Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Namtichi waggaa 30f maatiin itti cufee ture bilisa baafame
Kaaba Naayijeriyaa bulchiinsa Kaanuu keessatti gaheessi waggaa 55 kan maatiin waggaa 30f itti cufamee ture baraaramuu, quuqamaan mirga namoomaa Saanii Shu’aabuu BBCtti himan.
Namni kunis dhukkuba sammuu qaba jechuun ture abbaa isaatiin miilasaa tokko muka furdaa irratti erga sibiilaan cufameen booda kutaa karraafi foddaa hin qabne keessa kaa’amuu dubbata Mr Sha’aabuun.
Innis waa’ee nama kanaa ilaalcchisuun poolisiif eeruu kennuun poolisoota waliin sakkatta’insa taasisanii Magaalaa Rogootti kutaa keessaa baraarame.
‘‘Innis rakkina sammuu xiqqoo kan qabuufi yoo itti ka’u waan dheekkamuuf, fala barbaachuurraa abbaan isaa bara 1990 keessa itti cufee kaa’uu murteessan,’’ jedhan Mr Shu’aabuun.
“Erga abbaan isaa du’een boodas obbolaan isaa lamaanis haaluma sanaan akka itti fufuu taasisan. Har’a garuu bilisa baheera. Ollaan muraasni waa’ee kana waan beekaniif akka bilisa bahuuf deeggarsa taasisaniiru’’ jedheera.
Gaheessi waggaa 55 kunis amma Hospitaala waliigalaa Rogootti wallaansa argataa jiru.
Obbolaan isaa ammo pooliisiin gaaffiin dhiyaataafii jira.
Dubbi himaan Komaandii Poliisii Kaanoo Abdulaahi Haarunaa namni kun baraaramuusaa BBCs mirkaneessanii dhimmicha qorataa jiraachuu himan.
Sochii baraarsaa walfakkaataa torban lamaa gadii keessatti gaggeeffameen namoota fedhii addaa qaban garuu kan maatii isaanitiin hidhaman baraaraman keessa kun isa dhimma olaanaa sadaffaadha.
Neetiwarkii Mirga Namoonaa dhaabbata miti motummaa kunis sochii baraarsaa namoota sadanu keesatti qooda fudhateera. Oggannaan isaa Ajajjaa Haaruunaa Ayaagii BBCtti akka himaniitti, sababii ‘dhiimmi akkas kun bara dheeraaf kan dagatame’ ta’eefu haalli walfakkaatu hedduun akka argamu kan eegan ta’uu dubbatu.
‘‘Dhimmoota kanneen keessatti irra caalaa maatiin ijoollee rakkina qaban wayita godhatan, akka hinkunuunsineef qabeenyaa dhaban akkasumas motummaa ykn qaama biraa irraayis deegarsa dhaban itti cufuun rakkinicha hiikuuf yaalu’’ jedhu itti dabaluun.