Waraana Sudaan: Seerri Shari'aa bu'uura seerota biyyattii ta'uu qaba

Manni maree waraanaa Sudaan biyyattii bulchaa jiru seerri Shari'aa bu'uura seeroota biyyattii ta'ee itti fufuu qaba jedhe.

Mormitoonni egeree biyyattii ilaalchisuun yaada furmaata kan jedhan qabxilee adda addaa tarreessanii mana maree kanaaf galchaniiru.

Manni maree miseensota 10 qabu kun garuu yaada isaan dhiyeessan keessatti waa'een seera Shari'aa callifamuun isaa shakkii akka itti uume ibseera.

Eebla darbe pireezidantiin biyyattii Omaar al-Bashir aangoorraa erga buufamanii as mormitoonni fi Manni maree waraanaa mariirra turanis hanga yoonaa walii hin galle.

Yaadaa furmaataa miilanaa kana Mana marichaaf kan dhiyeesse walta'iinsa rogeeyyii fi gartuun mormitootaa hundeessan 'Declaration of Freedom and Change Forces' jedhamu dha.

Dubbi himaan Mana maree kanaa Letenant jeneral Shamsaddiin Kabaashii, yaada furmaata dhiyaate hedduu isaarratti waliigaluu gaazexeessitootatti himaniiru.

Haa ta'u malee "yaadi furmaataa dhiyaate bu'uurri seerota biyyattii maal akka ta'e hin ibsine" jedhu.

"Akka ilaalcha keenyaatti seerri Shari'aa fi dudhaafi aadaan biyyattii madda seerota biyyattii ta'uu qaba" jedhu.

Heerri mootummaa Sudaan wayita ammaa jiru biyyattiin seera Shari'aan qajeelfamti jedha.

Haa ta'u malee bara bulchiinsa al-Bashir guutummaatti hojiirra oolaa hin turre. Dhaabbileen mirga dubartootaaf falman mootummaan al-Bashir mirga dubartootaa ittiin ukkaamsaa ture jechuun himatu.

Akka Letenant Jeneraal Kabaashiin jedhanitti qabxiin biraa irratti walii hin galamnes jira.

Mormitonni aangoon labsii yeroo muddamaa labsuu kaabineef kennamuu qaba yaada jedhu dhiyeessani.

Manni marichaa ammoo aangoon kun kan qaama aangoo olaanaa biyyattii harkaa qabu fuulduratti muudamuuf kennamuu qaba jedha.

Yeroon ce'umsaa waggoota afuriif akka ta'us gaafataniiru, Waraanni biyyattii garuu waggoota lamaaf ta'uu qaba jedha.

Waliigalteerra gahamuun waan dhibeef yeroo gabaabaa ji'a jaha hin caalle keessatti filannoo raawwachuuf yaada akka qaban himaniiru.

Gartuu mormitootaa keessa tokko kan ta'e Waldaa Ogeeyyii Sudaaniif dubbi himaa kan ta'e Amjaad Farid, "debii Manni marichaa nuuf kennu xiinxallee ejjennoo keenya ibsina" jedheera.

Aanga'aan olaana waraana biyyatti tokko mana maree cehumsaa namootni waraana hin taane keessatti baay'atan hin fudhannu jechuun armaan dura BBC'tti dubbatanii turan.

Yaadni isaanii kunis qeeqa guddaa kaasee ture.

Gareen mormitootaa ammallee waajjira Waraana biyyattii fuuldura qubatanii mormii isaanii itti fufanii jiru.