Filannoo US 2020: Eenyutuu dursaa jira - Tiraamp ykn Baayideen?

Ameeriikaa keessatti filattoonni Sadaasa 3 irratti Tiraampi waggoota dhufan afuriif Waayita Hawuus keessa akka turuufi hinturree murteessu.

Pirezidantiin warra Rippablikaanii Doonaald Tiraamp kaadhimamaa Paartii Dimokiraatootaa Joo Baayideniin, kan pirezidaantii itti aanaa Baaraak Obaamaa ta'uun beekamuun dorgommii cimaan mudataa jira.

Akkuma guyyaan filannoo dhiyaataa adeemuu, kaampaaniiwwan yaada uummataa sassaaban kaadhimamaa kam akka filachu fedhan gaafachuun miira ummataa madaalu.

Nutis adeemsa sagalee sanaa asiitti hordofuun galmeessuudhaan eenyu filannicha akka mo'atu irratti maal akka isaan nutti himuu danda'aniifi hindandeenye adda baasuu yaalla.

Kaadhimamtoonni pirezidaantummaa kunneen sadarkaa biyyaalessaatti attamiin adeemaa jiru?

Filannoowwan biyyaalessaa qajeelfama gaarii attamiin kaadhimamtoonni beekamoon akka biyyattii guutuu itti hirmaataniidha. Garuu ammoo kun karaa ittiin bu'aa filannoo ittiin raagamuu hinta'u.

Bara 2016 keessa, fakkeenyaaf, Hiilaarii Kiltan sagalee gara miliyoona saditiin Tiraampiin caalte turte. Ta'us garuu hinmo'annee. US kanaaf egaa kana sirna 'electoral college' tti fayyadamuun kan sagalee baayyee argate filannoon kan hinmooneef.

Waggoota hedduuf Joo Bayidan sagalee biyyaalesaatiin Donaald Tiraampiin dursaa jiru. Torbanootuma dhiheenyaa keessa %50 kan ta'u argachuun, gara qabxii 10n dursaa jira.

Kan bara 2016 keessa wal bira qabuun, filannoon baayyee ifaa hinture. Akkuma guyyaan filannoo dhiyaachaa tureetti Tiraampiifi Hiilaarii qabxii baayyee gadaanaa qofatu adda isaan baasa ture.

Kutaalee biyyaa kamituu filannoo kana murteessaa?

Akkuma Kiliintan bara 2016tti hubattee, lakkoofsi sagalee kennitoonni ati mo'attuu bakka ati itti mo'attuun gadi murteessaadha.

Bulchiinsoonni biyyaa yeroo baayyee haala walfakkaatuun filatu, jechuunis qabatamaadhaan bulchiinsoonni kaadhimamtoota lamaanu haala walfakkaatuun carraa mo'achuu kennuuf. Garuu ammoo bakkeewwan itti filannoon mo'atamuu fi itti mo'atamamuu bulchiinsoota dirree waraanaa jedhamuun beekaman jiru.

Sirna elektoro koleejji keessatti fayyadamuun US pirezidaantii ishee filatti. Tokkoon tokkoo kutaalee biyyaa haaluma baayina uummata isaa irratti hundaa'uun sagalee kenna.

Waliigalli elekitoraal koleejii sagalee kennu hanga 538 kan qabatuudha. Kanaafuu kaadhimamaan mo'achuuf 270 argachu qabaata.

Akkuma kaartaan asiin oli mullisuu, kutaaleen biyyaa adda waraanaa tokko tokkoos kaadhimamiitoota kaan caalaa filattoota elektoraal koleejii baayyee caalaa qabaaatu. Akkasumas yeroo baayyee duula keessatti gaggeessuun dabarsu.

Kutaalee biyyaa bakka dorgommii cimaatti eenyutu dursaa jiraa?

Ammatti, bakkeewwan dorgommii cimaan itti gaggeefamuutti kan Joo Baayiidan gaarii fakkaata.

