Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Janaraalli beekamaa Iraan Qaasim Solemaani ajaja Tiraampiin Iraaq keessatti ajjeefaman
Ajjeechaa ajajaa waraanaa beekamoo Iraan kan ta'an Qaasim Solemaanii irratti waraana Ameerikaatii Baagdaadiitti raawwatameen wal qabatee, Ameerikaan lamileenshee atattamaan Iraaqi keessaa akka banaiif ajajjee.
Imbaasiin biyyattii kan Baagdaadiitti argamu akka jedheetti lammilee hundinu saffisa danda'ameen Iraaqi gadhiisuu akka bahaniif akeekachiiseera.
Imbaasichi halellaa dhiheenya kana mormiitootaan irra gaheen wal qabatee tajaajila omaa kennaa akka hinjirre hime, lammileen Ameerikaa gonkumaa gara imbaasichaatti akka hinsiqneef akeekachiiseera.
Yoo danda'ameef karaa qilleensaatiin yoo ta'u baate ammoo karaa biyyoota ollaatii lafoo akka Iraanii bahaniif akeekkachiseera.
Biyyi Iraaqi biyyoota akka Iraan, Saawudii Arabiyaa, Jordiyaa, Soriyaafi Turkiidhaan daangoofti.
Lammilee Ameerikaa karaa qilleensaatiin Iraaqii bahu hindandeenyeef, lafoodhaan karaa Saawudiin bahuun filmaata gaarii jedhamee yaadama.
Ajjeechaa Ajajaa Waraana Iraan
Ajajaan waraanaa beekamaa Iraaniifi namni biyyattiitti akka gootaati ilaalaman, Janaraal Qaasim Solemaanii, waraana Ameerikaatin Iraaq keessatti ajjeefaman.
Ministeerri Raayyaa Ittisa Biyyaa Ameerikaa, Pentaagon, ajaja Pierezidant Donaald Tiraampin qondaalli waraanaa kuni ajjeefamu mirkanesseera.
Janaraal Solemaanin milishoota Iraaniin deeggaramanii waliin osoo buufata xiyyaaraa Baagidaadiiti bahaniiti diroonii Ameerikaatin kan ajjeefaman.
Kana hordofees mootummaan Iraan janaraala waraanaa biyya isaanii Iraaqitti haleellaa loltoota Ameerikaan lubbuun dabarteef haaloo ni baana jechuun dhaadateera.
Hogganaan amantii Iraan Ayaatolaah Ali Kaameni yakkamtoota haleellaa kana duuba jiran irratti haaloo ni baana jedhaniiru.
Mootumaan Iraan lammiileen biyyattii ajjeechaa raawwate akka mormanif hiriira mormii akka qindeesse gabaafameera.
Sagada gaafa Jimaataa booda Iraan keessatti ummanni hiriira balaaleffannaa Ameerikaa ni taasisa jechuun miidiyaa biyyattiitu gabaase.
Ajjeechaan kuni erga raawwatee booda Ministirri Dhimma Alaa Iraan Jaavaad Zaarif ajjeechaa raawwate ''waan hamaadha'' jechuun balaalleeffataniiru.
Janaraal Solemaaniin bulchiinsa Iraan keessatti nama maqaa guddaa qabanidha.
Waraanni Kuuds isaan hoogganan waan dalage hogganaa amantii biyyattii Ayaatolaah Ali Kaameniitti kan kallattiin gabaasu yoo ta'u nama akka goota biyyaatti ilaalumdhas.
Oduun ajjeechaa hogganaa waraana kanaa erga dhagahamee booda Pirezidant Donaald Tiraamp osoo barreeffamaan yaada isaanii hin ibsatin alaabaa Ameerikaa qofa fuula tiwiitara isaanii irratti maxxansaniiru.
Haa ta'u malee, yerooma gabaabaa gidduutti gatiin bob'aa idil - addunyaa 4% guddateera.
Biyyonni maal jedhan?
Imbaasiin Ameerikaa Iraaq jiru lammiileen biyyattii Iraaq keessa jiran dafanii gadhiisuu akka qaban ibseera.
Ministirri Muummee Iraaq Adel Abduul Maahdii ajjeechaa janaraala Iraan balaalleffataniiru.
Ajjechaan raawwate akeeka turtii waraana Ameerikaa Iraaq keessatti qaban kan cabsedha jechuun paarlaamaan walgahii addaa akka taa'u gaafatan.
Gama kaaniin, Raashiyaanis ajjeechaa kana balaalleeffatteetti.
''Ajjeechaan Solemaani maal na dhibdeedhaan kan raawwateefi adduunyaa gutuu muddama keessa kan galchudha,'' jechuun Ministirri Dhimma Alaa Raashiyaa ibsaniiru.
