Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Haleellaa boba'aa Saawudii: US loltootashee gara Saawudii Arabiyaatti erguuf
US haleellaa dhaabbilee boba'aa Sawudii ittisuuf humna waraanaa erguuf karoora qabaachuu kan beeksiifte yoo ta'u, Iraan ammoo biyya daangaa isheerratti dhukaasa banu kammiyyuu balleessuuf qophii ta'ushee dhaadattee jirti.
Barreessaan humna Ittisaa Ameerikaa Maark Espaar gaazexeessitootatti akka himanitti, kaayyoon bobbaasuu loltootaa kunis 'ittisaafi'
Baayyini lakkoofsa loltoota ergamanii garuu kan himame hin jiru.
Haleellaa torban darbee dhaabbilee kuusaa boba'aa Saawudii lama irratti gaggeefameef riphee loltoonni Huuttii Yaman kan Iraaniin deegaraman itti gaafatamummaa fudhataniiru.
Jimaata ganamaan ammoo pireezidaant Donaald Tiraamp Iraan irratti qoqobbii sadarkaa olaanaa kaa'amuu qaba jedhanii ture waraanaa akka hinbarbaanne wayita ibsanitti.
''Akkan yaadutti namni cimaanii fi gochi cimini mul'isu yoo jiraate, xiqqoo duubatti of qabuun mul'isuudha,'' jedhaniiru.
Qoqobbiin haaraanis baankii gidduugala Iraan fi qabeenya fandii biyyattii irratti kan xiyyeeffatu dha jedhaniiru Mr Tiraamp.
Iraan maal jettee?
Hajajjaan eegduu Waraaqsa Iraan US fi jaalaleenshee of eeggannoo akka taasisan akkeeachisuun dogongora hin raawwatiinaa jedhaniin jiru.
Yaadni hajajaa Iraan kunis battaluma Ameerikaan deegarsaaf loltoota gara Saawudiitti erguuf karoora qabaachu beeksiifteetti ture.
Ameerikaafi Saawudiin immoo haleellichaaf Iraaniin balaalefachusaanii ni yaadatama.
Iraan garuu himannaa kana haaltee jirti.
Maj-Janaraal Hosseen Saalami harra midyaa biyya keessaaf kennaniin ''Dubbi barbaacha kamiifuu deebii kennuuf qophii keenya xumurameera.''
Itti dabaluunis, ''dubbi barbaacha kamiiyyuu ittisu qabna. Hanga dubbi barbaadoonni barbadaa'anittiis itti fufna,'' jedhaniiru.
Mej-Janaraal Saalimii haasaa magaalaa guddittii Tehraan keessatti sirna baniina agarsiisa to'annoo xiyyaara nama maleessaa irratti taasisaniin, ''qaamaa daangaa Iraanootaa qaxxaamuru kamiiyuu ni rukutu'' jedhaniiru.
Peentaagoon maal jedhee?
Mr Espaar dura taa'aan tokkummaa miseensota olaanaa Janaraal Jooseef Duunfoord waliin ta'uun ibsa taasisan.
Saawud Arabiyaa fi Gamtaan Araboota Emreetis gargaarsa humnaa gaafataniiru jedhan Mr Espaar. Humnichis dandeettii ittisa humna qilleensaafi misaa'elii kan cimsu yoo ta'u, US ammoo dhiyeessii meeshaalee waraanaa biyyoota lamaaniif taasiftu ni dabaltis jedhaniiru.
Janaraal Dunford bobbaasuu loltootaa kanas ''baayyee miti'' jechuun baayyinni isaanii kumaatamaan hinta'u jedhaniiru. Gosa humnoota bobbaafamanii ilaalchise garuu ibsi kennan hinjiru.
Akka New York Times'tti, akka Iraan irratti waraana gaggeessuun kan yaadamu ta'ee gaazexeessitootaan kan gaafataman Mr Espaar, ''ammatti kan irratti argamnu kanaaf miti,'' jechuun deebisaniiru.
Saawudi Arabiyaa keessatti maaltu umamee?
Torbee tokko dura dhaabbilee kuusaa bob'aa Saawudii kanneen akka Abqaa'iq fi Kahurahis haleelamusaaniitiin dhiyeessitiin boba'aa addunyaa akka midhamu ta'eera.
Guyyaa Roobii ammoo, Ministeerri Ittisa Mootichaa xiyyaara nama malee hojjetuun rukutamuufi Iraan harka keessaa qabaachuu himee. Haa ta'u malee biyyattiin bakka haleellaan irraa dhukaafamee adda baasuuf hojjataa akka jirtu dubbi himaan himanii ture.
Ameerikaanis haleellichaaf Iraaniin itti gaafatamtuu taasifte. Qondaalli olaanoon tokko midiyaalee Ameerikaatti akka himaniitti, haaleellichi Kibbaa Iraan irraa ka'usaatiif ragaan qabna jedhaniiru.
Iraan garuu irra deddeebiin haleellicha keessa harka hin qabu jechuun waakkattee jirti.
Akkasumas guyyaa Roobii barreessaan dhimma biyya keessaa Maayik Pompeen haleellicha 'gocha waraanaatii' jechuun ibsanii ture.