Filannoo US 2020: Tiraampiifi Baayidan duula nafiladhaarratti daandii wal-qaxxaamuran

Doonaald Tiraamp fi Joo Baayidan filannoo guyyoonni muraasni qofti hafeef duula na filadhaaf Dilbata kaleessaa biyyattiirra naanna’aa oolani.

Tiraamp naannolee ykn kutaalee biyyaa murteessoo ta’an shan daawwachuuf kan murteessan morkataan isaanii Baayidan Peensilvaaniyaatti wayita haasawa taasisaa turanittidha.

Kaadhimamaan Dimokiraatotaa Baayidan filannoo borii irratti akka biyyaatti injifachuuf tilmaammii jiruun dursaa jiru.

Haata’u malee carraan kun naannolee murteessoodha jedhaman keessatti xiqqaadha.

Namoonni miiliyoona 90 ol haga yoonaatti dursanii sagalee kan kennan yoo ta’u, kunis jaarraa tokko keessatti isa guddaadha jedhameera.

Duula na filadhaa Tiraampi isa dhumaa naannolee shan keessatti

Pireezidantichi Dilbata kaleessaa sagantaa dhiphataa qabaataniin Ayoowaa, Michigaan, Kaaba Kaarolaayinaa akkasumas Joorjiyaa fi Filooriidaa keessatti duula geggeessaniiru. Naannoleen kun ammoo bakka morkiin daran itti jabaatudha.

Haasawa Michigaan keessatti taasisaniin, akkuma bara 2016 nan injifadha yoo jedhan, naannoon omisha konkolaataan beekamu kun osoo inni angootti hin dhufin warshaan tokkollee akka hin turre dubbatani.

‘‘Indastirii keessan nutu isiniif deebise. Indastiriin konkolaataa keessan dhumatee ture. Silaa waan tokkollee hin qabaattan ture,’’ jedhani Tiraamp.

Ayoowaa keessatti duula taasisaniinis eegumsa cimaa daangaa irraa fi abbootii seeraa ciccimoo mana murtii keessatti akka baay’isan waadaa seenani.

Waa’ee Covid-19 yoo dubbatanis, filannoo lama qofatu ture jedhani: ‘‘Karoora badaa biyyattii cufuu Baayidan qabanii fi talaallii fayyaalessa weeraricha dhaabu’’ keessaa tokko.

Kanas kan jedhan erga hogganaan Eejansii dhukkuboota daddarboofi alarjii US Dr. Faawuchiin biyyattiin haala amma jiruun itti fufnaan baatiiwwan dhufaa jiran keessatti weerara kanaan daran miidhamuu dandeessi jechuun yaada bulchiinsa Tiraamp qeequ erga kennanii boodadha.

Waayit Haawus yaadni ogeessi kun kennan ‘‘fudhatama hin qabu.’’ jedheera.

Baayidan Peensilvaaniyaatti duula cimaa geggeessani

Morkataan Tiraampiifi pireezidantiin I/A duraanii Baayidan bakka dhaloota isaanii kan taatee fi 2016’tti Tiraamp caalmaa sagalee muraasaan bakka itti injifatan Peensilvaaniyaatti duula cimaa geggeessaniiru. Bara kanattis isaan dursaa akka jiran himama.

Duula Filaadeelfiyaatti geggeessani irratti ‘‘jibba sanyummaa’’ haalanan falmadha jechuun hawaasa gurraacha naannichaaf waadaa seenanii jiru.

Akkasumas 'qabiinsa badaa' Tiraamp weerara Covid-19 irratti agarsiisaniif caalaatti Afriikaanota Ameerikaa hube nan sirreessas jedhani.

Haalli Tiraamp weerara kana itti falmatan hammuma yakka dalaguuti, hawaasni gurraachaa akka hin taanetti du'uunsaa waan hin barbachifnedha,’’ jedhani Baayidan.

Deeggartoota Laatiinoo Puweerto Riikoo keessatti argamaniif barreeffama Ispaaniishiin Tiwiitar gubbaa maxxansaniin, maatiin Laatiinoo hedduun daangaa irratti gargar ba’uufi yabala tibbana naannicha rukute ilaachisuun dhaamsa dabarsani.

"Tiraampi irra deddeebiin kabaja warraa Laatiinoo xiqqeessaa tureera, ani pireezidantii yoon ta’u kuni ni dhaabbata,’’ jedha barreeffamichi.

Akka gareen duula na filadhaa isaanii jedhetti, Baayidaniifi michuun isaanii Kaamaalaa Haariis weellistoota beekamoo Leedii Gaagaa fi Joon Leejandi waliin ta’uun naannicha hunda guyyaa har’aa waliin ga’u.

Dilbata kaleessaa Aadde Hariis Joorjiyaa bakka Tiraampi 2016’tti itti mo’aniifi Dimokiraatonni barana injifachuuf abdachaa jiranitti duula geggeessanii ture.

‘‘Amma yeroon yeroo itti cal’isan miti, wanti hundi balaarra jira,’’ jedhaniin ummata isaan deeggaruuf achitti ba’eef.