Sagaleen akka mullisuutti Mr Baayiidan Michigaan, Peensiyilvaaniyaa fi Wiiskoonsiiniitti dursaa jiru.

Garuu eddoon dorgommii cimaan itti gaggeeffamu isteetiiwwan bakka Mr Tiraampi bara 2016tti irra caalaa itti mo'atee fi kan garee dula gaaggeessitoota isaa caalaa yaadda'aniitti.

Innis Ohaayoo, Ayowaa fi Teeksaas keessatti garaa garummaa qabxii %8-10n kan mo'atee ture yoo ta'u, amma garuu Baayideen waliin isteetiiwwan sadan keessattu moorma walqabaniituma jiru.

Lakkoofsi bakka sagalee itti kennaman kunneenis Tiraampi Maanaajara duula filannoo isaa itti fufuuf ykn bakka buusuuf murtee taasisuuf kan ibsu akka ta'ee eegama.

Covid-19 lakkoofsa Tiraampi irratti wayi dhiibbaa taasisee?

US keessatti jalqaba bara kanaa irraa kaasee waa'een weerara koronaavaayirasii mataduree olaanaa ture. Deebiiwwan Tiraampi dhimma kanarratti kannan ammoo deeggarsi argatees sararawwan garaa garummaa paartiilee jidduutti ture kan qaaxamure ture.

Haaluma kanaanis erga inni walakkeessa baatii Guraandhalaatti labsii yeroo muddamaa sadarkaa biyyaatti labsuun tatamsa'in vaayirasichaa dhaabuuf doolara bilyoona 50 ramadeen booda deeggartoonni isaa dabalanii turan.

Sadarkaa kanattis, lammiileen Ameerikaa %55 ta'an tarkaanfii isaa deeggaranii ture, akka daataa Ipsos kaampaanii sagalee walitti qabu irraa argameetti.

Garuu ammoo ergasiin booda deeggartoonni inni warra Dimokraatoota irraa argate ni badan. Riippablikaanoon garuu pirezidaantii isaanii deeggaru ittuma fufan.

Daataan dhiheenyaa garuu, deegartoonni isaa mataansaanii wayita amma kutaaleen biyyaa kibba fi lixatti weerara vaayirasichaatii rakkataa jiran kanatti haala Tiraampi itti deebii itti kenneerratti gaaffii kaasuu eegalan.

Deeggartoonni Riippablikaanoota Adooleessa jalqabarratti gara %78 gahanii ture.

Kunis tibbana maaliif akka inni caalaa waa'ee koronaavaayirasii irratti ilaalacha garii akka horatu ta'erratti waan ibsu qaba. Innis ''haalichi osoo hinfooyya'iin dura caalaa itti cimu danda'a'' jechuun akeekachiiseera.

Akkasumas yeroo jalqabaatiif maaskii kaawwachuun mulachuun lammiileen biyyattiis akka kaawwataniif waamicha taasise, jechuun ''dhiibbaa qabaachu mala'' kanaafuu ''jaalala biyyaa'' agarsiisaa.

Tilmaami qondaaltoota yunivarsitii Waashingitaniin kaa'amee tokko akka raageetti baayyinni namoota du'anii guyyaa filannootti 250,000 ni darba jedha.

Filannoo amanuu dandeenyaa?

Kenniinsi sagalee dogongoreera jechuun haquun baayyee salphaa ture bara 2016 keesssa. Tiraampis yeroo baayyee kan raawwateera. Garuu hundisaa sirrii hinturre.

Kenniinsa sagalee biyyaaleessaa baayyeen Hilaarii Kilintan parsantaa ta'een dursaa turte, garuu kana jechuun dogongora jechu hinturre hanga isheen dorgomaa ishee caalaa sagalee miliyoona sadiin mo'atte.

Haalli ture hanga dhuma dorgommichaatti naannoolee dorgommii cimaan keessatti gaggeefamuutti Mr Tiraampi caalmaa akka qabu hinhubatamne ture.

Haa ta'u malee bara kanas sababii koronaatiin walqabatee haalonni shakkisiisoon jiru.