Hidha Haaromsaa: Itoophiyaan dubbii Pirezidant Tiraamp irratti ambaasaaddara US gaaffiif waamte

Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa Gadduu Andaargaachaw Itoophiyaatti Ambaasaaddara US Maayik Reeynar waamuun dubbii Pirezidantiin US Tiraamp waa'ee hidha Abbayyaa dubbatanirratti ibsa gaafatan.

Obbo Gadduun dubbiin Tiraamp waa'ee hidha Abbayyaa dubbatan 'dogongoraafi dogongorsiisaadha' jedhaniiru jechuun Ministeerri Dhimma Alaa beeksiseeera.

Obbo Gadduun hidha Abbayyaa bishaan gara Masrii yaa'u hin dhaabsisu jechuun nama aangoorra jirurraa wanti akkanaa hin eegamu akkasumas michummaa biyyoota lamaa hin ibsu jechuun ibsan.

Mariin waa'ee hidha Abbayyaa jaarsummaa Gamtaa Afrikaan eegales akka itti fufu ibsuun birmadummaa ishii sarbuuf qaama yaalu kamuf akka harka hin laanne ibsuu ministeerichi beeksiseera.

Gama kaaniin, Bakka Bu'aan Olaanaa Gamtaa Awurooppaa Hoseeph Boorel dhimmi hidha Abbayyaarratti ibsa baasaniin yeroon ammaa kan walii galtee eegalame kan itti fufan malee yerootti muddama itti uuman miti jechuun ibsan.

Dubbii Pirezidaant Tiramp irratti maal jedhame?

Pirezidantiin Ameerikaa waa'ee Hidha Haromsaa Guddicha Itoophiyaa Laga abbayyaarratti dubbii falmisiisaa dubbataniin booda namoonni yaada garaa garaa kennaa jiru.

Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Masiriin Hidhaa Haaromsa Guddicha Itoophiyaa ni rukkutti jechuun ture kan dubbatan.

Pirezidaantichi kana kan dubbatan Ministira Muummee Sudaan Abdallaa Hamdokiifi Ministira Muummee Israa'el Beeniyaamiin Neetniyaahoo waliin bilbilaan osoo kallattiin haasa'aa jiranii ture.

Itoophiyaan waliigaltee Hidha Haaromsaa Guddicha Abbayyaa dhiistee bahuu hin qabdu ture jedhan Tiraamp.

Itoophiyaan ammoo sodaachisawwan dhimma Hidhaa Haaromsa Guddicha Laga Abbayaa waliin walqabsisuun taasifamaan hubannoo dhabuurraa kan ka'aniifi seera idil-addunyaa kan cabsedha jette.

Ministirri Muummee duraanii Itoophiyaa Haayilamaariyaam Dassaalany kanneen dubbii Tiraamp kana qeeqan keessaati.

Barreeffama tiwiitara isaanii gubbaatti barreessaniin dubbiin Tiraamp, 'maal na dhibdeedha' jechuun ciganiiru.

"Dhiifama garuu namichi waan dubbatu waan sirritti beeku natti hin fakkaatu," jedhan Obbo Haayilamaariyaam.

"Itoophiyaafi lammiileen ishee ibsa maal na dhibdee akkanaan hin doorsifaman. Seenaan hunda keenya barsiisa,'' jedhan.

Kantiibaa Itti-aantuun Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanecha Abeebee dhimma Hidhaa Haaromsa Guddicha Itoophiyaa ilaalchisuun dhiibbaa sababa qabatamaa malee nurratti taasifamu dura waloon dhaabbachuu qabna jedhan.

Ergaa fuulaTiwiitera isaaniirratt baasaniin akka jedhan: "Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaa milkaa'inaan xumuruu irraa humni lafarraa duubatti nu deebisu tokkollee hin jiru! Akka Itoophiyaanotaatti tokko taanee waloon dhaabbachuun dhiibbaa sababa qabatamaa malee nutti dhufu dura dhaabbachuu qabna! Yoo waliin dhaabbanne humni biyya lafaa tokkollee nu dhaabuu akka hin dandeenye seenaan raga baha!"

Gama kaaniin miseensi Mana Maree Ameerikaa Jeesan Kiroow jedhamanillee dubbii Tiraamp qeeqan.

Dubbiin Pirezidantichaa waa'ee Hidha Haaromsaa dubbatan, ''maal na dhibdeefi kan hubannoorratti hundaa'e miti,'' jechuun miseensi Mana Maree US Jeesan Kiroow tiwiitara irratti barreessan.

Kiroow Itoophiyaan michuu US bara dheeraati jechuun Ameerikaan jaarsummaa hin baabsinee ta'uun socho'uu qabdi jedhan.

Deeggarsa bajataa wajjiin walqabatee isa Ameerikaan Itoophiyaarraa kuttes qeeqaniiru.

Dhalootaan Itoophiyaa lammummaan ammoo Ameerikaa kan ta'eefi bara 2018 keessa Kaaliforrniyaa Ameerikaarraa Kongirasiif dorgomaa kan ture Ted Alamaayyoo dubbii Pirezedaant Tiraamp dubbatan kan falmaniiru.

Ted Alamaayyoo waggoota afran darban keessa deggaraa cimaa Pirezedaant ta'anillee, dhimma biyya Itoophiyaarratti dubbii isaan dubbatan kanaaf mormaniiru.

Akkas jechuun fuula Feesbuukii isaaniirratti barreessan: "Ani Pirezedaanti Tiraampiin imaammata isaa inni dursa Ameerikaaf' jedhuufan cimsee deggera. Yeroo dubbiin gara biyya koo Itoophiyaatti dhuftu garuu gonkumaa isa dura dhaabbachuurraa duubatti hin deebiyu.

Tiraamp nama gadhee beekumsi bu'uuraa dippilomaasii idil-addunyaa isa hanqatudha.

Pirezedaantiin US kamiyyu akka biyyi biraan Hidhaa biyya walabaa tokkoo rukkuttee diigduuf yaada kennu ykn gorsu hin jiru! Kun waan argamee dhaga'amee hin beekneefi rifaasisaadha!"