Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Fannoo Diimaan baatii tokkoon booda yeroo jalqabaaf qorichaafi deeggarsa biraa Maqaleen gahe
Deeggarsi qorichaa fi meeshaalee wal'aansaa Koree Fannoo Diimaa Idil-adunyaa fi Waldaa Fannoo Diimaa Itoophiyaa mootummaa Itoophiyaan waliin qindoomuun yeroo jalqabaaf Maqalee gahe.
Erga lolli naannoo Tigraay Sadaasa 4, 2020 eegalee as qorichaafi deeggarsa dhiyyeessitiin dhaabbileen idil-addunyaa har'aa kunis isa jalqabaa Magaalaa Maqaleetiin gahan jedha Dhaabbata Fannoo Diimaa Idil-adunyaa (ICRC) ibsa har'a baaseen.
Qorichiifi deeggarsi dhiyeessitii ergame kunis dhaabbilee fayyaa magaalichatti hanqina meeshaalee barbaachisanitiin tajaajila kennuuf rakkataa turaniif hiramas jedhameera.
Sababii lola naannichatti gaggeefamuutiin wal qabatees maloonni quunnamtii waan hinjirreef dhiyeessitiin wallaansa bu'uuraa adda cite ture.
Buufataaleen fayyaa naannoo Tigiraay keessaa qorichii fi meeshaaleen tajaajila baqasanii yaaluuf gargaaran bu'uuraa kan akka gilaavii ykn haguuggi harkaa dhumuun tajaajilli isaanii laamsha'eera.
Hospitaalli Ayider sababa hanqina qorichaa fi boba'aa ittiin jeneretara sochoosu dhabeen kutaa tajaajila cimaa barbaadu [ICU] fi baqasnaii yaaluu isaa adda kutuuf dirqamu gabaasuun keenya ni yaadatama.
Kana malees dhukkubsattoota kaan kanneen tajaajila wallaansa dhibee sukkaaraa, miiccaa kale, dahumsaa fi hordoffii ulfaa barbaadan kennuuf rakkataa ture.
''Maqalleetti sababii qorichi, ibsaan ykn bishaan hinturreef hakimoonniifi narsoonni tajaajila baqaqsanii wallaannuu, kunuunsa hordoffii cimaa (ICU) fi kan biraa dhaabaniiru'' jedhan Patrik Yuusuf, ICRCtti Daarektarri damee Afrikaa.
''Hakiimonni sababa hanqina dhiyeessii bishaanii fi ibsaatiin kan ka'ees filannoo tajaajilamaa kam simachuufi dhiisuuf ulfaataa tahe, tajaajila isa kam dhaabaanii isa kam immoo akka itti fufsiina irratti baayyee rakkataa turan" jedhe, Daarikterri kun.
''Dhiyeessiin medikaalaa haaraan kunis kuusaa isaaniitti waa ni dabala. Murtoo du'aafi jireenyaa gidduutti tahus xiqqeessuun dhukkubsattoota ni gargaara.''
Akka ibsa kanaatti, qorichiifi dhiyyeessitiin har'a konkolaatotni torba ergame kunis wal'aansaa miidhamtoota 400 fi dhukkubsattoota kaan yaaluuf meeshaalee gargaaran qabachuun Maqalee galaniiru.
Dhiyeessiin kun hospitaala Ayeder, Biiroo Fayyaa naannichaa fi mana qorichaa Waldaa Fannoo Diimaa Itoophiyaa naannichaatti rabsama.
Akkasuma gareen Waldaan Fannoo Diimaa Maqalee hospitaalichi boba'aa jenereteroota isaa ittiin sochoosu akka argatuuf hojjechaa jiru.
Ministerii Fayyaa Federaalaas har'a qoricha buufataalee fayyaa Maqalee keessaaf ergeera.
Dhiyeessiin kun namoota tajaajilicha dhaban dhaqqabuun hatatamaan lubbuu oolchuuf gargaara jennee abdanna. Akkasuma buufataaleen fayyaa naannoo Tigiraay keessaa baay'een haaluma wal fakkaataa keessa jiru jenne yaadna, Isaanis deeggarsa hatatamaa barbaadu" jedhe Yuusuuf.
Gareen Waldaa Fannoo Diimaa meeshaalee deeggarsa fe'ee deemu kun uffata halkanii, saamunaa, uffata, meeshaalee kutaa nyaataa iiti bilcheessuuf gargaaran, meeshaalee bishaan waraabuuf oolan kan maatii 1,000 gargaaruu danda'an fe'anii deeman.
Sababii lola Sadaasa 4 naannichatti humnootii TPLF irratti banameen wal qabatee Maqalee dabaltee naannichatti sararriiwwan quunnamtii adda cituusaatti hir'inni torbanootaaf dhiyyeessitiin bu'uuraa dhaabbilee gargaarsa namoomaa fi wallaansaa mudate ture.
Motummaan federaalaas erga magaalaa guddittii to'annoo jala oolfatee booda deeggarsa barbaachisan naannichatti bakkeewwan garaa garratti dhiyeessaan jira jechuun ibsuun saan ni yaadatama.