Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Injifannoo Baayidan booda miira gaddaa fi gammachuu, US keessatti
Tibba qabxiin filannoo US eegamaa turetti miirri gammachuu fi gaddaa lammiilee biyyattii irraa mul'achaa tureera.
Seenaa filannoo US keessatti kan akka isa ammaa qalbii namaa rarraase hin turre.
Kaleessa galgala wayita injifachuun Joo Baayidan ibsamu lammiileen US magaalota gurguddoo keessatti heddumminaan ba'uun gammachuusaanii ibsachaa turan.
Niwu Yoorki irraa hanga Loos Anjelasitti oduu injifannoo Baayidaniin namoonni qiliixamsuu guddoo keessa galaniiru, deggertoonni Baayidan gammachuudhaan mirqaananii daandiitti ba'aniiru.
Iddoo biraatti ammoo miira biraatu mul'ata, deggertoonni Tiraampi gadaddoon isaan simatteetti, miirri gammachuu irraa hin mul'atu.
Kaansaanii mo'achuu Joo Baayidanillee amananii hin fudhanne.
Baandiin muuziqaa gosa gosaan sagalee gammachuu dhageessisaa turan, lammiileen guca qabsiisuun ifa gammachuu mul'isaa turan.
Doonaald Tiraamp garuu kana hundaa hin argine, wayita bu'aan filannoo ibsamauyyuu bakka biraatii tapha golfii taphachaa turan.
Miira gammachuu fi wacabbara uumamaa ture homaayyuu quba hin qaban Tiraamp, wanti ta'aa ture garuu kan hamilee isaan buusuudha.
Guyyaa kana miira si'oominaa olaanaa eegaa turuu kan dubbatan namoonni magaalaa Waashigitan DC fuuldura Waayit Haawusitti gammachuusaanii ibsachaa turan, guyyaan kun kanuma kabajamuu qabuudha jedhan.
Bulchiinsa Delaware keessattis namoonni hedduun addababayiitti ba'uun maqaa Joo Baayidan fi Kamaalaa Hariis leellisaa turan.
Deggertoonni Doonaald Tiraamp ammoo wayita sagaleen lakkaa'amaa ture hiriira mormii gaggeessaa turan, qabxii Joo Baayidan argatanis amananii hin fudhanne.
Deggertoonni Tiraampi hedduun ammallee nuti hin mo'atamne jechuun dhaadannoo dhageessisaa turan, ''Tiraamp mo'ateera. Mana murtiitti irra ni aanna'' jechaa turan.
Miidiyaa mo'achuu Baayidan ibsanis qeeqaniiru, miidiyaan akkanaa qaama fonqolcha mootummaa raawwachiiseedha jechuun sagaleessaanii dhageessisaa turan.