Injifannoo Baayidan booda miira gaddaa fi gammachuu, US keessatti

Wayituma miidiyaan mo'achuu Joo Baayidan akeekaa turanillee magaalota gurguddoo Ameerikaa keessatti miirri gammachuu tureera

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Wayituma miidiyaan mo'achuu Joo Baayidan akeekaa turanillee lammiileen biyyattii gammachuu ibsachaa turan

Tibba qabxiin filannoo US eegamaa turetti miirri gammachuu fi gaddaa lammiilee biyyattii irraa mul'achaa tureera.

Seenaa filannoo US keessatti kan akka isa ammaa qalbii namaa rarraase hin turre.

Kaleessa galgala wayita injifachuun Joo Baayidan ibsamu lammiileen US magaalota gurguddoo keessatti heddumminaan ba'uun gammachuusaanii ibsachaa turan.

Niwu Yoorki irraa hanga Loos Anjelasitti oduu injifannoo Baayidaniin namoonni qiliixamsuu guddoo keessa galaniiru, deggertoonni Baayidan gammachuudhaan mirqaananii daandiitti ba'aniiru.

Iddoo biraatti ammoo miira biraatu mul'ata, deggertoonni Tiraampi gadaddoon isaan simatteetti, miirri gammachuu irraa hin mul'atu.

Kaansaanii mo'achuu Joo Baayidanillee amananii hin fudhanne.

Thousands of people celebrate after news organizations called the US 2020 presidential election for Joe Biden

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Thousands of people thronged the streets of Washington DC hours after the result was projected
Barreeffamni Pirezidaanti Tiraampiin 'ati aangoorraa gaggeeffamteetta' jedhu baay'inaan mul'ataa ture

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Barreeffamni Pirezidaanti Tiraampiin 'ati aangoorraa gaggeeffamteetta' jedhu Waayit Haawus fuulduratti baay'inaan mul'ataa ture
Kaansaanii miira qiliixamsuu keessa galuun gammachuusaanii ibsachaa turan

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Kaansaanii miira qiliixamsuu keessa galuun gammachuusaanii ibsachaa turan

Baandiin muuziqaa gosa gosaan sagalee gammachuu dhageessisaa turan, lammiileen guca qabsiisuun ifa gammachuu mul'isaa turan.

Doonaald Tiraamp garuu kana hundaa hin argine, wayita bu'aan filannoo ibsamauyyuu bakka biraatii tapha golfii taphachaa turan.

Miira gammachuu fi wacabbara uumamaa ture homaayyuu quba hin qaban Tiraamp, wanti ta'aa ture garuu kan hamilee isaan buusuudha.

Guyyaa kana miira si'oominaa olaanaa eegaa turuu kan dubbatan namoonni magaalaa Waashigitan DC fuuldura Waayit Haawusitti gammachuusaanii ibsachaa turan, guyyaan kun kanuma kabajamuu qabuudha jedhan.

Namoonni konkolaataa qabatanii turan hunduu sagalee konkolaataa olkaasanii iyyisiisuun gammachuuf ililchaa turan

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Namoonni konkolaataa qabatanii turan hunduu sagalee konkolaataa olkaasanii iyyisiisuun gammachuuf ililchaa turan
Wayita Joo Baayidan Filadelfiyaa keessatti mo'atan namoonni akkanaan gammadan

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Wayita Joo Baayidan Filadelfiyaa keessatti mo'atan namoonni akkanaan gammadan
Yeroo Joo Baayidan qarqara injifannoorra ga'an, wayita qabxiin filannoo ibsamuuf jedhu Tiraamp Varjiiniyaa keessaa golfii taphatu

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Yeroo Joo Baayidan qarqara injifannoorra ga'an, wayita qabxiin filannoo ibsamuuf jedhu Tiraamp Varjiiniyaa keessaa golfii taphatu
Magaalaa Niwu Yoorki keessatti iddoon addabayii Taayimsi 'Times square' jedhamu deggertoota Baayidaniin guutame

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Magaalaa Niwu Yoorki keessatti iddoon addabayii Taayimsi 'Times square' jedhamu deggertoota Baayidaniin guutame
Deggertoota Baayidan, daandii magaalaa Niwu Yoorki irratti ba'uun gammachuu ibsatan

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Deggertoota Baayidan, daandii magaalaa Niwu Yoorki irratti ba'uun gammachuu ibsatan

Bulchiinsa Delaware keessattis namoonni hedduun addababayiitti ba'uun maqaa Joo Baayidan fi Kamaalaa Hariis leellisaa turan.

Maqaan Baayidan fi Hariis Bulchiinsa Delaware, magaalaa Milmington keessatti baay'inaan mul'ata

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Maqaan Baayidan fi Hariis Bulchiinsa Delaware, magaalaa Milmington keessatti baay'inaan mul'ata
Filadelfiyaa keessatti uumanni kumaatamaan ba'uun Joo Baayidan mo'achuutti gammachuusaanii ibsatan

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Filadelfiyaa keessatti uumanni kumaatamaan ba'uun Joo Baayidan mo'achuutti gammachuusaanii ibsatan

Deggertoonni Doonaald Tiraamp ammoo wayita sagaleen lakkaa'amaa ture hiriira mormii gaggeessaa turan, qabxii Joo Baayidan argatanis amananii hin fudhanne.

Deggertoonni Tiraampi wayita sagaleen lakkaa'aa ture mormuun hiriira ba'an, kun Pensilveeniyaa keessatti

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Deggertoonni Tiraampi wayita sagaleen lakkaa'aa ture mormuun hiriira ba'an, kun Pensilveeniyaa keessatti
Hiriira mormii Pensilveeniyaatti deggertoota Tiraampiin ba'amerratti kaansaanii meeshaa waraanaa qabatanii turan

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Hiriira mormii Pensilveeniyaatti deggertoota Tiraampiin ba'amerratti kaansaanii meeshaa waraanaa qabatanii turan
Deggertoonni Tiraamp hedduun miidiyaa mo'achuu Baayidan akeekaa turan akkaan qeeqan

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Deggertoonni Tiraamp hedduun miidiyaa mo'achuu Baayidan akeekaa turan akkaan qeeqan

Deggertoonni Tiraampi hedduun ammallee nuti hin mo'atamne jechuun dhaadannoo dhageessisaa turan, ''Tiraamp mo'ateera. Mana murtiitti irra ni aanna'' jechaa turan.

Miidiyaa mo'achuu Baayidan ibsanis qeeqaniiru, miidiyaan akkanaa qaama fonqolcha mootummaa raawwachiiseedha jechuun sagaleessaanii dhageessisaa turan.

Tiraamp fi deggertoonni isaa ragaa tokko malee filannoon waliin dhahameera jechaa turan

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Tiraamp fi deggertoonni isaa ragaa tokko malee filannoon waliin dhahameera jechaa turan
Akkuma Tiraam, deggertoonni isaa tokko tokkos sagaleen hatameera jedhu, garuu ragaa hin dhiyeessan

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Akkuma Tiraam, deggertoonni isaa tokko tokkos sagaleen hatameera jedhu, garuu ragaa hin dhiyeessan, kun Arizoonaa keessatti
Kaaroolaayinaa gama kaabaatti ammoo deggertoonni Baayidanii fi Tiraamp walitti dhaadatan

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Kaaroolaayinaa gama kaabaatti ammoo deggertoonni Baayidanii fi Tiraamp walitti dhaadatan