Joo Baayidan haasawa injifannoo booda taasisaniin biyya ‘tokkoomsuuf’ waadaa seenan

Joo Baayidan amma yeroon yeroo Ameerikaa ‘‘itti wal’aananidha’’ jechuun ‘‘biyyattii qoqqooduurra tokkoomsuufan hojjadha’’ jechuun waadaa seenaniiru, haasawa injifannooo booda taasisaniin.

Warra isaaniin hin filanneef ergaa dabarsaniin, ‘‘carraa waliif haalaannu’’ jedhani.

Baayidan morkii cimaa booda Tiraampiin moo’uun pirezidantii 46ffaa ta’uuf qophiirra jiru.

Goolfii taphachaa wayita turanitti injifatamuu isaanii kan dhaga’an Abba Tiraampi, ammallee omaa hin jenne.

1990 as pirezidantii marsaa tokko qofa biyya bulche ta’uun isaan jalqabaa ta’uusaaniiti, Tiraampi. Gareen isaanii kutaalee biyyattii hedduutti adeemsa filannichaa himatanus, warri filannicha hoggane garuu filannichi waliin dha’amuusaaf ragaa tokkollee hin qabdan jechaanii jiru.

Deeggartoonni Baayidan gammachuuf daandii magaalota gurguddoorra ba’aniiru. Kan Tiraampis aarii ibsachuuf ba’anus wanti badaan gabaafame ammallee hin jiru.

Baayidan: 'keenya akka diinaatti ilaaluu dhaabuu qabna’

Deeggartoota isaanii magaalaa Wiilmiingitan, Deelaweer bakka konkolaataan itti dhaabbatutti walitti qabamanii turaniif haasawa taasisaniin, ‘‘Pirezidantii qoqqoodu osoo hin taane kan tokkoomsu, naannolee diimaafi cuquliisaa osoo hin taane Ameerikaa tokko taate ilaalu ta’uuf waadaan seena’’ jedhani Abba Baayidan.

‘‘Amma yeroon jette jettee hamaa dhiisuun gab jennee kan itti wal dhaggeeffannuufi ilaallu yoo ta’u, jijjiiramuuf ammo akka diinaatti wal ilaaluu dhaabuu qabna’’ jedhani.

Haariis: ‘Abdiifi tokkummaa filattani’

Dubartii jalqabaa sanuu gurraacha pirezidantii itti aantuu ta’uun Baayidan waliin injifannoo kan gonfatan Kaamaalaa Haariis, ‘‘abdiifi tokkummaa filattani’’ jedhani miiltoo isaanii Baayidaniin waltajjiitti yoo affeeran haasaa taasisaniin.

Ani dubartii ishee jalqabaa hojii kanaaf kaadhimame ta’us, ishee dhumaa hin ta’u jechuunis dabalataan himaniiru.

'Tiraampi harka kennuuf karoora hin qabani’

BBC’n Baayidan injifachuu kan hime bu’aa filannoo hin raggaane kan kutaaleen bulchiinsaa sagalee lakkaa’uu xumuran ifa godhan irratti bu’uura godhachuuni. Kan akka Wiiskoonsin ammo sagalee lakkaa’uun ammas hin xumuramne.

Ammallee bu’aa filannoo himame irratti yaada kan hin kennine Tiraampi, Tiwiitar gubbaa anatu innifate yaada jedhu hedduu maxxansaa turaniiru. Tiwiitaris wanti kun mirkanaa’aa miti jechaa ture. Gareen Tiraampis pirezidantichi ammallee harka kennuuf qophii miti jedhani.