Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Atileet Daraartuu Tulluu: 'Ji'a lama qofaaf pirezidantii ta'uun tajaajila'
Atileet Hayilee G/Sillaaseen yeroo pirezidantii atileetiksii irraa ka'uf murteesse muddameera jechuun atileet Daraartuu Tulluu BBC'tti himte.
''Hin muddameen jedha. Maaliifi jennaan gaaffiin dheengaddaa Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaatu gaafatame malee isaa miti.''
Atileetin gurraacha jalqabaa warqii Olompikii irra-aante atileet Daraartuu Tulluu yeroof pirezidantii Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa ta'un gaafa Roobii filatamte.
Koreen hojii raawwachiiftuu federeeshinichaa walgahii taa'en hanga yaa'iin waligalaa ariifachiisaa ji'a lama gidduutti taasifamutti yeroof pirezidantii ta'uun akka hojjettu murtesseera.
Gootichi atileet Haayilee G/Sillaaseen turtii waggaa lama booda Wiixata darbe osoo hin eegamin aangoo gadin lakkisa jechuun hordofeeti atileet Daraartuu Tulluun kan bakka buute.
Hayileen nan-gadhiisa jechuu isaa dura gaafa Dilbataa atileetonni kilaboota Oromiyaa yeroo fiigichi qaxxaamura biyyaa Sulultaa taasifametti mormii dhageessisaniiru.
Osoo waggaan lama isa hafu federeeshinicha keessatti seeraafi qajeelfama hojiirra oolchuu hin dandeenye jechuun aangoo gad-lakkisuun Haayilee, yaada garaa garaa uumeera.
Hiriira Sulultaa
Dilbata darbe yeroo fiigichi qaxxaamura biyyaa federeeshinii atileetiksii Itoophiyaa ganda baadiyyaa magaalaa Sulultaa irraa dhihoo jirtutti taasifame sana atileetonni hiriirri taasisanii komii guddaa kaasan.
Hiriira kana kan qindeessan keessaa hojii gaggeessaa kilabii atileetiksii hojiiwwan bishaanii Oromiyaa, Obbo Mohammad Hebbo tokko.
''Leenjisaan kabaja haa argatu, mirgi atileeti hin sarbaminii, sagaleen kilaboota federeeshinii atileetiksii keessatti haa dhagahamu,'' jechuun gaafatan jedhan.
Dabalataanis, daandii konkolaataa gubbaa leenji'uun atileetota balaaf waan saaxileef daandiin cirrachaa kallattiiwwan magaalaa Finfinnee arfanin akka hojjetamu gaafataniiru.
Qondaaltonni federeeshinichaallee itti dhihaatanii kan mariisisan ta'us Hayileen xalayaa barreesse irratti ''wanti raawwate adabbii guddaa adabsiisa ture '' jechuun hiriiricha qeqeera.
Murtee Hayilee duuba
Atileetin ciminaafi milkaa'ina fiigicha fageenya dheeraan gurra horate kuni, waggaa lama dura namoota ispoortii beekaniin federeeshiniin buluu qaba jedheeti aangootti kan dhufe.
Haa ta'u malee, kan innis amane waan irraa eegamu milkeessuu hin dandeenye.
''Wanta hedduu raawwachuuf karoorseen ture, garuu isan karoorse keessaa dhibbantaa 30 illee dalaguukoo nan shakka,'' jechuun miidiyaa biyya keessaa FBC'f himeera.
Xalayaa yeroo gad-lakkisu koree waliigalaaf ergeenis namoonni muraasni dhaabbilee dahoo godhachuun dhiibbaa irraan geessisaa akka turan eera. Eenyu akka tahan garuu hin himne.
Keessumaa mormiin atileetotaa sababa ijoos tahu baatu akka murtii kanarra gahu kan dirqan keessaa akka tahe ibseera.
Isa dura garuu gaaffilee irra-deddeebbiin gama naannoo Oromiyaa irraa dhufanin kan ka'e dhiibbaan Hayilee gama Oromiyaa akka dhufetti kan fudhatan turani.
Pirezidantiin Federeeshinii Atileetiksii Oromiyaa Obbo Daanyaachaw Shifarraa garuu kanaan wal hin galan.
''Gaaffii ka'e baqachuu yoo ta'e malee aangoo irraa ka'uf sababa ta'a jedhee hin yaadu,'' jedhaniiru.
Gaffiin isaanii sirrii ture kan jedhan qondaaltichi, inumaa murteen atileetotaa gaaffii isaanii waliin wal qabatuun isaa hamilee isaanii ni miidha yaada jedhu qabu.
Hayileen hamma jedhe maaliif gahuu dhabe?
Atileet Haayileen sababa gadhiisuu isaa eereen alatti yeroo seeraafi qajeelfama hojiirra oolchuuf jedhutti hoggantoonni hiika biraa akka kennaniif hima.
Isa inni amane kana xinxalaan atileetiksii maqaan isaa akka hin dhahamne fedhus ni mirkaneessa.
Gabra Igzaaber G/Maariyaam ''Qaamoleen seera federeeshinii atileetiksii idil-addunyaa beekuu dhabuu, gaaffiiwwan atileetotaafi kaan'', akka murteessu akka isa dirqe ni amana.
