Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Filannoo Ameerikaa: Donaald Tiraamp akkamiin addunyaa jijjiiran
Pirezidantiin Ameerikaa bulchaa biyya tokko qofaa miti. Tarii, nama addunyaa kanarratti cimaa ta'edha jedhame amanama.
Wanti pirezidantiin Ameerika jijjiiru, jireenya hunda keenyaa jijjiira. Kuni, Pirezidant Tiraampif akkasuma. Kanaaf, Tiraamp akkamiin addunyaa jijjiire? Gabaasa Rebekaa Siilsidha.
Addunyaan akkamiin Ameerikaa hubata
Tiraamp irra deddeebbiin Ameerikaan ''biyya cimtuu addunyaati'' jechuun ibsu.
Haa ta'u malee, qorannoon Giddugala Qorannoo Piiw'tiin biyyoota 13 keessatti taasifame kana hin ibsu.
Qorannoon kuni haalli ummanni Awurooppaa Ameerikaa ilaalu waggoota 20 keessatti xiqqaachuu agarsiisa.
Kanaaf, sababni guddaa akkaataa koronaavaayirasii to'atanidha.
Dabalataan, qorannoodhuma dhaabbata kanaan taasifameen Tiraamp hoggantoota addunyaa keessaa haalaan hin abdatamne ta'u agarsiisa.
Waliigaltee Jijjiirama Qilleensaa keessaa bahu
Tiraamp waa'ee jijjirama qilleensaa ejjennoon qaban nama dhiba. Kunis, dubbii wal dhiibuu yeroo garaa garaatti taasisaniini.
Ta'us, akkuma aangotti dhufaniin ture Amerikaa waliigaltee qilleensaa Paaris biyyoonni 200 mallatteessan keessaa kan baasan.
US Chaayinaatti aansuun biyya gaazii gubate addunyaatti gadhiistudha. Saayintistonni murtee Tiraampin hin gammanne lammata filamuun isaan yaaddessa.
Baayidan garuu yoo filataman waliigaltee kanatti Ameerikaa akka deebisan himaniiru.
Daangaa cufani, muraasaaf
Tiraamp aangootti bahanii torban tokko booda ture biyyoota torba musliimonni itti baay'atanitti balbala kan cufan. Yeroo ammaa gosa hundaanis ta'u baatu biyyoonni 13 dhorkaa kana jala jiru.
Lakkoofsi namoota visa dhaabbataa argachuun Ameerikaa jiraatanif kennamu xiqqaataa jira.
Daangaa Meksikootti dallaa ijaarsisaa jiranis kan dagatamu miti. Ta'us, kanneen jireenya wayyoo barbaacha Ameerikaatti baqatan dallaan kuni isaan hin dhaabne.
Lakkoofsa baqattoota Ameerikaa qubatan irrattillee Tiraamp murtee dabarsan qabu. Bara 2016 US baqattoota 85,000 simatte, waggaa itti aanu garuu 54,000 qofa simatte.
Ijoo dubbii ta'uu 'fake news'
Gaaffiifi deebii Onkololeessa 2017'tti taasisaniin Tiraamp ''jechi guddaa ani fidee dhufe soba (fake),'' jedhanii dubbatanii turan.
Tiraamp jecha kana uumuu baatanis, akka daran beekamu godhaniiru jechuun garuu ni danda'ama.
Pirezidant Tiraamp jecha 'fake news' jedhu miidiyaalee waliin galle ittin maqaa balleessuuf fayyadamu.
Gareen sivilii jecha kana gabaasa dhugaa ittiin balfuuf fayyadamuun namoonni siyaasaa guddina dimookiraasii miidhuu isaanii ibsu.
Waraana Ameerikaa 'dhuma hin qabneefi' waliigaltee Bahaa Giddugalaa
Fulbaana bara 2019 Tiraamp loltoota Ameerikaa Sooriyaati akka baasan himanii turan. ''Biyyoonni jaboo waraana hin dhaabbanne keessa hin lolan'' jechuun dubbatan.
Egasiimmoo osoo hin turiin loltoota 500 albuuda boba'aa akka eegan achi akka turan murteessan.
Loltoonni osoo Tiraamp aangootti hin bahiin dura turan ammallee Afgaanistaan, Iraaqiifi Sooriyaa keessa inuma jiru.
Tiraamp Imbaasii US Tel Aviiv irraa gara Jerusaalem geessaniiru, magaalattis magaalaa guddoo Israa'elidha jechuun beekamtii kennan. Kuni faallaa pirezidantoonni biyyatti duraanii taasisanidha.
