Filannoo US: Bor ganama waa'ee filannoo US oduu akkamii dhagahuu dandeenya?

Filannoon US kunoo guyyaa dhumaarra ga'eera, duulli hunduu kan itti goolabamu. Filannoon si'aayinaan eegamaa ture kun kunoo gartokkotti cituuf yeroo muraasatu hafe.

Filannoo baranaa akka kan yeroo kaanii miti. Oduuwwan bitaa nama galantu dhagahamu. Kan eegame hafee kan hin eegamin ta'uutu itti heddummaata.

Har'a lammiileen Ameerikaa heddumminaan ba'anii sagalee kennu.

Filannoon Ameerikaa guyyaa tokkotti eegalee kan xumuramu miti, sagalee kennuun erga eegalamee bubbuleera, hanga ammaatti namoonni miiliyoona 100 ta'an sagalee kennaniiru.

Har'i garuu guyyaa dhumaati. Maarree bor ganama oduu akkamii eegna laata?

Oduuwwaan eegaman saditu jiru.

Tokkoffaa፡ Baayidan salphumatti injifatan

Filannoon Ameerikaatti raaga/tilmaama filannoo duraatu itti heddummaata.

Dhaabbileen dhuunfaa fi miidiyaaleen 'eenyuun filachuuf yaaddan?' gaaffii jedhu uummataaf dhiyeessuun bu'aa filannoo tilmaamu.

Akkaataa tilmaama duraa kanaan Joo Baayidan filannoo Ameerikaa mo'achuu danda'u.

Haata'u malee filannoo darberrattis akkuma kana Hilarii Kilintan ni mo'atu jedhamee tilmaamamee turullee wayita bu'aan filannoo ibsamu garuu waan namni baay'ee hin eegnetu ta'e.

Ta'us garuu tilmaamni bara kana kennamaa jiru kan baroota darbaniirra dhugaatti kan dhiyaatuudha kan jedhanis jiru.

Tilmaamni hanga yoonaatti jiru Baayidan akka biyyaatti filannoo kana irra aanuu mul'isa.

Egaa kana bu'uura godhachuun oduun filannoo bor dhageenyu Baayidan injifannoo galuusaati

Lammaffaa፡ Tiraamp haala nama rifaasisuun filannichirra aanan

Maaliif haala nama rifaasisuun jedhame yoo jettan ammoo tilmaamni nama biraaf kennamee turekaa.

Maddeen miidiyaa US Tiraampi yoo filannoo kanarra aanan, 'tilmaami filannoo ammas dogoggorameera' jechuurraa waan of qusatan miti.

Tiraampi Filooriidaa fi Peensilveeniyaatti yoo mo'atan Baayidanitti dubbiin cimuunshee waan oolu miti.

Tiraampi, kan yeroo darbee caalaa filannoo alanaarratti Laatiin Ameerikaa biratti fudhatama guddaa argataniiru.

Kun ammoo bulchiinsa Filooriidaa keessatti waan guddaa namaaf argamsiisa.

Sadaffaa፡ Joo Baayidan garaagarummaa guddaadhaan mo'atan

Dhugaadha, tilmaamni duraayyuu Baayidan ni mo'atu jedha. Garuu bu'aa filannoo baay'ee walitti dhiyoo ta'een ta'uu eera.

Oduun sadaffaan kun ammoo tarii Joo Baayidan tilmaama duraa kaa'ame cabsanii garaagarummaa sagalee guddaadhaan mo'atan kan jedhu ta'uu mala.

Kun yoo ta'e Pirezidaanti Tiraampitti koronaatu itti taphate jedhamee odeeffamuun waan hin oolle.

Filannoo darberratti Tiraampi ergaa ifa ta'e qabatee dhiyaatanii turan. Mooraa daangaarratti nan ijaarsisa jedhaniiru, muslimoota gara biyya kiyyaa hin galchu waan jedhus kaasaniiru, waa'ee daldalaas ajandaa ifaa ta'e qabatanii dhiyaatanii turan.

Barana garuu karoorasaanii keessaa kana jedhanii wanti irraa dubbatan hin jiru.

Kun ammoo Joo Baayidaniif carraa guddaa ta'uu kanneen siyaasa xiinxalan ni dubbatu.

Kamiifuu qurxiinsaa bor barama.