Biyya Iraaniiti boba'aa hedduu kan bittu Chaayinaan immoo qondaaltonni Ameerikaa wanta raawwate akka suuta ilaalan gaafattte.
Maaltu mudate?
Miidiyaalen Ameerikaa akka gabaasanitti Janaraal Solemaaniifi fi qondaaltonni milishaa Iraaniin deeggaraman konkolaataa lamaan buufata xiyyaaraa Baagidaad keessaa bahaa turan.
Egaa yero kanatti ture diroonii [xiyyaara nam - maleessa] kan Yunaayitid Isteet haleellaa irratti raawwaten kan ajjeefaman.
Yeroo sanatti Janaraal Qaasim Libaanos yookiin Sooriyaa irraa gara Iraaq akka seenan amanama.
Konkolaataa isaan waliin ture irratti misaa'elli akka darbatameefi yoo xiqqaate namoonni shan akka ajjeefaman amanama.
Waraanni Warraaqsawaa Iraan akka beeksisetti hogganaan milishaa Iraaq Abu Maahdi al - Muhaandis kanneen du'an kessaati.
Ibsi Pentaagon akka jedhutti ''Ajaja pirezidantiin, lammiilee Ameerikaa ala jiraatan tiksuuf jecha waraanni Ameerikaa Qaasim Solemaanii ajjeese,'' jedheera.
Dabaluunis, ''haleellaan kuni haleellaa fuuladuratti Iraan gaggeessu yaaddu hambisuf kan kaayyeffate dha. Yunaayitid Isteet ummataafi fedhii ishee addunyaarratti qabdu kabachiisuuf tarkaanfi fudhatu itti fufti,'' jedha.
Haleellaan dirooniin raawwate kuni mormitoonni Imbaasii Ameerikaa magaalaa Baagidaad jiru erga haleelani booda kan dhagahame.
Pentaagoon akka jedhetti Janaraal Solemaaniitu Imbaasii Ameerikaa irratti haleellaan akka raawwatu ajaje.
Ajjeechaan maal akeeka?
Xiinxalaan nageenyaa BBC Firaank Gaardiner akka jedhutti haleellaan kuni haleelaa Iraan fuula duratti kaayyeffatte hanqisa ta'a. Garuu, yeroo gabaabaa keessatti waan hin eegamne fiduu mala.
Qaasim Solemaaniin Iraan keessatti nama maqaa guddaa qabu yoo ta'u ergama biyyattiin Baha Giddugaleessaa keessa taasiftu kan raawwachiisudha.
Ajjeechana isaa Yunaayitid Isteetiifi Iraan gidduu muddama ture gara sadarkaa hamaatti geessa jedheera.
Ministirri Dhimma Alaa Iraan Zaarif wanti raawwate ''shorokessummaa idil - addunyaati,'' jedhaniiru.
''Yunaayitid Isteet waan raawwattef itti - gaafatamummaa fudhatti,'' jechuun fuula tiwiitara isaanii irratti barreessan.
Komaandarri duraani waraana warraaqsawaa Iraan Moohisan Rezaayi Iraan ''Ameerikaa irratti haaloo ni baati'' jedhaniiru.
Dubbii Himaan mootummaa Iraan dhimma kana irratti marii taa'uuf jedha.
Janaraal Qaasim Solemaaniin eenyu?
Erga bara 1998, Meejar Janaraal Qaasim Solemaaniin Humna Quuds kan Waraana Warraaqsawaa Iraan keessaa tokko ta'e hogganaa turan.
Humni kuni tarkaanfii dhoksaa biaan ala raawwata jedhamee amanama.
Iraan gahee Humni Quuds Sooriyaa keessatti loltoota Pirezidant Bashir al - Asaadiifi milishoota Shi'a aisaan waliin hiriirran gorsuu isaanii amanteetti.
Iraaq keessattis human waraanaa olaantummaan Shi'a akeessatti mul'atu deeggaruun gareen IS akka falmu gargaaraniiru.
Hookkarri Sooriyaafi Iraaq Janaraal Solemaaniin nama Iraan keessati guddaa leellifamu akka ta'u taasiseera.
Bulchiinsi Obbo Tiraamp Humni Kuuds garee Hezboollaah akkasumas garee Jihaad Paalestaayinif deeggarsa maallaqaa, waraanaafi meeshaa garaa garaa
Ministirri Dhimma alaa Yunaayitid Isteet Maayik Pompewoo Waraanni Warraaqsawaa Iraaniifi Humni Kuuds dhababata shorokessummaa biyya alaa jechuun Ebla darbe dubbachuun isaanii ni yaadatama.