Talaallin Chaayinaa Sinovac Biraazilitti akka hin yaalamne dhorkame

Biraazil talaalliin Chaayinaa kun akka dhorkamu kan ajajje ‘’miidhaa dabalataa cimaa qaqqabsiisa’’jechuun qondaaltoonni fayyaa biyyattii erga gabaasanii booda.

Qaamni insuraansii fayyaa biyyattii to’atu Anvisa jedhamu akka ibsetti, dawaan kun namootarratti yaalame miidhaa cimaa kan qaqqabsiise Onkololessa 29 ture.

Haata’u malee, miidhaa akkamii akka qaqqabsise hin ibsine.

Talaalliin Chaayinaan hojjatte Sinovac addunyaarratti talaalliiwwaan yaaliin isaanii xumura gubarra qaqqabee abdatame keessa isa tokko ture.

Biraazil talaallichi akka hafu ajajjuus, Chaayinaan garuu tajaajilarra oolchiteetti.

Biyyiin namoota kumaataman lakka’aaman erga talaalte booda fayyaa gaariirratti argamu jetteetti. Kana malees, lammiin biyyattii talaalamu barbaadu kamu akka argatu jajjabesseeti.

Hojjattoonni dhaabbata dawaa Sinovac oomishuu talaallicha fudhachuu dubbataniiru.

BBC’n dawaan kun miidhaa qaqqabsiise jedhame ilaalchisee ragaa argachuuf yaaliin taasise hin milkoofne.

Biyyi Biraazil addunyaarratti biyyoota koronaavaayirasiin hedduu miidhe keessatti ramadamti.

Namoonni miliyoona 5.6 vaayirasichaan qabaman keessaa, namoonni 163,000 du’aniiru.

Biyyattiin Ameerikaa fi Indiyaatti aanuun addunyaarratti biyya hedduu miidhamte sadaffaa taatetti.

Maaliif taalallichi akka adda citu taasifame?

Biiroon to’annoo dhimma kanarratti gaggeessuu talaallichi adda citu Wixata murteessera.

Dawaan kun miidhaa dabalataan qaqqabsiisu qaba jedhame kan dhorkame yoo ta’u, sababa maaliif akka uumame fi eessatti akka miidhaa qaqqabsiise hin ibsamne. Yaaliin talaallicha Biraaziliin alatti biyyoota akka Tarkii fi Indoneezhiya keessattis gaggeeffama jira, garuu akka Biraazilitti komii hin dhiyeessine.

Inistitiyuutii qorannoo fayyaatti itti gaafatamaa kan ta’an Kovaas Butantaan, talaalliin Chaayinaan dhiyeessite kun dhimma du’atii namaan wal qabatee akka adda citu taasifame jedhan.

Haata’u malee, du’aatiin namoota sababa talaallichaan walqabachuu dhiisuu malaa jedhan.

Talaalli yaalirra jiru haala kanaan dhaabuun kan jalqabaa miti.

Kanaan duras Biritaaniyaatti talaalliin abdiin guddaan irra kaa’ame miidha dabalaan qaqqabsiise jedhamee addaan akka citu taasifamuun ni yaadatama. Talaallichi garuu yeroof akka addaan citu erga taasifamee guyyoota muraasa booda akka itti fufu taasifameera.

Pirezedantiin Biraazil Jeeyir Bolsenaaroon biyyisaanii talaallii Chaayinaan hojjattetti akka hin fayyadamne fi filannoon isaanii kan yuunvarsiitii Oksfoordiin hojjatame akka ta’e ifatti dubbatanii beeku jedhameera.