Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Atileetota Oromoo Biraaziil Riyootti dagataman
Paaraliimpiikii Riyoo bara 2016 irratti Itoophiyaa bakka bu'uun dorgommii meetira 1500'n hirmaatee meedaliyaa meetii biyya isaf fiduun mallattoo diddaa kan agarsiise ture Atleet Taammiruu Kaffaalaa biyyatti akkan deebi'u hin waamamne jechuun komate.
Kunis an ta'e qaama miidhamaa waanin ta'eefi jedha Taammiruun.
Erga atileet Fayyisaa Leellisaan Olompika Riyoo irratti mallattoo mormii agarsiise booda dorgommii paaralimpikii itti aanee dhuferratti atileetin Itoophiyaa Taammiruu Kaffaalaa Damissee mallattoo sana dabalee agarsiise ture.
Taammiruun ergasii booda jireenya isaa achuma Riyootti taasifate.
Durumaa kana gochuuf yaada qaba kan jedhu atileetin kuni amma rakkoo guddaa keessa jiraachuu dubbata.
Ijji isaa tokko guutummaatti hin argu, iji isaa inni lammataas argaaf isa rakkisaa akka jiru gaaffiifi deebii BBC waliin taasiseen himeera.
''Ijji kiyya tokkichuu harka digdama ykn digdamaa gadi kan arguu danda'u.''
Atleetiin paaralimpikii kan biroon dorgommii Olompiika Riyoorraatti Itoophiyaa bakka bu'uun dorgomee ture Magarsaa Taasisaa isa waliin akka jiru kan nutti hime Atleet Taammiruun ''inni ammo anaa gadi jira'' jedha.
''Amma baayyee dhukkubsatee yoo namni qabee deeme malee deemuu hin danda'u. Asitti ijasaaf yeroo jaha yaala baqaqsanii yaaluu argateera.''
''Wanti baayyee nu gaddisiisee fi nu boochisaa jiru fayyaa isaatis'' jedha Atleet Taammiruun.
Erga Olompiika Riyoo bara 2016, leenjii koo adda kutee hin beeku kan jedhu Atleet Taammiruun, ''rakkina guddaan ta'us'' dargommiiwwan Biraazil keessatti qophaa'an irratti akka hirmaatu dubbata.
''Yeroo jalqabaa rakkannee hanga karaarra buluutti geenyeerra'' jechuun rakkoo isaan mudate hima.
''Dorgommiin kadhadhee irratti hirmaadhu irratti anumatu injifatas'' jedha.
Harka kennatanii waraqa yeroof kennameefiin jiraachaa akka jiranis dubbata Taammiruun.
Biyyasaaf meedaliyaa hedduu dorgommii paaraalimpiikin gumaachuu kan dubbatu Atleetiin kun ''biyya koo nan jaaladha galuus nan fedha'' jedha.
'' Warqee lama, meetii lamaafi nahaasa tokko fideera'' kan jedhu Taammiruun olompiika Riyoorratti paaralimpiikiin nama meedaaliyaa Itoophiyaan argatte tokko fidedhas jedha.
''Olompiika Riyootti kaniin ergame Itoophiyaa bakka bu'eenii, akkan as jirus beeku maaliif biiyyatti akkan deebi'u akka na hin gaafanne isaantu beeka''
Akkan inni yaadutti waamamuu dhabuun isaa qaama miidhamaa ta'uusaan wal qabata.
''Ilaalcha qaama miidhamaaf qaban agarsiisa jedha'' Taammiruun.
Waamichi yoo naa dhiyaate kabajaan fudhadheen biyyatti deebi'as jedha.
Deebii mootummaa
Itti gaafatamaan waajira koree paaraalimpiikii Itoophiyaa dhimma kanarratti akkuma Fayyisaa Leellisaan yaamame karaa seera qabeessa taheen, maqaasaa miidiyaaf ibsinee waamna. Deebii jedhu kennan.
''Nuti fedhii qabna, kun gaaffii hin qabu'' jedhan.
Amma Asallaatti dorgommiirra jirra kan jedhan obbo Naasir, koree hojii raawwachiiftuu fi mootummaa mari'achiifnee waamna jedhan.
Waamicha warra kaaniif taasisne, qaama miidhamtoota warra tahaniif sababni itti hin godhamne hin jirus jechuun dubbataniiru.