Omar al-Bashir: Sudaan dhimma hoogganaa duraanii Omar al-Bashir jila ICC waliin mari'atte

Manni Murtii Idil-addunyaa, kan namoota (qondaaltota) yakka waraanaa fi ajjeechaa jumlaa lammiileerratti raawwatan himatu (ICC)'n, jilasaa tokko gara Sudaan erguun dhimma hoogganaa duraanii biyyattii Omar Hasan al-Bashir mari'achuu eegaleera.

Omar al-Bashir yakkoota akka ajjeechaa jumlaa raawwachuu, yakka waraanaa fi dhala namaa dararuutiin ICC'dhaan himatamanii barbaadamaa jiru.

Jilli ICC kun dhimma kanarratti mari'achaa hanga Onkoloolessa 21tti tura jedhan Ministirri Muummee Sudaan.

Mootummaan Sudaan, Omar al-Bashir akka dhaddachi ICC irratti dhiyaachuu qaban walii galeera.

Kutaa dhiha Sudaan, Daarfuur keessatti rakkoo dhalate hiikuuf walii galtee hidhattoota riphee loltoota ta'an waliin irra ga'ameen garuu, namni waraana sana keessatti hirmaate kamiyyuu dhimmisaa biyyuma keessatti mana murtii addaatti yaa ilaalamu jedhamee irratti walii galameera.

Kunis Omar al-Bashir ni ilaallata.

Garee ICC amma Sudaan jiran keessaa tokko abbaa alangaa olaanaa Fatou Bensouda dha.

Waraana Daarfuur keessatti bara 2003 irraa eegalee banameen, lammiileen biyyattii 300,000 ta'an ajjeefamaniiru jedha Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii.

ICC'n Omar al-Bashir waliin qondaaltota olaanoo turan lameen Ahmad Haaruun fi Abdelrahiim Mohammadis yakka walfakkaataadhaan himatee jira.

Ministirri Muummee Sudaan Abdallaa Hamdook dhimmi Omar al-Bashir Sudaanuma keessa ta'ee, mana murtii addaatti akka ilaalamu filannoo jedhu dhiyeessanii turan.

Maanguddoon umrii waggaa 76 Omar al-Bashir, bara darbe warraaqsa uummataan aangoorraa fonqolchaman.

Sudaan yeroo ammaa mootummaa ce'umsaa waggaa sadiif turu kan humna waraanaa fi siivilii irraa hundeeffameen bulaa jirti.

Qondaaltonni duraanii malaammaltummaadhaan himatamaniiru.

Omar al-Bashir fi qondaaltonni biroon 27 fonqolcha mootummaa bara 1989 aangootti isaan fideef himatamaa jiru.

Yoo yakkamtoota ta'anii argaman yakki kun du'aan isaan adabsiisuu danda'a.

Omar al-Bashir himata irratti ka'an kanneen haalaniiru.