Atileet Qananiisaan Kipchoogee fi qopheessitoota maaraatoonii Landan qeeqe

Atileet Qananiisaa Baqqalaan fiigicha maaratoonii kaleessa Landanitti dorgomamen hin gammadne jedhe.

''Jalqabumaa baay'ee saffisee ture. Qilleensis ni ho'a ture. Qilleensa akkana ho'u keessatti maaliif dorgommii saffisa qabu akka qopheessan hin beeku.

''Riikardiin 02:57 dha. Walakkaa maaraatoonii daqiiqaa 61'n qaxxaamuruu hedan naaf hin galle. Beekaa dorgommii kana jeequuf wanta ta'e natti fakkaata. Garuu, kan fayyadame hin jiru.''

Akka gootichi fiigicha fageenya dheeraa maaraatooniinis maqaa guddataa horatu fedhu, Qananiisaan jedhutti kan kana keessaa qabu atileet Eluwid Kipchoogee fi qophessitoota dorgommichaati.

''Riikardii cabsa jedhame eegamee ture. Boodarra 2:04's ta'e 05 waliin fiigee kaan jeeqee injifachuuf kaayyeffate. Kanaafuu dorgommii gaariidha jedhe hin yaadu.''

Qopheessitoonni dorgommichaas nama tokko qofa yaaduun osoo hin taane yeroo hunda galeessa ta'e ilaaluu qabu ture jechuun qeeqeera.

Jalqaba irratti fiigicha saffisa qabu ture kan jettu atileet Taaddalach Baqqala, kiloomeetira 35 booda dadhabbin natti dhagahamus humna qaban ture jetti.

''Saffisa isaa yeroo ilaaltu injifachuun ulfaata. Maaraatoonii Landan 1-3 keessa xumuruunu guddaadha.''

Ho'a atileetonni komatan garuu natti toleera jechuun BBC'tti himteetti.

Atileetin dhiiraan Eluwid Kipchoogetti aanuun alammaffaa bahe, Shuraa Qixxaataa, ho'a ture himata.

''Waldorgommiin bareeda natti toleera. Haala qilleensaatu ulfaata malee, ho'insa waan qabuuf.''

Dorgommiin jalqabumaa saffisa qabaachuun natti toleera kan jedhu atileet Shuraa Qixxaataan, leenjii leenjisaa isaa irraa argaten akka kana godhe himeera. Garuu, mo'uf yaada hin qabu jedhe.

Barliin booda yeroo lammataaf maaraatoonii kan fiige Guyyee Adoolaa, yaada atileetota kaanii qooddata.

''Dorgommiin baay'ee ulfaata. Qilleensis ni ho'a. Saffisnis ni cima.''

Guyyeen Mo Faarah natti dubbateera akka jedhetti, saffisni jalqaba irra ture atileeti sadaffaa bahe, Moo Faarah illee jeeqeera.

Maaraatoonii Landan guyyaa kaleessaa dorgomame atileetonni Keeniyaa koorniyaa lamaanin irra-aananiiru.

Dhiiraan Eluwid Kipchoogee yeroo injifatu Shuraa Qixxaataan lammaffaa bahe. Moo Faarah 3ffaan yeroo xumuru Qananiisaan 6ffaan xumure.

Dubartootaan atileet Xurunash Dibaabaan dorgommii adda kuttee baatetti.

Keeniyaa irraa Viiviyaan Chiiriyoot atileetii Keeniyaa biraa ofduuba aansitee yoo mootu, Taaddalach Baqqalan 3ffaa baate. Maaree Dibaabaan 7ffaadha.