Pireezidantii Ameerikaa 46ffaa ta'uun kan filataman Joo Baayidan eenyu?

Bara bulchiinsa Baraak Obaamaa waggoota saddeetiif pireezidantii itti aanaa US kan turan Joo Baayidan dorgommi jabaa booda Donaald Tiraamp injifachuun pireezidantii Ameerikaa 46ffaa ta'aniiru.

Barack Obamaan “pireezdaanti itti anaa tahuun kanneen Ameerikaa gaggeessan keessaa ''isa bayeessa “ jechuun isa jajus, namni siyaasa ganna 77 Baayidan, tajaajila uummata waggoota 40 keessatti qeeqa irraa ni irra bilisa hin turre.

Joo Baayden eenyu?

Jooseef Robinette Baayidan Jr bara 1942tti Sikranton, Peensilveeniyaa keessatti dhalate. Maatii lammii Ameerikaa fi Ayerlaandi ta’anii amantaa Kaatolikii keessatti ijoollee afur keessa isa hangafaadha.

Yeroo mana baruumsa sadaarkaa lammaffaa keessa turetti Joo rakkoo haasaa -giingaa’uun- rakkachaa ture. Kana injifachuufis batii hedduuf daawwitii fuldura dhaabbatee haasaa shakaalaa turee milkaa’eera.

Joo Baayidan Yunivarsitii Delawaariitti erga baraate booda Yunivarsitii Saayrakuusitti barnoota seeraa barachaa ture.

Boodarra haadha warraa isaa jalqabaa Neeyilaa waliin bultoo dhaabbatee Wilmington keessatti hojii siyaasaa isaa eegale.

Joo Baayidan bara 1972tti seeneetii US ta’uuf filatamuun yeroo aangoo isaa qabachuuf eegutti gaddi mana isaa seene. Haatii warraa isaa fi daa’imni isaa dubaraa Nawoomii balaa konkolaataan lubbuun isaani darbe. Ilmaan isaa Bewuu fi Hunter ammoo hedduu miidhamani.

Baaydeen seenetera paartii Dimokraatawaa ta’uun aangoo isaaf yeroo muudametti waada kan seene hospitaalaa keessa ijjoollee isaa lamaan bira ta’eeti.

Jalqaba filannoo pirezdaantummaaf kan dorgome bara 1988tti ta’us himannaa haasaa hogganaan Paartii Dafqaan Bultootaa Biritsih, Niyeel Kinook taasise fudhate jedhamuun irratti dhiyaate amanuun filannichaa keessa baa’eera.

Du’aa hadha warraa isaa fi intalaa isaa boodaa Waashingitan keessa jiraachaa jireenya isaa sireeffatee ilmaan isaa lamaan guddisaa ture. Boodara baarsiistuu Jiil Jeekobs jedhamtuu waliin bultoo dhaabbachuun, intala Ashleey jedhamtu argataniiru.

Bara 2008tti paartii Diimokraatii keessatti filannoof dorgomuuf seenuun boodarra dhiisee Obamaa waliin filannoo irratti hirmaate.

Hagayya 23, 2008tti Obaamaan filannoo irratti Joo Baayden akka itti aanaa pireezdaantii isaa ta’ee akka dorgomu beeksise.

Filannoo kanas lamaan isaanii waliin ta’uun injifatanii marsaa lamaaf tajaajilaniiru. Bara 2015tti ilmi isaa Bewuu kansarii sammuun hubamee ganna 46tti lubbuun isaa darbe.

Kadhimaamtonni filannoo US 2020 Doonaald Tiraamp ,ganna 74 fi morkaataan isaa Dimookraatiikii Joo Baayden, ganna 77 dha.

Kadhimamtoonni filannoo pireezdaantummaa kun lamaan waa’ee koronaavaayirasii irratti ilaalchi isaan qaban faallaadha. Baaydeen akkataa Tiraamp itti koronaavaayirasii kanaa to’achaa jiru kanneen lubbuu isaanii dhabaniif akka ‘arrabsoodha’ jechuun qeeqa.