Sirna Kolonii: Biyya afaanshee dagattee afaan ormaa dirqamaan fudhatte

Ivory Caost

Addunyaarratti taateewwan afaan, aadaafi jiruufi jireenya hawaasa kaanii miidhuun karaarraa dabsan keessaa tokko sirna koloniiti.

Biyyoonni Afriikaa ammoo irra-jireessaan miidhamtoota bulchiinsa koloniiti.

Koloneeffattoonni akka Firaansi, Ingiliz, Italii, Poorchugaal fi kaan biyyoota Afriikaa keessa naanna'uun bakka isaaniif mijatu qubatanii aadaa fi afaan isaanii irratti fe'uun kansaanii akka dagatan gochaa turaniiru.

Biyyoota Afriikaa afaan dhalootaasaanii dagatanii afaan Firaansi, Ingilizi yookiin Poorchugaal akka afaansaaniitti fudhachuuf dirqaman keessaa tokko Ivory Coast.

Biyyi kun afaan dhalootaa ishee 'Nouchi' jedhamu dhiisuun afaan Firaansi qofa dubbachuutti deebitee turte.

Afaan ofii calaqqistuu eenyummaa ofii ta'uu kan hubatan warri Ivory Coast, afaan ganamaa, afaan dhalootaa, 'Nouch' bakkatti deebisuuf ifaajee guddaa gochaa jiru.

Waanjoo kolonii Firaansi jala kan turte biyya dhiha Afriikaa Ivory Coast, saboota afaanota 60 ol dubbatan of keessatti hammattee jirti.

Biyyattii keessatti bara bulchiinsa kolonii irraa eegalee afaan Firaansi afaan hojii fi namni hedduun biyyattii keessatti ittiin walii galu ta'ee tureera.

Haata'u malee erga bara 1960 biyyattii waanjoo kolonii Firaansi ofirraa fonqolchitee, afaan Firaansi gaaffii keessa galaa dhufe.

Afaan kun sababa sirna koloniitiin kan nurratti fe'ameedha jechuun lammiileen biyyattii gaaffii kaasuu eegalan.

Kanaafuu qeerroowwan magaalaa fi baadiyyaa biyyattii afaansaanii ganamaa barbaaduu eegalan, afaan Firaansi ammoo diduu jalqaban.

Afaan Nouchi walleedhaan...

Namoota yaada kana qaban keessaa tokko kan taate weellistuun biyyattii Natacha F Sonloue, afaanshee ganamaa kan ta'e ''Nouchi'' hiika akkanaa itti kenniti.

''N=Afaan biyyaalessaa, O=Afaan ganamaa, U=Afaan tokkummaa, C=mallattoo uummata Ivory Coast, H=gaarummaa uummata Ivory Coast, I=mallattoo eenyummaati'' jechuun hiikti.

Afaan 'Nouchi' wayita dubbannu akka waan namni hedduun dhagahuu fi dubbatuutti waan nutti dhagamuuf hedduu gammadna jettiweellistuun kun.

Lammiileen Ivory Coast afaan aadaa fi eenyummaasaanii calaqqisiisu dubbachuu fedhu.

Kanaaf ammoo 'Nouchi'n fakkeenya guddaadha jedha weellisaa biraan wallee gosa raappiin beekamu Hyanick Akoua.

''Nouchi'n saboota hedduu biratti baayyee jaallatama. Qooqa keenya isa sirriidhaan dubbachuu kan dandeenyudha'' jedha.

Kanaan dura akka waan afaan hiyyeeyyii fi warra hojii hin qabneetti qoollifatamaa kan ture 'Nouchi'n, yeroo ammaa afaan lammiilee Ivory Coast tokkoomse ta'eera.

Afaan kanatti namoota carraa barnootaa hin argatintu dhimma itti ba'aa ture kan jettu weellistuu Naash, yeroo ammaa garuu dirree kamittuu faayidaarra oolaa jiraachuu ibsite.

Gosa sirbaa addunyaarratti beekamu, raappii, afaan Kanaan hojjechuun afaanicha guddisaa jiraachuus dubbatte.

Qabsoon afaan 'Nouchi' akka beekamuuf taasifame lammiileen Ivory Coast tokko ta'anii eenyummaa walfakkaataa ganamaatti akka deebi'an carraa uumeera.

''Nouchi'n nu tokkoomseera. Walitti nu araarseera. Kaaba kibbatti, bahaa dhihatti yoo imalte walii galuu dandeessa.'' Jedha weellisaa Hyanick Akoua.

Nouchi akka afaan miidiyaatti

Afaanni kun yeroo ammaa afaan miidiyaallee ta'eera.

Barruun beekamaan biyyatti 'Gbich' jedhamu afaan Kanaan maxxansaa jira.

Gulaalaan barruu kanaa Illary Simplice barruu keenya nami hunduu akka dubbisuu danda'uuf jecha afaan nami hundi danda'uun qopheessuu eegalle jedhan.

''Dhimma lammiilee Ivory Coast ilaallatu hunda waan hojjennuuf afaan isaan hubataniin qopheessina'' jedhan.

Tarkaanfiin kun hunduu duudhaa keenya ganamaa kan duraan dhabnee turretti akka deebinuuf hedduu gumaacha jedhan.

Nouchi'n yeroo ammaa maneen barnootaa fi kolleejjiiwwan keessattis beekameera.

Inumaa namoonni siyaallee dargaggoota ittiin qabachuuf jecha afaan kanatti dhimma ba'uu eegalaniiru.

Aanga'oonni mootummaallee dhimma itti ba'uu eegalaniiru kan jedhu weellisaa Hyanick Akoua, gara fuulduraatti afaan kun afaan hojii mootummaa ta'a jennee abdanna jedha.

Abdii Kanaan kan guutamte weellistuu Naash, faaruu biyyaalessaa biyyattiillee afaan kanatti geeddartee sagalee kiiloleen sirbitee beeksisaa jirti.