Baatii darbemmoo jaarsummaa US'n UAE, Baahireen akkasumas Sudaan Israa'el waliin hariiroo tolchuuf waliigalaniiru. Kuni, tarii, bulchiinsa Tiraampif milkaa'ina dippilomaasii isa guddaadha jedhamuu danda'a.
Waliigaltee daldalaa
Tiraamp waliigaltee isaan hin mallatteessine yookiin qooda keessa hin qabaanne cabsuu jaalatu fakkaata.
Waliigaltee bara bulchiinsa Obaamaa ture fa'i keessaa Ameerikaa baasaniiru yookiin akka haaraatti waliigalteen akka raawwatu taasisaniiru.
Kaayyoon ijoo Tiraamp daldala addunyaa waliin gaggeessituun Ameerikaan akkamiin fayyadamuu dandeessi kan jedhudha.
Haa ta'u malee, wanti kuni Chaayinaa waliin daldala hammeesse. Biyyoonni lamaanuu oomisha irratti qaraxa dolaara biiliyoona hedduu walirratti kaa'an.
Qonnaan bultoonni US 'soybean' oomishan, kan teknolojiifi konkolaataa oomishan kanaan miidhamaniiru.
Chaayinaanis miidhamteetti. Baasii hojii gadi - aanaa barbaacha biyyoonni Chaayinaarra Viyetinaamiifi Kaampodiyaa caalsifataniiru.
Sodaa taarifaan kaampaaniiwwan Ameerikaa biyya keessatti meeshaa galchan xiqqeessaniiru. Haa ta'u malee, ammallee Ameerikaan alatti kan ergiturraa baay'ee isaa alaa galchiti.
Waldhibee Chaayinaa waliin
Tiraamp osooma ifatti pirezidantii ta'un osoo hin muudamin ture Taayiwaan kan Chaayinaan bulchiinsa ishee tokkotti ilaaltu waliin hariiroo kan eegalan.
Tarkaanfiin Tiraamp kuni fuula duratti Chaayinaa akka dallansiisuu malu yaadamee ture,
Tiraamp daangaa Chaayinaan Kibba Galaana biyyattii argamu kiyya jettu seeraan ala jedhaniiru.
Appilikeeshinoota bebbeekamoo TikTok akkasumas WeChat dhorkuun ala kaampaanii guddicha Chaayinaa Huwaawe galmee gurraacha keessa kaa'an.
Garuu muddamni biyyoota lamaanii Tiraamp qofaan kan eegale miti, adeemsi Chaayinaa mataan isaa keessaa qooda qaba.
Pirezidantiin Chaayinaa Shi Jin Ping seera walfalmisiisaa haaraa Hong Kong irratti baasaniiru. Lammata musliimota Chaayinaa Uighurs jedhaman hidhaa jiru.
Tiraamp Covid-19 ''vaayirasii Chaayinaa'' jechaas turan.
Tiraamp Iraan waliin
Akkaataan Ameerikaan janaraala cimaa Iraan oppireeshinoota waraanaa biyyattii Baha Giddugalaatti hogganu, Qaasim Sulimaani, ajjeefte ijoo dubbii ture.
Boodarra Iraan buufata waraanaa Ameerikaa Iraaq argamutti misaa'ela dhukaasuun haaloo baate.
Loltoonni Ameerikaa 100 ol madaa'an. Ergasii xinxaltoonni biyyoonni lamaan waraana seenuuf fiixeerra gahaniiru jedhan.
Hanga yoonaa waraanni hin jiru. Garuu, lammiileen nagaa du'aniiru. Kunis, waraanni Iraan dogongoraan jeettii imaltootaa Yuukireen rukutuun namoonni 176 du'an.
Iraaniifi US erga bara 1979 bulchiinsi Shah Ameerikaan deeggaramu aangoo mootummaa Iraan irraa kaafame boodaafi isa booda wanta raawwaten waldhibdee keessa jiru.
Bara 2018 Tiraamp waliigaltee niwkilaraa Iraan US waliin waliigalte keessaa bahan. Eegasii waliigaltee Tiraamp fedhanitti ishee fiduuf qoqqobbii cimaa Iraan irra kaa'an.
Qoqqobbii kanaan diinagdeen biyyattii haalaan kan miidhame yoo ta'u jireenyi itti cime jennaan lammiileen daandiitti hiriira bahanii ture.
Weerarri koronaavaayirasii biyyoota lamaan miidhee qalbii namoota siyaasaa biyyoota lamaanii harkisuus, ammallee rakkoon isaanii furmaata hin arganne.