Filannoon US 2020: Filannoon Ameerikaa waa'ee siyaasa Itoophiyaa fi hidha haaromsaa maal jijjiira?

Filannoo pireezidantummaa Ameerikaa Sadaasa 3 gaggeeffamu irratti pireezidant Tiraampii moo kaadhimamaan Dimokiraatotaa Joo Baayiden irra aanu laata? Guyyoota shan fuuldura keenyaa adunyaan haalaan eegdi.

Duulli filannoo gara xumuraatti dhiyaachuun filannichaaf guyyootni muraasa hafaniiru. Lammiileen Ameerikaa miliyoona 70 ol hanga ammaatti bahuun sagalee isaanii kennaaniiru.

Hanga ammaatti Joy Baayiden deeggarsa irra caalaa argataa akka jiran miidiyaalen biyyattii gabaasaa jiru.

Filannoo Ameerikaa kana lammiilee biyyattii qofa osoo hin taane hawaasa addunyaa guutuutu eega.

Addatti lammiilee Itoophiyaa fi dhalattoota Itoophiyaa US jiraatan biratti haalaan akka eegamu wantoota taasisan keessa tokko dubbii Doonaaldi Tiraampi waa'ee hidha laga Abbayyaa irratti dubbatanidha.

Hariiroon Itoophiyaa fi US bara bulchiinsa Minilik II bara 1903 keessa kan eegale yoo tahu ergasii biyyootni lameen osoo addaan hin citiin michummaa guddaa uummataniiru.

Waraana Ameerikaan addunyaa irratti shororkeesitoota irratti gaggeesitu keessattis Itoophiyaan michuu Ameerikaati.

Kanuma kan dhugomsu biyyattiin ji'a Fulbaanaa keessa deeggarsa dolaara miliyoona 2.9 humna ittisaa Itoophiyaaf taasifteetti.

Haa tahu malee, deeggarsa haaromsa dinagdee Itoophiyaaf kan oolu doolara miliyoona 130 tahu waadaa galamee ture ammoo akka hin kaffalamneef dhaabuu mootummaan biyyattii ibseera.

Kun Itoophiyaan Masirii fi Sudaan waliin waliigaltee irra osoo hin gahiin hidha guddicha doolaara biliyoona afurii oliin ijaarsisaa jirtu bishaaniin guutuu jalqabnaan tahuu ibsame.

Itti fufuun Doonaaldi Tiraampi Masiriin hidha guddicha Itoophiyaa kana ''ni rukutti'' jechuun isaanii dhalattoota Itoophiyaa biyya alaa jiraanii fi lammiilee biyyattii biratti dheekkamsa kaaseera.

Ergasii lammileen Itoophiyaa hedduun pireezidantichi filannoon akka mo'amu yaada isaanii marsaalee hawaasaa irratti barreessaa jiru, kanneen duula gochaa jiranis jiru.

Ofii bu'aan filannoo kanaa siyaasaa Itoophiyaa fi dubbii hidha haaromsaa irratti jijjiiramni fidu maali?

'Ameerikaan Masirii dhiistee gara Itoophiyaa hin gortu'

Yuunivarsitii Keel biyya Ingilaanditti barsiisaa seeraa kan tahan Awwal Aloo [PhD] filannoo Ameerikaa kana paartiin Dimokiraatotaas tahe paartiin Rippaablikaanotaa yoo mo'atan lamaan isaanii iyyuu imaammata dhimma alaa biyyattiin durumaan ture hojiirra oolchu jedhan.

Kan adda isaan taasisu Tiraamp seeraa fi heera idil-addunyaaf nama hagas mara dantaa qabu waan hin taaneef yaada uummataa ofitti deebisuuf waan isa irraa hin eegamne dubbatu jedhan.

Tiraamp akka pireezidantii biyya tokkootti osoo hin taane al takka takka ''akka daa'ima waggaa torbaatti dubbatu'' jedhan.

Waan isaan hidha Abbayyaa ilaalchisee dubbatanis kanumaan wal fakkaata jedhan. Kanaaf filannoon kun hariiroo US fi Itoophiyaa waggootaaf ture jijjiiruu danda'aa isa jedhuuf Dr Awwal imaammatni alaa Ameerikaa hunduu faayidaa biyyittii irratti qofa kan xiyyeefatedha jedhan.

Itoophiyaa ilaalchisee dhimma hidha laga Abbayyaa irratti durumayyuu Ameerikaan Masirii dhiistee gara Itoophiyaa gorti jedhanii yaaduun dogogora ture jedhan.

Ameerikaan biyyoota Baha Gidduugaleessaa irraa fedha addaa qabdi kan jedhan Dr Awwal addatti Israa'eelin tiksuun isa ijoodha jedhan.

Kanaaf ammoo michuunshee yeroo dheeraafi deeggarsa guddaa gochaafii turte Masirii tahuu himu.

Kanaaf Tiraampis filannoo kana irratti mo'atee kan itti fufu yoo tahe kanuma dhugoomsa amantaa jedhu akka qaban himu.

Paartiin Dimokiraatotaa filannicha yoo mo'atanis kun dubbii ijoo imaammata alaa biyattii waan taheef Itoophiyaaf jijjirama fidu hin qabu jedhan Dr Awwal.

Garuu Joy Baayiden yoo mo'atan adeemsa Tiraamp kanaan osoo hin taane wal dhabdeen biyyoota kanneenii karaa seera idila adunyaa eeggateen akka furamuuf dhiibbaa gochuu danda'u jedhan.

Deeggarsa Itoophiyaaf gochaa turanis itti fufu amantaa jedhu akka qaban himu. Haa tahu malee isas tahu Masirii dhiisee gara Itoophiya gora jedhanii eeguun sirrii miti jedhan.

