Qubee afaan Arabaa Naayijeeriyaatti falmii amantii kaase

Gaazexeessitoonni Afrikaa xalayaa BBC'f ji’a ji’aan erganiin, kan ammaa gulaalaa olaanaa gaazexaa Daily Trust duraanii Maaniir Daan Alii dhimma qubee afaan Arabaa fayyadamuun falmii Naayijeeriyaa keessatti uume xiinxaleera.

Ogeessi seeraa Naayijeeriyaa barreeffamni afaan Arabaa nootii qarshii biyyattii irra jiru akka haqamu mana murtii Naayijeeriyaa magaalaa Leegoositti argamu gaafatee ture.

Kana malees loltuun biyyattii faajjii isaa irratti barreefama ’’injifannoon Waaqa biraati,’’ jedhu kan afaan Arabaan barreeffame akka haqu gaafateera.

Namoonni wanti kun biyya Islaama taasisa jedhanillee waan jiraniif tarkaanfiin kun falmii haaraa kaasisuu mala.

Haa tahu malee namooti baayyee kan hin hubanne qubeen Arabaa afaanota Afrikaa birootiin barreefamaaf faayidaarra akka oolaa ture dha. Afaanoti kunneen sirna qubee kana Ajaamii jechuun waamu.

Otoo koloneessitootaafi kiristiyaanoti qubee Roomaanii A-Z fidanii hin dhufiin dura qubee afaan Arabaan ture barnooti jaarraa meeqa dura kan babal’achaa ture.

Afaan Afrikaa Bahaatti argamu Kiswaahilii,Tamaashek kan Kaabaafi Lixa Afrikaatti argamu fi afaanoti Naayijeeriyaa Kaanuurii, Nuup, Yoorubaa, Fulfuldee fi Haawuzaan faa barreefama afaan Arabaa 'Ajaamii' jedhamu fayyadamu ture.

Hayyootaa fi bulchitoonni kahaalifa Sokootoo kan Kaaba Naayijeriyaa keessa jiran 'Ajaamii' kana fayyadamuun kitaaba barreessu ture.

Intalli Sheek Usmaan Daan Foodiyoo kan bulchiinsa Kaalifaa kana hundeessee Asmaa’uun dandeettii walaloo isheetiin beekamti. Afaan Haawuzaafi Fulfuldeen kitaaba barreessuunis dubartii jalqabaati jedhamti.

Isheen erga duutee waggaa 150 darbeera. Barreefamni nootii qarshii naayiraa irra jirus 'Ajaamii' dha malee afaan Arabaa miti.

Amantiin wal-qooduu

Amantiidhaan wal-qooduu fi shakkiin kan jalqabe erga Biriitiish Kaabaa fi Kibba biyyattii walitti makuun bara 1914tti bulchhinsa Leegoos jala galchiteeti.

Hanga har’aa namooti siyaasaa dhimma kana ‘’dogoggora 1914’’ jedhu. Qoodinsi kun aadaa, amantii fi ilaalcha addunyaa danuu warreen qaban gara biyya tokkootti fiduu yaada jedhuun deeggarama ture.

Karaa miidiyaalees, garri Kaabaa Musliimaafi Kibbi immoo Kiristaana jedhamee haa odeeffamuyyuu malee dhugaa wal-xaxaa fi garaagarummaa isa sirrii Naayijeeriyaa hin ibsu.

Seen-duubeen armaan gadii dubbii mana murtii Leegoos dura ka’ee, badaafi deebi’ee dubbi tahaa ture kana nuuf ibsa.

Dubbiin waggaa kudhan dura yeroo Naayijeeriyaan waggaa 50ffaa guyyaa walabummaashee kabajattu nootii naayiraa abbaa 50 akka haaraatti maxxansuun jalqabe.

Waggaa afur booda ammoo yeroo biyyattiin guyyaa hundeeffamaa kabajattu nootiin naayiraa abbaa 100 haaromfame.

Hawaasa Musliimaafi Kiristiyaanaa gidduu qubee Roomaaniin Haawuzaa barreessuun jalqabame kan jedhurratti falmiin guddaan taasifame.

Gaazexaan New Yorker dhimma kana akkanatti cuunfee kaa’eera,’’Kiristiyaanoti tarkaanfii kana Naayijeeriyaa Islaamummaarraa qulleessuu yoo jedhan, Musliimonni immoo jibba Islaamummaa dha jedhan.’’

Namoonni qubee afaan Arabaa nootii fi faajjii irratti fayyadamuu morman, akka eenyummaa Islaamummaa ibsuufi afaanichi 'Ajaamiis' kan fayyadame amantii Islaamaa babal’isuufi jedhanii waan amananiifi.

Kunneen otoo hin beekiin ilaalcha Bokoo Haaraamiin oofamaa akka jiran hin barre. Hidhataan Islaamaa waggoota 11f Kaaba Naayijeeriyaatti fincilarra jiru akkuma kana guutummaan guutuutti barnootaafi yaada warra Lixaa morma.

Barreefamni 'Ajaamii' nootii naayiraa irra jiru faayidaa warreen afaan Haawuzaa dubbatan miiliyoonaan lakkaa’amaniifi. Isaan qubeedhuma kanaan Kaaba Naayijeeriyaatti baratu,barreessus.

‘Hambaa seenaa Afrikaa sadeen’

Falmiin fayyadama qubee kanaa akkuma itti fufeen, kaan immoo saffisaan Israa’el illee nootii qarshii ishee 'Shekeel' jedhamurratti afaan Arabaa akka fayyadamtu miidiyaa hawaasummarratti agarsiisaa turan. Kanas kan taasisan uummata Arabaa lakkoofsa muraasa qabu kan biyyattii keessa jiraatuuf jedhaniiti.

Kana malees waan barreessaa fi hayyuun siyaasaa Keeniyaa Alii Maazuurii jedhe hubachuun gaarii dha. ‘’Hambaa seenaa Afrikaa sadeenii- Dhiibbaa Islaama Arabaa, Kiristaanummaa kolonii fi aadaa ganamaa.’’ Aadaa hunda hammataa kan barbaadu hundi warreen sadeen kunneen dhabamsiisuu hin danda’u jedha.

Namni tokko dhimma nootii naayiraa haaromsuu ilaalchisuun yaada gaazexaa New Yorker irratti mormee kenneen, ‘’Barreefama afaan Ingiliizii fayyadamuun Kiristiyaan hin taasisu taanaan, maaliif inni afaan Arabaa ni Islaamessa jedhamee yaadama?’’ jedhee ture.

Manni murtii waan fedheyyuu yoo murtesse dubbichi kanaan goolaba waan argatu hin fakkaatu.