Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Sudaan waggoota 30 booda seerota ciccimoo bu'uura Islaamummaa qaban fooyyeessite
Seera cimaa bu'uura amantii Islaamaan labsame kan namootni musliima hin taanelle alkoolii akka hin dhugne dhorku, akkasumallee kan amantii dhiisuu dhorku ganna 30 booda haqxee jirti.
Bulchiinsa Omar al-Bashir kan biyyattii bu'uura seera Islaamummaan bulchaa ture jalatti alkoolii dhuguun nama kamiifuu dhorkaa ture.
Akkasumas namni amantii dhiise dhagaan tumamee akka ajjeefamu taasifama ture. Seeronni kunneen haqamanii jiru. Adabbiin uummata duratti uuleen dhaanamuus akka haqamu murtaa'ee jira.
''Sudaan keessatti seerawwan mirgoota namoommaa sarban hunda ni haqna,'' jedhaniiru Ministirri Haqaa Naasraddiin Abduulbaarii.
Qabiyyeen seerawwan fooyya'an kanaa torban darbe keessaa kan ragga'e yoo ta'u, ifatti kan uummataaf himame reefu.
Kana malees biyyattiin dhaqna qabaa dubartootaas seeraan dhorkitee jirti.
Seera haaraa jalatti dubartoonni ijoollee isaanii waliin imaluuf akka kana duraa hayyama dhiiraa isaan hin barbaachisu.
Fooyya'insi seeraa kun qaama riifoormii erga pireezidantiin ganna hedduuf biyyattii bulchaa ture Omal al-Bashir mormii uummataan aangoo irraa ka'anii booda eegaleeti.
Seerri dhugaatii alkoolii haaraan maali?
Lammileen biyyattii musliima hin taane dhugaatii alkoolii dhuguu danda'u, garuu ammoo dhorkaan amantoota Islaamaa irraa ture akkuma jirutti tura jedhan Obbo Abdulbaariin haasaa TV irratti taasisaniin.
Kanneen musliimaa hin taane yoo nama musliima waliin osoo dhuganii argaman ammas ni adabamu jedhan aanga'aan kun akka Sudaan Tiribuun gabaasetti.
Mootummaan mirga namoota musliima hin taanee kan baay'ina uummata biyyattii %3 ta'anii eeguudhaaf tarkaanfiin kun fudhatame jedhaniiru.
Amma alkoolii dhuguu qofa osoo hin taane, gara biyya keessaa galchuun daldaluus ni danda'u jedhameera.
''Loogii bulchiinsa duraan raawwatamaa turan kamuu haquudhaan walqixummaa lammiilee gara fuulduratti adeemsiisuu fi jijjirama dimokiraasii jabeessuuf hojjenna'' jedhan.
Seeronni kunneen jalqaba Ebla keessa kan raggaasifaman yoo ta'u, garuu hojiirra kan olfaman ammaa eegalee akka ta'ee gabaasaan BBC Mohaammad Osmaan Kaartuum irraa gabaaseera.
Jijjiramoonni taasifaman kan biraa maali?
Amma dura namni musliima ta'e amantii isaa yoo dhiisee ykn geeddarate murtee du'aatu itti murtaa'a ture.
Bara 2014 dubartiin Mariyaam Yaahyaa Ibraahim jedhamtu, dubartiin ulfa turte, sababii abbaa warraa kiristaanaatti heerumteef fannifamte akka ajjeefamtu itti murtaa'ee ture.
Haa ta'u malee baqattee biyyaa bahuu dandeessee jirti.
Seerri adabbii namoota amantaa dhiisan uummata duratti reebuu ykn dhaanuu hayyamus haqameera.
Bulchiinsa al-Bashir jalatti sababii balleessaa adda addaatiif poolisiitni ummata fuulduratti namoota garafuun adaba turan. Amma garuu adabbiin kun haqameera.
Kana malees seerri cimaan haala dubartiin itti dubbattuufi ummata fulduratti itti uffatuu to'atu Muddee keessa kaafameera.
Bara 1980n keessa seerawwan bu'uura Islaamaa qaban ciccimoon labsamuun isaa wal waraansa bara dheeraa booda walabummaa Sudaan Kibbaa fide.
Uummanni Sudaan Kibbaa kan irra caalaan isaanii hordoftoota amantaa Kiristaanaa ykn hordoofta amantaa aadaati.