Dhibbaa Hayileen ka'uu qabu
Namni maqaa guddaa qabu beekkamtii fi walitti dhufeenya inni qabuun atileetiksii guddisuu danda'a. Kanaaf, Haayileen ka'un isaa hanqina uumuu akka danda'u kan yaadan ni jiru. Garuu hundaa miti.
Pirezidantiin itti-aanaa federeeshinichaa atileet G/Igzaaber G/Maariyaam Hayileen ka'un isaa miidhaa guddaa kan qabuufi kaanis dhufee akka hojjetu hin kakaasu jechuun hima.
''Tokkoffaa atileetiksii irratti, lammata immoo biyyattii irratti dhiibbaa guddaa qaba,'' jechuun hima.
Xiinxalaan atileetiksii maqaan isaa akka dhahamu hinfeene akka jedhutti '' shaampiyoonaa atileetiksiin addunyaa Dohaatti taasifamuufi Olompikiin dhihaataa osoo jiruu gad-lakkisuun isaa federeeshinichas, ispoortichas hin miidha.''
Obbo Daanyaachoonis osoo Hayileen jraate gaarii akka tahu danda'u yaada qabu. Garuu, ''yeroo inni jiruus qabxiin aileetiksii gadi bu'aa ture,'' jechuun ibsu.
Leenjisaan atileetiksii Mohaammad Hebboo garuu Hayileen murtee isaa kana isa Sulultaatti raawwaten qabata akka godhate yaadu.
''Aangoo irraa ka'un Hayilee inumaa atileetiksii hin miidhu, ni fayyisa malee. Maal jennaan erga muudame wanta waadaa seene hin dalagne.''
Atileetiksiin inumaa bara inni aangoorra jiru gadi bu'e kan jedhu leenjisaan kuni qabxii galmaa'aa jiru eera.
Gaaffii Oromiyaa hindeebine
Pirezidantiin federeeshinii atileetiksii Oromiyaa Obbo Daanyaachaw Shifarraa akka jedhanitti federeeshinii biyyaaf Oromiyaan gaaffilee ijoo lama kaase.
''Tokko maddi atileetotaa kilaboota waan ta'ef, federeeshiniin kuni kan kilabootaa ta'uutu irra jiraata. Lammata hojiin federeeshinichaa iftoomina hin qabu, gaaffiin bulchiinsa gaarii jira,'' jedhu.
Gaaffiin kilaboonni atileetiksii federeeshinootaan osoo hin taane kallattiidhaan miseensa federeeshichaa akka tahan gaafatu kuni garuu yaa'ii waligalaa irratti fudhatama hin arganne.
Sababa kanaaf, federeeshinichi jijjiirama hinfedhu gaaffii jedhu kaasu. Dhimma kana irratti qondaaltonni federeeshinichaa yaada garaa garaa qabu.
''Oromiyaan naannoo guddaadha atileetota hedduu qaba. Baay'ee fayyadamuu kan qabu anadha jedhee yaada. Kana tokkoon keenyayyuu kan deebisuu dandeenyudha jedhee hinyaadu,'' jechuun atileet G/Igzaaber hima.
Reefu yeroo pirezidantii federeeshinichaa ta'un kan muudamte atileet Daraartuu Tulluu immoo gaaffiin Oromiyaan fa'i gaafate 'qoratamaa jira' jetti.
''Galuun isaanii (kilaboota) ispoortiif faayidaa maal qaba kan jedhamu ilaalamee kan murtaa'udha. Baay'ee kan nama rakkisu miti,'' Jechuun BBC'tti himteettii.
Federeeshinichi baasii guddaa baasuus misooma atileetiksii irratti oolchaa hinjiru kan jedhan qondaalli Oromiyaa kuni, sababa kanaaf qabxiin gaduma deemuu kaasu.
Atileetiksiin Oromoof
Sababa kanaaf, Federeeshiniin Oromiyaa jijjiiramni akka jiraatu fedha. Jijjiiramni biyya keessa taasifamaa jiru federeeshinii atileetiksii biyyaa keessaas akka seenu ni gaafata.
''Atileetiksii jechuun Oromoodhaaf iispoortii qofa miti. Atileetiksiin eenyummaadha, biznasiidha, aadaadha, carraa hojii kan itti uumuu fi kan qabeenya itti horattudha'' jedhu.
Dhuguma atileetiksiin madda galii ta'un isaa qaamoleen garaa garaa bakkatti waldhaban godheera ta'uu mala. Kanaaf immoo, Oromiyaan dura-aantummaan akka gaafataa jiru ni amanu.
''Kaampaaniin guddaan tokko yeroo kufu namoota qooda baay'ee keessaa qabanitu miidhama. Atileetiksiin biyya kanaas yeroo kufu, kallattiidhaan atileetota Oromoo irratti miidhaan dhaqqabu akkasuma cimaa waan ta'ef furamuu qaba'' jedhu.
Egeree Daraartuu
Amma muudamuu ishee akka carraa guddaatti akka ilaaltu kan BBC'n gaafate Daraartuun durumaa federeeshinichi gaaffilee gaafataman mariidhaan furaa akka jiru ni dubbatti.
Haa ta'u malee, yeroof pirezidantii ta'un tajaajiluurra kan darbe ji'a lama booda yaa'i waliigalaa arifachiisaa taasifamu irratti akka hin hirmaanne BBC'tti himteetti.
''Hindorgomu. Dorgomuuf yaada hinqabu. Pirezidantii ta'e itti fufuun baay'ee natti ulfaata.''