Bu'aan filannichi biyyoota tokko tokko irratti dhiibbaa guddaa tokko tokko irratti ammoo dhiibbaa salphaa fida malee adunyaa irrattiyuu dhiibbaa mataa isaa fidu qaba jedhan.

Itoophiyaaf Dimokiraatota moo Rippaabilikaanota....?

Dhalattuu Itoophiyaa fi lammii Ameerikaa kan taate Aadde Biraanee Beekaa Galatoo jiraattuu Waashingitan DC kutaa bulchiinsa Meerilaandi yoo taatu, paartii Dimokiraatotaa keessaa gahee hojii akka qabdu himuun 'aangoo deebisnee qabachuuf duula gochaa jirra' jette.

Dhalattootni Itoophiyaa hedduunis sagalee isaanii akka paartichaaf kennan duula gaggeessina kan jettu aadde Biraaneen baqattootni hedduun gara paartichaati jetti.

Maaliif akka paartichatti makamte yoo himtu imaammatni paartichi baqattoota ilaalchisee qabu akka ishee hawwate himti.

Gama biraan paartiin Dimokiraatotaa yeroo aangoo irra turan hariiroo isaan mootummaa Itoophiyaa waliin qaban gaarii tahuu himti.

Pireezidantiin amma aangoo irra jiran Doonaald Tiraamp dhimma hidha guddicha Itoophiyaa irratti gama Masrii goruun Itoophiyaa irratti dhiibbaa taasisaa turan kan jettu aadde Biraaneen deeggarsi Doolaara miliyoona 130 isaan 'addaan kuta' jedhanillee akka hin dhaabbanneef duula gochaa turre jetti.

Dabalataan daawwannaa pireezidantiin duraanii Baaraak Obaamaan gara Itoophiyaatti taasisan akka fakkeenyaatti eeruun paartichi yeroo aangoo pirezidaantummaa argataa turetti biyyattii waliin hariiroo gaariin aka jiraatu gargaareera jetti.

Aadde Biraaneen yoo Joo Baayiden filataman hariiroo biyyootni lamaan kanaan dura qabaachaa turan irra deebiin haaromsuun Ameerikaan deeggarsa gama hundaan Itoophiyaaf gochaa turte itti fufti ilaalcha jedhu akka qaban himan.

Dhalattuun Itoophiyaa fi lammiin Ameerikaa biraa dubbisne Seenaa Jimjimoo filannoon pireezidantummaa kun akka biyyichaattis tahe siyaasa adunyaatti waan murteessaadha jetti.

Paartiin Dimokiraatotaa yeroo aangoo irra turan Afrikaafis tahe Itoophiyaa waliin hariiroo gaarii qabu turan jetti.

Rippaablikaanota irraa aangoo qabachuun amma biyyattii kan bulchan Doonaaldi Tiraampi ammoo dhimma alaa kanaaf dantaa guddaa hin qaban jetti.

Bara 1990 keessa yeroo Dimokiraatotni aangoo irra turan Itoophiyaa waliin michummaa qabu ture.

Siyaasa biyyichaa irrattis dhiibbaa fidaniiru. Garuu hariiroon isaanii fedhii siyaasaan qofa waan hundaa'eef al-kallattinis tahe kallattiin siyaasa Itoophiyaa irratti paartiin kamiyyuu yoo filatame dhiibbaa qabaata jette.

Namni biraa BBC'n dubbise Obbo Eda'oo Baqqalaa Daawannoo Minisootaa keessa jiraata. Naannoo jiraatutti baqattootni baay'een warra Dimokiratotaaf sagalee kennuu malu jedha.

Sababni isaa ammoo imaammata paartichi baqattootaaf qabu irraa kan ka'e tahuu mala jedhan.

Minesotaa keessatti dhiibbaa dhallattuun Somaliyaa Ilhaan Omar Alii fiddes salphaa miti jedhe Obbo Baqqalaan.

Dhimma Laga Abbayyaa

Itoophiyaan Hidha Haaromsaa Guddicha Doolaara biliyoona afurii oliin ijaaraa jirtu ganna darbe kana keessa ture bishaaniin guutuu kan jalqabde.

Kun biyyootni sadeen Itoophiyaa, Masirii fi Sudaan waliigaltee irra osoo hin gahiin raawwate.

Kun michuu Ameerikaa kan taate Masiriinis mufachiisera. Hidhi kun waggaa meeqa keessatti guutuu qabaan madda wal dhabdee isaanii tokkodha.

Ameerikaan jaarsummaan gidduugaltus Masiriif loogdetti komiin jedhu gara Itoophiyaarraa dhagaahamaa ture.

Doonaaldi Tiraampi waliigalteerra akka gahaniif yaalanis loogii Masiriif qabaniin mootummaa Itoophiyaan qeeqamaniiru.

Tibbana ammoo 'Masirin hidha guddicha Itoophiyaa ni rukutti' jechuun isaanii dubbii ijoo biraa ture. Kana ilaalchisee Aadde Biraanee Beekaa, Tiraamp akka irra deebiin hin filatamneef duula gochaa turuu himte.

Seenaa Jimjimoo ammoo dhimmi laga Abbayyaa dhimma biyya keessaa fi lammiilee biyyatti qofa ilaallatudha jetti.

Lamaan isaanii iyyuu Tiraamp filatamuun dhiibbaa qabaachuu akka danda'u eeran.

Filannoon pireezidantummaa Ameerikaa Sadaasa sadii bara 2020 weerara koroonaavaayirasii kana gidduun gaggeeffama.