaa magaalaa Shireetti kantiibaa muuduu himeera.
Wiixata kaleessaa eegalee immoo hojiin mootummaa adda citee ture akka jalqabuufi hojjattoonni gara hojii idileetti akka deebi'an beeksiseera.
Wiirtuuleen fayyaa naannichatti tajaajila fayyaa bu'uuraa kennuullee dadhabanii akka turan himamus Waldaan Fannoo Diimaa Addunyaa kan Itoophiyaa waliin ta'un qoricha gara hospitaala Ayidaritti geessuunsaa ibseera.
Mootummaan federaalaas tibbana magaalawwan naannichaa deeggarsa geessuusaa himuun ni yaadatama.
Ka'umsi lola kanaa maali?
Lolli naannoo Tigraayiitti kan guyyaa Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad humnoota TPLF kanneen Izzii kaabaa irratti halleellaa raawwataniiru jechuun himatan irratti tarkaanfiin akka fudhatamuf itti ajaje Sadaasa 04, 2020 eegale.
Ministirri Muummee Abiy ajaja kana kan ajajan deebii haleellaan buufata waraanaa loltoonni mootummaa federaalaarratti humnootii TPLFn fudhatame akka ta'e ibsan.
Lola kanaan wal qabatees namoonni dhibbaan lakkaa'aman lubbusaanii yoo dhaban, kanneen gara 50,000 tahan ammoo qeee'aasaaniirraa buqqa'uun gara Sudaanitti baqataniiru.