Lola Tigraay Itoophiyaa: Hospitaalli Maqalee guddichi 'hanqinni meeshaalee wal'aansaa mudateera' - Fannoo Diimaa

Hospitaalli guddichi Magaalaa Maqalee keessaa, kanneen lola godhameen miidhaman wal'aanu, ''hanqina guddaa'' dhiyeessii meeshaalee wal'aansaarra akka jiru Fannoon Diimaa beeksise.

Gaafa Sambataa, MM Abiy Ahimad humnoonni waraana mootummmaa federaalaa, magaalattii to'achuu beeksisanii ture.

Lola humnoota TPLF waliin torban sadiif godhamaa ture ''boqonnaa xumuraati'' jedhanii ibsan.

Haatahu malee, hoogganaan TPLF Dabratsiyoon GabraMikaa'el loluu akka itti fufan Rooyitarsitti himaniiru.

Naannichatti maloonni qunnamtii adda citanii waan jiraniif, odeeffannoo argachuun daran ulfaata.

Ibsi Koreen Fannoo Diimaa Idiladdunyaa (ICRC) baase, lola kanaan wanta achitti tahaa jiru agarsiisa. Lola kanaan haga ammaa kanneen dhibbaan lakkaa'aman lubbuu yoo dhaban, kumaatamni ammoo qe'eesaanii dhiisanii baqataniiru.

Ibsi Fannoo Diimaa maal jedha?

ICRCn akka jedhetti, ambulaansonni Fannoo Diimaa Itoophiyaa ''madooleefi reeffa namootaa'' gara Hospitaala Ayidaritti geessaa turan.

Hospitaalichatti daawwannaa kan godhan hojjettoonni dhaaba kanaa ''kanneen wal'aanama keessaa harki 80 madaa miidhaa qaamaa'' kan barbaachisu oggaa tahu, hospitaalichi tajaajilota kaan dhaabutti dirqameera,'' jedhan.

Kanaanis hojjettoonni fayyaa hospitaalichaa jiran, humna isaanii kanneen miidhaman kanaaf oolchuu akka danda'aniif kun godhamuu dubbatu.

''Hospitaalichatti meeshaalee wal'aansaa kanneen akka sutures, antibaayootikii, anticoagulants fi giloovii dabalatee, hanqina guddaatu jira,'' jedhan ICRCtti hooggantuun damee Itoophiyaa Maariyaa Soledaad.

Kana malees hospitaalichi, reeffa namootaa deddeebisuuf kan oolu pilaastikni daran hanqachuus ibse dhaabbatichi.

Haa tahu malee ICRCn, lakkoofsa namoota miidhamanii yookaan obba'anii hin dubbanne. Kanneen achitti wal'aanaman namoota nagaa yookiis loltoota tahuus wanta ibse hinqabu.

Mootummaan maal jedhe?

Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad guyyaa Sambataa waraanni mootummaa magaalaa Maqalee ''guutummaan guutuutti'' to'achuu beeksisan.

''Kunis marsaa xumuraa duula kanaati,'' jedhan.

''Oppireeshinii waraanaa naannoo Tigraayitti goonu xumurree jirra,'' jechuun Twitter gubbaatti maxxansan.

''Waraanni loltoota kumaatamatti lakkaa'amaniifi TPLFn boji'amanii turan bilisa baaseera. Buufata xiyyaaraafi waajiraalee naannoos to'atee jira,'' jedhan.

Dabalataanis ''oppireeshiniin kun lammiilee nagaaf xiyyeeffannoo kennuun gaggeeffame,'' jedhan.

MM Abiy hooggantoota TPLF irra deddeebiin ''gartuu yakkamtootaa'' jechuun ibsu. Poolisiin seera fuulduratti dhiyeessa jechuun dubbatan.

TPLF maal jedhe?

Ergaa gabaabaa barreeffamaa Rooyirtarsitti barreessaniin hoogganaan TPLF Dabratsiyoon GabraMikaa'el, waan ta'aa jiru kallattiin dubbachuu baatanis, waa'ee humnoota mootummaa kana jedhan: ''Hammeenyi isaanii haga xumuraatti akka falmannuuf ittuu nu cimsa.''

Dabaluunis: ''[Lolli] kun dhimma mirga ofiin of bulchuu kabachiisuuti,'' jedhan.

Wayita ammaatti Dabratsiyoon eessa akka jiran wanti beekamu hinjiru.

Ibsa TPLF ba'ee TV Tigraay irratti dubbifameen: ''Haleellaan faashistichaa du'aafi miidhaa lammiilee nagaaf sababa taheera. Mootummaan Tigraay haleellaa meeshaalee waraanaa kanaaf, tarkaanfii haaloo bahuu ni fudhata.''

Akka xiinxaltoonni jedhanitti, TPLF gara gaarreenitti godaanuun, riphee loltummaan mootummaa falmachuuf qophaa'aa jiraachuu mala.