Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Chaayinaan biyya lammaaffaa Addeessarra Alaabaashee dhaabde taate
US Alabaa ishee Addeessarra erga dhaabdee waggaa shantama booda Chaayinaan biyya lammaaffaa alaabaa ishee fannifte taate.
Suurri bulchiinsa Hawaa Biyyaalessaa Chaayinaarraa argame akka agarsiisutti alaabaan diimaan urjiilee shan ofirraa qabu handaara Addeessaa qilleensa ofirraa hin qabnerra dhaabateera.
Suurri kun kaameraa roobootii hawaa abuuruuf Chaayinaan kalaqxe Chang'e-5 jedhamtutti kaahameen Addeessa irraa saamuda dhakaa fudhattee kamisa deebi'uu dura kaafame.
Ergamootni Chaayinaa lama alaabaa biyyattii handaara Addeessarra dhaabuuf yaaliin godhame hin milkoofne ture.
Ameerikaan alaabaa ishee yeroo jalqabaaf Addeessarra kan dhaabde bara 1969 ergama Apooloo 11 nama qabattee garasitti imalteen ture.
Ergamoota dabalataa gara handaara ji'aattii irra deddeebiin hanga bara 1972 taasifameeniis alaabaawwan US shan ta'an dhaabamaniiru.
Bara 2012'tti suuraalee saatalaayitii waabeffatee alaabaan shananuu akka dhaabatanitti jiru jedheera Nasa'n. haata'u malee ogeeyyiin miidiyaarratti ibsa kennaniin humna aduurraa kan ka'e halluun alaabichaa gadhiiseera jedhaniiru.
Waayee ergama kanaa Chaayinaan maal jette?
Barruun mootummaa chaayinaan hoogganamu Global Times alaabaan Chaayinaa ''miira gammachuufi kaka'umsaa'' yeroo ergama Appooloo US nu yaadachiisa jedheera.
Roobootiin abuura hawaaf kalaqamteefi suura alaabaa kana kaafte Chang'e-5 , handaara Addeessarraa saamuda biyyoofi dhakaa fuutee gara Orbitii ji'aa fageenya km 15 irratti argamuutti kan deebite yoo ta'u saamudni Addeessarraa fuudhame naannoo Mongoliyaatti geeffama.
Alaabaan Chaayinaa kun bal'inna meetira lamafi fi dheerina saantimeetira 90 kan qabu yoo ta'u ulfaatinni isaa kg lama ta'a.
Alaabaan kun qorra akka dandamatu godhamee hojjetamuu hogganaan piroojektichaa Lii Yunfeeng Global Times itti himaniiru.
Alaabaan baratamaan lafarra jiru haala qilleensaa handaara Addeessarra jiru hin dandamatu jedhu ogeessii biraan Cheeng Chaang.
Kana dura si'a lama yaaliin alaabaa Chaayinaa Addeessarra dhaabuu taasifamee ture.
Kan Chang'e-5 waggoota torba keessatti yaalii Addeessarra qubachuun milkaahaa ta'e isa sadaffaadha.