Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Joo Baayidan ‘’Bara dukkanaa keessaa akka baataniif ana filadhaa’’ jedhan
Kora guddaa dimookiraatotaa guyyaa afraffaa qabateen haasaa cufinsaa kan taasisan Joo Baayidan 'yeroon dukkana dhaabbachuu qabaata' jira jedhan.
Joon kaadhimamaa pireezidantummaa tahuu isaanii ifatti fudhataniiru.
Joo Baayidan siyaasa keessatti qofa waggoota 47 dabarsaniiru. Baayidan amma gaheessa ganna 77 yoo ta'an filannoo baatii Sadaasa dhufuun filataman mo'atanii Waayit Haawus kan seenan yoo ta'ee waggaa 78 guutu.
Kanaanis seenaa keessatti manguddoo pireezadintii Ameerikaa ta'uun galmaa'u. Tiraamp illee amman tana reefu ganna 74 guutu.
Joo Baayidan haasaa naannoo dhaloota isaanii Wiilmingitan Deelweer irraa taasisaniin ofiisaanii ifatti fakkeessuun, Donaald Tiraampiin immoo dukkanatti fakkeessanii dubbataniiru.
‘’Namni kun Ameerikaa yeroo dheeraaf dukkana keessa kaa’eera,’’ jechuun dubbatan illeen yeroo tokkoolleen Tiraampiin maqaadhaan hin waamne.
''Pireezidantiin keenyi ammaa kun dheekkamsa baayyee kaaseera. Sodaa baayyees nutti uumeera, addaanis nu qoqqoodeera,’’ jechuun yeroon pireezidantummaa Tiraamp Ameerikaanootatti yeroo dhiphannaa akka ture himan.
Amma malawwan qorannoon miiraafi yaadawwan ummataa qalbii ummata biyyattii gara Baayidaniitti akka naanneesse dubbatama.
Haa ta'u malee guyyaa filanootiif guyyaan 75 waan hafuuf bu'aansaa kana fakkaata jechuun raaguun ni ulfaata ta'a.
Joo Baayidan bakka walgahii Bulchiinsa dhalootaa isaa Dalaweeriitti argamuutti lafa namoonni baayyeen hinargamneetti haasaa taasisaniin, xumurarratti dukkana keessaaan gara ifaatti isiin baasa jedheeniira.
'Sodaarra abdii, asoosamaarra dhugaa, loogiirraa haqaa qabadhee dhufeera'' jedhan.
Joo Baayidan haasaa taasisan keessatti yeroo tokkoolleen maqaa Tiraampi osoo hinkaasiin haasaa kan taasian yoo ta'u, tooftaan kunis Tiraampi kan itti fayyadamuun adda.
Tiraampis haasaa Baayidan booda battalmatti twitara isaaniirratti ergaa gadhiisaniin, ''Joo Baayidan waggoottan 47 darban addunyaa siyaasaa keessa wayita turan kan dubbatan ammas haasaa'aa jira, tokkoolleen fiixaan hibaafne. Oduu qofaadhaa,'' jedhaniiru.