Hogganaan humna waraanaa Sars' loltootni isaanii finciltootata rasaasan dhahuu haalan

Humni waraanaa Naayijeeriyaa finciltoota meeshaa waraanaa of harkaa hin qabne magaalaa Leegositti dhukaasee ajjeese himata jedhu haale.

Loltootni koo rasaasa sobaa hiriira bittinsuuf gargaaru dhukaasan malee isaan hin haleelle jedhe.

Birgader Jeneraal Ahimed Tayiboo paanelii qorattootaa irratti viidiyoo kana deeggaruuf dhiyeessaafii ture.

Aminestii Internaashinaal magaalaa Leegos bakka Leekii jedhamtutti finciltoota miidhaa poolisiin gahu balaaleffachuuf bahan irratti loltootni dhukaa banuun namootni 12 ajjeefamaniiru jedhe.

Namootni ijaan argan baay'een ammoo BBCtti akka himanitti loltootni kunneen namoota nagaatti yeroo dhkaasan arguu himaniiru.

Gaafa Onkoloolessa 20 finciltootni 1000 tahan Leekoo bakka jedhamtutti walitti qabamuun akka konkolaachiftootni hin fayyadamneef hulaa daandii guddatti galchu cufan.

Viidiyoo miidiyaa hawaasaa irratti guyyaa sana qoodame irratti dhukaasni ni dhagahama. Namootni fincilaaf bahan ammoo ofirra gadi taa'anii harka isaanii wal keessa baasanii faaruu alaabaa biyaalessaa Naajireyiaa yeroo faarfatan agarsiisa ture.

Tamsaasni kallaattiis yeroo namootni kunneen gara namoota miidhamaniitti qajeelan agarsiisa.

Haleellaan kunis fincila garee poolisii akka malee jibbamu irratti gaggeeffame hordofee raawwate. Gareen kun 'Sars' jedhamee kan waamamu yoo tahu Garee farra Saamichaa jedhamee beekama.

Birg. Jeneraal Ahimed paanelii qorattootaa irratti waa'ee loltoota isaa ''odeeffannoo sobaa baay'eetu jira'' jedhe. ''Yakki isaanii tokkichi hunduma keenya eeguuf gabaasa gochuu isaaniiti'' jedhan.

Viidiyoo agarsiise irrattis loltootni ni mul'atu. ''Ilaalaa qilleensa keessatti dhukaasaa jiru, akkasumas rasaasa qullaa ykn sobaa dhukaasaa jiru'' jechuun agarsiisaa ture.

Jeneraalichi balleessaa raawwatan kaaniif tarii deebii gahaa yoo kenneef waanti beekamu hin jiru.

Erga haleellaan dhaqqabee warri fincilicha keessatti hirmaatan mootummaan akka isaan irratti xiyyeeffateeru BBCtti himaniiru.

Finciltootaa fi kaampaanotni baay'een herregni baankii isaanii akak jalaa uggurame himaniiru. Paaspoortiin ogeettii seeraa kan finciltootaaf deeggarsa seeraa taasise biyyaa bahuuf yoo jettu akkasuma harkaa fuudhamee booda deebi'eef..

Miidhaa poolisoonni humna addaa saamicha ittisuuf hundaa'an kana mormuuf Onkololessa 8 akka biyyaalessatti mormiin adeemsifameera.

Humni kun sarba mirga namoomaaf, hidhaa seeraan alaa fi ajjeechaa raawwachuun himata.

Pirezidaanti Mohaammaduu Buhaarii guyyoota muraasa booda humna kana bittinsan.Haa tahu malee finciltootni humna nageenyaa keessatti haaromsi akka dhufuuf gaafataa turE.

Itti aanaan pirezidaantii Naayijeeriyaa miidhamtootni haqa akka argatan goona jechuun waadaa seenaniiru.