Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Mormii Naayijeeriyaa: Mormii Naayijeeriyaa ilaalchisee odeeffannoowwan sobaa jiran maalfaadha?
Jalqaba ji'a kanaatti, garee poolisii yakka saamichaa to'achuuf gurmaa'e, Sars jedhamuun waamamu irratti mormuufi hiriira kan eegalan lammiileen Naayijeeriyaa ammallee torban lammaffaaf mormiisaanii itti fufaniiru.
Hiriirtonni kunneen mootummaan biyyattii poolisii kana akka diguuf gaafatu.
Hiriirri Naayijeeriyaa mata duree oduu addunyaa ta'uun, miidiyaa hawaasummaarratti kumaatamaan maxxanfamaa oola, garuu waanti maxxanfamu hunduu qabatamaa hinturre.
Odeeffannoon dogoggorsiisoo ta'an kanneen karaa interneetii tatamsa'aa turan muraasa akkanaan qindeessineerra.
Dubartiin tokko obbolaa sadi dhabde kan jedhu soba ta'e
Hiriirtota keessaa tokko kan taate dubartiin Ugwu Blessing Ugochukwu jedhamtu obboloota kiyya sadi guyyaa tokkotti poolisii Sars ajjeeseera jechuun alaabaa biyyattii qabattee teessee boossi.
Wantoota hookkara Naayijeeriyaa hammeessan keessaa kun tokko. Suuraanshee baay'inaan tiwiitarii irratti qoodamaa ture, garuu boodarra soba ta'uutu adda ba'e.
Dubartiin kun osoo hiriira mormiirra jirtuuti kan suuraa sana kaate, kun sirriidha.
Garuu namoonni suuraa isheen miira aarii fi gaddaan guutamtee kaate sana fudhachuun dubartiin kun obbolaa sadi sababa murna poolisii Sars jedhamuun dhabde jechuun miidiyaa hawaasummaarra facaasan.
BBC'n dubbii himaa dubartii kanaa kan ta'an Gideon Obianime wayita gaafateettis, waanti kun dhara ta'uu himan.
''Ms Ugochukwu bara 2018 keessa yeroo gabaabaaf murna poolisii Sars kanaan hidhamanii turan. Obbolaa qabaachuunis sirriidha garuu tokkollee harka poolisoota kunneeniitti hin duune'' jedhan.
Alaabaa biyyaa qabannaan waraanni si hintuqu, kunis soba
Oduun biraan miidiyaa hawaasummaarraa naanna'aa ture ammoo, alaabaa biyyaalessaa Naayijeeriyaa harkatti qabannaan humni waraanaa biyyattii si hin tuqu kan jedhuudha.
Kunis tiwiitarii, feesbuukii fi inistaagiraamii irratti bal'inaan qoodamaa ture.
Ka'umsi oduu kanaa, dubbii namoonni miidiyaa hawaasummaarratti karaa keessaa waliin dubbataniidha.
Namoonni abbaansaanii humna waraanaa keessa turan, waraanni Naayijeeriyaa amala akkasii qaba kan jedhu abbaarraa dhagahuun wayita waliif barreessan, waan barreessan ammoo suuraa kaasuun miidiyaa hawaasummaarratti qooduu eegalan.
Oduun kunis suuraa barreeffamaa yookiin 'Screen shot' kanarraa ka'uun miidiyaa hawaasummaarra faca'e.
Kun naamusaafi seera ittiin bulmaata humna waraanaa biyyattii kan cabsuudha jechuun kaan wayita komatan, kaan ammoo lakkii kun waan sobaati jechuun yaada kennu.
Namni seeraa Naayijeeriyaa Onyekachi Umah BBC'tti akka himanitti seerri akka alaabaa kabajan ajaju jira. Kana jechuun garuu yoo alaabaa qabattee waan feete goote qaamni nageenyaa tarkaanfii hin fudhatu jechuu miti'' jedhan.
Qondaalli mootummaa hiriirri kun 'Tapha ijoolleeti' jedhe hinjiru lakkii
Hiriirri mormii Naayijeeriyaa eegalamee guyyaa muraasa booda viidiyoon gorsaa olaanaa Pirezidaanti Muhaammaduu Buhaarii, Femi Adesinaan waan hojjetame fakkaatu maxxanfame.
Viidyoo sana keessatti akka waan qondaalli kun hiriira kanaan kun 'tapha ijoolleeti' jedhanii waamaniitti mul'ate.
Namoonni hedduunis dhaamsa viidiyoo kanaan mufachuun, qondaalli kun hiriira mormii kana gatii dhowwateera yaada jedhurra ga'aniiru.
Viidiyoon sun garuu kan turee fi haala qabatamaa hiriira ammaa keessatti osoo hin taane haala biraa keessatti kan waraabame ture.
Hiriira ji'a lama dura gaggeeffame wayiirratti kan dubbatameedha malee kan murna poolisii Sars mormuuf amma ba'ame kan ilaallatu miti.
Qondaalli kun haasaa kana TV biyyattiirratti taasisanii turan, garuu namoonni ji'a lama booda viidiyoo sana gulaaluun seensaa fi qabiyyee viidiyochaa balleessuun haala ammaa waliin walitti hidhanii baasan.
Boodarra garuu miidiyaan biyyattii dhugaa jiru ifa godheera, qondaalli kunis dubbiin ifa ta'uusaaf miidiyaa kana galateeffataniiru.
Viidiyoon saamicha giddu-gala gabaarratti gadi dhiifame soba hinturre
Akkuma wantoonni hin raawwatamanin akka waan raawwatamaniitti sobaan maxxanfaman, kan dhugaan raawwatamanii maxxanfaman haaluun soba fakkeessanii mul'isuunis jira.
Kutaa biyyaa Kibba Dhiha Naayijeeriyaatti argamtu, Osun jedhamtu keessatti giduu galli gabaa tokko namoota Sars mormaniin saamamuu viidiyoo agarsiisu dhaabbati 'All Progressives Congress UK' jedhamu tiwiitara isaarratti maxxansee ture.
Gareen Sars morman garuu viidiyoon kun soba, hiriirtonni yakka kana hin raawwanne jechuun soba fakkeessanii mul'isan.
BBC'n garuu dhimmi kun dhugaa ta'uu nama suuqii qaban, kan wayita saamichi raawwatu ijaan argeera jedhanirraa qulqulleeffateera.
Phaaphaasiiwwan Kaatolikii Naayijeeriyaa fi hiriira mormii
Phaaphaasiiwwan mana amantaa kaatoolikii Naayijeeriyaa hiriira mormii murna poolisii Sars irratti hirmaataniiru jechuun namoonni hedduun irra deddeebi'anii tiwiitarii irratti maxxansaa turan.
Suuraan kun phaaphaasiiwwan sirna wayiirratti hordoftoota amantichaa hedduu wajjin wayita hiriiraan daandiirra deeman mul'isa.
Suuraan maxxanfamee ture kun garuu kan tureedha.
Akkaataa mala teeknooloojii ittiin waa'ee suuraa tokko adda baasaniin (reverse image) wayita ilaalamu, suuraan kun ji'a Bitootessaa darbe wayita phaaphaasiiwwan kunneen ajjeechaa fi ukkaamsaa shamarran Naayijeeriyaa irra ga'u balaaleffachuuf Magaalaa Abujaa keessatti bahuun wayita hiriira taasisanii turan kan agarsiisudha.