Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Atileet Daraartuu Tulluun Pirezidantii Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa ta'un filamte
Waggoota lamaan darbaniif Pirezidantii Ittaantuu ta'un tajaajilaa kan turte Atileet Daraartuu Tulluun, yaa'ii walii galaa federeeshinichaa har'a taasifameen pirezidantii ta'un filatamte.
Akka federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa ibsetti filannoo kanaan Daraartuun deeggarsa sagalee 27' akkasumas mormii 1'n irra aante.
Atileet Daraartuun Naannoo Oromiyaa bakka bu'uun kan dorgomte yoo ta'u, namni ishee waliin dorgome hin turre.
Guyyoota muraasa dura morkataan Naannoo Kibbaa kan bakka bu'an Obbo Tafarraa Mollaa erga gara aangoo dhuftee jijjiirama fiddeen osoo filamte jedhanii dorgommii keessaa of baasanii turan.
Daraartuu filannoo kana waan irra aanteef waggoota afur dhufanif federeeshinicha pirezidantummaan tajaajilti.
Filannoo Pirezidantiin ala filannoon koree hojii raawwachiistuu federeeshinichaas taasifameera.
Koreen har'a filamus hojiiwwan federeeshinichaa waggoota afran dhufan irratti olaantummaan hirmaata.
Daraartuun akkamiin gara federeeshinii dhufte?
Waggaa lama dura Pirezidantii ta'uun federeeshinicha kan tajaajilaa ture Atileet Haayilee G/Sillaasee aangoorraa ka'uf ibsuu isaa hordofeeti aangootti kan dhufte.
Atileet Haayileen filatamee waggaa lama tajaajilee waggaan lama osoo isa hafuu federeeshinicha keessatti seeraafi qajeelfama hojiirra oolchuu hin dandeenye jechuun aangoo gad-lakkisuun isaa ijoo dubbii ta'ee ture.
Yeroos koreen hojii raawwachiiftuu federeeshinichaa walgahii taa'en hanga yaa'iin waligalaa ariifachiisaa ji'a lama gidduutti taasifamutti yeroof pirezidantii ta'uun akka hojjettu murteesse.
Isheenis ji'a lama qofaaf akka tajaajiltu yeroos himtee turte. Ta'us, boodarra aangoo kanaan akka turtu taasifame.
Turtii isheenis hojiiwwan galata itti argatte hedduu dalagdeetti.
Guyyaa kaleessaa atileetoota akkasumas namoota kaan biyyattiin olompika gubbaa akka milkooftu oolmaa guddaa oolan akka yaadataman ta'eera.
Olompikiin Tookiyoo barana gaggeeffamu xiyyeeffannoo guddaa bulchiinsa Daraartuurraa eegamu keessaati.
Daraartuu Tulluun eenyu?
Atileet Daraartuun atileetii Afrikaa Sahaaraa gadii jalqabaa medaaliyaa Olompikii argattedha. Kunis Olompikii Baarselonaa bara 1992 taasifame irrattidha.
"Yeroo sanatti namni ni mo'atti jedhee na eege hin turre. Addunyaan atileetii Afriikaa Kibbaa, Eleenaa Meyeriin eegaa ture" jetti Daraartuun atileetii Afrikaa Kibbaa ishee waliin yeroos fiigde yoo yaadattu.
Ergasii waggaa saddeet booda bara 2000 Olompikii Siidnii biyya Awustiraaliyaatti Geexee Waamii of duuba aansuun warqii lammataa 10,000m'n argatteetti.
Maaraatooniifi dorgommiiwwan hedduu biroo irratti milkaa'uunis atileetota duuba ishee dhufanif fakkeenya gaarii taateetti.
Sababa kanaanis akka gootaa kan ilaalamtu yoo ta'u yaadannoo isheetiifis maqaa isheenis bu'uuraaleen misoomaa garaa garaa moggaafamaniiru.
Atileetiksii boodas invastimantii, hooggansa atileetiksiifi tola ooltummaa biroo irratti hirmaachuun hojjataa jirti.