Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Naannoon qilleensaa Kaaba Itoophiyaa tajaajila balaliif banaa ta'e
Abbaan Taayyitaa Sivil Aviyeeshinii Itoophiyaa har'a akka beeksisetti naannoon qilleensaa Kaaba Itoophiyaa Naannoo Tigraay keessa Wiixata har'aa Muddee 05, 2013 waaree booda sa'aatii 8 irraa eegalee balaliif eeyyamameera.
Naannoon balalii kun Kaaba Itoophiyaa Naannoo Tigraayitti lolli egaluu isaan hordofee kan adda cite ture.
Sababa kanaaf balaliin xiyyaaraa kan biyya keessaas ta'e idil - addunyaa gama Naannoo Tigraay akka hin qaxxaamurre dhorkamee ture.
Akkaataa ibsa kanaan, buufataaleen xiyyaaraa kana dura xiyyaarota keessummeessaa turan hojiitti deebi'u jechuudha.
Sababa amma banameef yoo ibsu ergamni 'olaantummaa seeraa kabachiisu' waan milkaa'inaan xumurameef' jedheera Abbaan Taayitaa Sivil Aviyeeshinii Itoophiyaa.
Tibba lolichaa garuu xiyyaaronni waraanaa Itoophiyaa bakkeewwan 'filatamoo' hidhattoonni dhokatan jedhan haleelaa akka turan ibsaa turan.
Kanaanis, humnoonni TPLF amanamoo ta'an buufata xiyyaaraa Baahirdaariifi Gondar bakkeewwan xiyyaarri biraa ka'e nu rukute jedhanitti rokeettii dhukaasaa turan isaanis ni yaadatama.
Darbes biyya ollaa Ertiraa magaalaa Asmaraatti rokeetiin dhukaafamuun ni yaadatama.
Bulchiinsi yeroo Tigraay maalitti jira?
Bulchiinsi yeroo Naannoo Tigraayitti kan hundaa'e baatii darbe lolli Naannoo Tigraayitti eegale booda Manni Maree Federeeshinii bulchiinsi Naannoo Tigraay ture diigamee akka haaraa hundaa'u erga murteessee boodadha.
Hojii gaggeessaan bulchiinsa yeroo Muluu Naggaa (Dr) waabeffachuun tajaajilli oduu Itoophiyaa akka gabaasetti biirooleen mootummaa Naannoo Tigraayiifi dhaabbileen daldalaa akka hojii eegalan qophiin taasifameera.
Kanaanis, torban muraasa darbaniif sababa lolli adeemaa tureef hojii dhaabanii kan turan hojjattoonni motummaa Wiixata Muddee 05, 2013 gara hojii akka deebi'an waamicha taasisaniiru.
Kanneen hojiitti hin deebine fedhii isaaniin hojii akka gadhiisan akka fudhatamu bulchiinsichi ibseera.
Dhaabbileen daldalaas hojiitti kan hin deebine yoo ta'e, bulchiinsi yeroo tarkaanfii fudhachuu akka eegalu Dr Muluun himaniiru.
Meeshaa waraanaa deebisuu
Bulchiinsi yeroo naannichaa hojii idileetti deebisuun ala kanneen ''seeraanis ta'e karaa seeraan ala meeshaa hidhatee namni jiru hunduu hanga Kibxata Muddee 6, bara 2013'tti qaama nageenyaa dhihoo jirutti meeshaa akka kennu'' ajajamuu Dr Muluu waabeffachuun Tajaajilli Oduu Itoophiyaa gabaaseera.
Dabalataanis, yeroon fedhiidhaan itti deebiisan yeroo xumuramu ammoo qaamoleen nageenyaa meeshaa waraanaa seeraan ala to'achuuf manaa manatti sakatta'insa akka taasisan ibsameera.
Yeroo kanas kanneen meeshaan irratti argame seeraan akka gaafataman Hojii raawwachiistuun Olaanaa Dr Muluu Naggaa himaniiru.
Wanti haaraa maali?
Ministirri Muummee Abiy Ahimad guyyaa kaleessaa erga Naannoo Tigraayitti lolli taasifamee booda yeroo jalqabaaf magaalaa guddoo naannichaa Maqalee deemuun marii gaggeessaniiru.
Mariin kunis ajajoota olaanoo Raayyaa Ittisa Biyyaa Maqalee jiraniifi bulchiinsa yeroo Naannoo Tigraay haaraa waliin hundeeffame waliin marii taasifame.
Duulli kun kaayyoo isaa jalqabaa ''dhibbaan dhibba'' galmaan gaheera kan jedhan MM Abiy ''yakkamtootni garuu to'annoo jala ooluu qabu, inijifannoon lolaan galmaahe kanaanis irra deebi'amuu qaba'' jedhan.
Namoota MM yakkamtoota jedhaniin kana to'annoo jala oolchuuf uummanni Tigraay gaafatama guddaa akka qabu natti dhagaahamaa jechuunis, uummatni tumsa akka godhu adaraa jdhaniiru.
Gama kaaniin ammoo guyyaa Dilbata kaleessaa MM Abiy MM Sudaan Abdallaa Hamdook Magaalaa Finfinneetti simachuun marii waliin taasisaniiru.
Oppireeshinii waraanaa mootummaan fudhate Sudaan akka deeggartu ibsi gama Itoophiyaatiin bahe ni mul'isa.
Tajaajilli ibsaa Magaalaa Maqaleefi magaalota birootti adda citee turees guyyaa kaleessaa tajaajila eegaluu isaa mootummaan Itoophiyaa ibseera.
Kunis suphaan erga taasifameeti akka ta'e ibsame. Miidhaa humnoota elektirikii irratti dhaqqabeef mootummaan hidhattoota TPLF ni himata.
Tajaajilli bilbilaas Sambata darbe eegalee tajaajila akka kennu taasifamu Itiyoo Telekoom ibseera.
Tajaajiloonni bu'uuraa kunneen yeroo lolichaa yeroo garaa garaatti tajaajila kennuu dhaaban. Kanaanis, yeroo dheeraaf naannicha keessa wanta ta'aa ture baruun rakkisaa ture.
Ka'umsi lola kanaa maali?
Lolli naannoo Tigraayiitti Sadaasa 04, 2020 wayita Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad humnoota TPLF kanneen Izzii kaabaa irratti halleellaa raawwataniiru jechuun himatan irratti tarkaanfiin akka fudhatamuf ajaje eegale.
Ministirri Muummee Abiy ajaja kana kan raawwatan deebii haleellaan buufata waraanaa loltoonni mootummaa federaalaarratti humnootii TPLFn fudhatame akka ta'e ibsan.
Lola kanaan wal qabatees namoonni dhibbaan lakkaa'aman lubbusaanii yoo dhaban, kanneen gara 50,000 tahan ammoo qeee'aasaaniirraa buqqa'uun gara Sudaanitti baqataniiru.